kutaan ammaa model
Barnoota shirkii
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
hiikkaa shirkii
fakkeenya shirkii.
hammeenya shirkii.
shirkiin ibaadaa balleessiti, Rabbiin akkana jedhe "osoo Rabbitti qindeessanii wanni isaan kan dalagan tahan isaan duraa baddi".an'aam 88.
shirkiin warra isii ibidda jahannam keessa zalaalam teeysifti. Rabbiin akkana jedhe " namni Rabbitti qindeesse Rabbiin jannata isarratti haraam godhe, itti galli isaa ibidda". maaidah 72.
gosa shirkii
kana jechuun gabrichi waan ibaadarraa tahe takkaan gara kan Rabbi hintahinii hojjatee dhihaachuudha. ibaadaan Rabbiin jaalatu jechaanis tahee hojiin takkalleewu qoodanii kan Rabbi hintahiniif godhuun shirkiidha, kafaruudha. fakkii shirkii guddoo namni Rabbi malee kan biroo kadhachuu, akka dhukkubarraa isa fayyisu, akka rizqii isaaf bal'isu, akkasuma Rabbi malee kan biroorratti irkachuu, yookaa salaatuufii, yookaa qaluufii.
dimmoota kanaafii kanneen kana fakkaatan Rabbi malee kanbirootiif godhuun shirkiidha kufriidha, fayyisuufii hiree kennuun waan Rabbii qofaaf tahe. Rabbirratti irkachuunisaaf salaatuun, isaaf qaluun, tawhiida ibaadaarraayi.
2-shirkii xiqqoo.
fakkii shirkii xiqqoo.
nama waa kadhachuufii irra waa barbaaduun shirkii nitahaa?
du'aafii qaama lubbuu hinqabne kadhachuun shirkii aqliifii islaamummas faallessitu, iimaanas faallessitu. du'aafii qaamni lubbuuhinqabne kadhaa hindhagayu, hindeebisusi, du'aa'iin ibaadaadha, Rabbi malee kan birootiif dabarsuun shirkiidha, shirkiin araba bira ture qaama lubbuunqabneefii du'aa kadhachuudha ture zamana nabiin ergaman.