barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota shirkii

shirkiin gooftummaa Rabbiiti faallessiti. akkuma beekamu waajibni guddaan ibaadaan Rabbi tokkichoomsuudha, gabbarammaa tahuu isaatti amanuu, shirkiin irra guddoo diliiti, rabbi biratti akkaan jibbamtuu. isiin dilii yoo tawbatan malee Rabbiin namaaf hin araaramne. Rabbiinakkana jedhe "Rabbiin isatti qindeessuu hin araaramu, waan sanii gadii abbaa fedheef ni araarama". nisaai 48.

  • -Hiikkaa shirkii beekuu.
  • -hammeenya shirkii beekuu.
  • -gosa shirkii beekuu.

hiikkaa shirkii

shirkii jechuun Rabbiin wajji shariika gabbaran qabachuudha, gooftummaa, gabbarummaa, maqaaleefii sifaata isaa keessatti itti qindeessuudha.

fakkeenya shirkii.

١
shirkii gooftummaa, akka nama Rabbiin malee ka waa uumu jjira jedhuu, yookaa Rabbiin wajji katajaajilu jira jedhuu.
٢
shirkii gabbaramummaa, akka nama rabbiin malee gabbaruu yookaa kadhatuu.
٣
shirkii maqaaleefii sifaataa, akka nama Rabbiin umamatti fakkeessuu.

hammeenya shirkii.

shirkiin Rabbiin tokkichoomsuudhaan wal faallessiti. Rabbiin tokkichoomsanii isa qofa gabbaruun irra guddaa dirqamaa akkuma tahe, shirkiin irra hamtuu diliiti Rabbi biratti. isiin dilii Rabbiin tawbaan malee namaaf hin araaramneedha, Rabbiin akkana jedhe "rabbiin isatti qindeessuu hin araaramu waan sanii gadii abbaa fedheef ni araarama" nisaai 48 nabiin s.a.w. dilii tamtu Rabbi biratti irra hamtuudha jedhanii gaafannaan, nijedhe " Rabbiif shariika godhuu keeti isaa si uume".bukhaarii 4477, muslim 86.

shirkiin ibaadaa balleessiti, Rabbiin akkana jedhe "osoo Rabbitti qindeessanii wanni isaan kan dalagan tahan isaan duraa baddi".an'aam 88.

shirkiin warra isii ibidda jahannam keessa zalaalam teeysifti. Rabbiin akkana jedhe " namni Rabbitti qindeesse Rabbiin jannata isarratti haraam godhe, itti galli isaa ibidda". maaidah 72.

gosa shirkii

١
shirkii guddoo
٢
shirkii xiqqoo

1-shirkii guddoo

kana jechuun gabrichi waan ibaadarraa tahe takkaan gara kan Rabbi hintahinii hojjatee dhihaachuudha. ibaadaan Rabbiin jaalatu jechaanis tahee hojiin takkalleewu qoodanii kan Rabbi hintahiniif godhuun shirkiidha, kafaruudha. fakkii shirkii guddoo namni Rabbi malee kan biroo kadhachuu, akka dhukkubarraa isa fayyisu, akka rizqii isaaf bal'isu, akkasuma Rabbi malee kan biroorratti irkachuu, yookaa salaatuufii, yookaa qaluufii.

١
Rabbiin akkana jedhe "Rabbiin keessan nakadhaa isiniifin awwaadhaa jedhe". gaafir 60
٢
vRabbiin akkana jedhe "yoo mu'imintoota taatan Rabbuma qofarratti irkadhaa". maaidaa 23.
٣
Rabbiin akki jedhe "Rabbii keetiif salaati, qalisi". kowsar 2

dimmoota kanaafii kanneen kana fakkaatan Rabbi malee kanbirootiif godhuun shirkiidha kufriidha, fayyisuufii hiree kennuun waan Rabbii qofaaf tahe. Rabbirratti irkachuunisaaf salaatuun, isaaf qaluun, tawhiida ibaadaarraayi.

2-shirkii xiqqoo.

inni hunda hojii yookaa jecha shirkii guddotti nama geessu, kan isatti karaa nama geessu tahe.

fakkii shirkii xiqqoo.

١
garsiifannaa xiqqoo akka nama salaata dheeressuu nama garsiifachuuf, yookaa nama dhageessisee akka isa dinqisiifataniif jecha qaraatiifii zikriin sagalee olfuudhuu, nabiin s.a.w. akkana jedhe "wanni ani haalaan isinirraa sodaadhu shirkii xiqoodha, shirkiin xiqqoon maali yaa ergamaa Rabbii? jennaan garsiifannaadha jedhan". Ahmad 23630
٢
jechoota waan guutuu tawhiidaa faallessituuf dhoowwamte, akka nama Rabbi malee kan birootiin kakatuu jiruu teetti kakadhe jedhuu, yookaa nabiyyitti kakadhe jedhuu, nabiin s.a.w. kanarraa dhoowwee akkana jedhe "namni Rabbiin malee kan birootiin kakate shirkii seene kufrii seene". tirmizii 1535

nama waa kadhachuufii irra waa barbaaduun shirkii nitahaa?

islaamummaan kuraafaataafi falfalarraa lubbuu namaa bilisoomsuuf dhufe, Rabbiin malee waan birootiif akka hin gabroomne dhoowwe, du'aa kadhachuun hintahu, akkasuma waan lubbuu hinqabnes, isaaf uf gadi qabuunis, dhoowwaadha, kuni shirkiifii jallina taha. ammoo nama jiru waan inni dandayu akka humnaan isa gargaaru yoo halaakarraa akka isa baraaru gaafachuun nitaha. yookaa Rabbi nuuf kadhadhu jechuunis nitaha.

du'aafii qaama lubbuun qabne kadhachuu.

du'aafii qaama lubbuu hinqabne kadhachuun shirkii aqliifii islaamummas faallessitu, iimaanas faallessitu. du'aafii qaamni lubbuuhinqabne kadhaa hindhagayu, hindeebisusi, du'aa'iin ibaadaadha, Rabbi malee kan birootiif dabarsuun shirkiidha, shirkiin araba bira ture qaama lubbuunqabneefii du'aa kadhachuudha ture zamana nabiin ergaman.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi