barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree waan ihraama keessatti dhoowwame

ibsa haajiifii umraa godhaaf yeroo ihraamarra jiran waan dhoowwamerraa fagachuu qaban. kuni waan darsii kana keessatti barattu.

kaayyoo   - waan ihraama keessatti dhoowwame beekuu.                         - waan dhoowwame kana yoo hojjatan adabbii akkamii qabaa beekuu.

waan ihraama keessatti dhoowwame.

isiin waan namni hajjii yookaa umraa hidhate irraa dhoowwamuudha.

wanni ihraama keessatti dhoowwame sadihitti qoodamti.

١
gariin dhiiraafii dubartirrattis dhoowwaadha.
٢
gariin dhiira qofarratti dhoowwaadha.
٣
gariin dubartii qofarratti dhoowwaadha.

wanni ihraama keessatti dhiiraafii dubartirrattis dhoowwame.

١
rifeensa gabaabsuu yookaa haaduu, qeensa cirachuu.
٢
uffataafii qaamattis waan urgaawu fayyadamuu.
٣
qunnamtii saalaa godhuu, akkasuma fedhiin walqaqqabuufii waltabsiisuu.
٤
nikaaha hidhuu, hidhachuufii hidhamuu.dhiiras tahee dubartii.
٥
bineensa barraa tiifii allaattis al'ooluu.

waan ihraama keessatti dhiirarratti dhoowwamerraa.

١
uffata hodhamaa qaamatti naannawu uffachuu, kanneen akka qamiisaa, mudawwaraa, kofoo kanneen kana fakkaatu.
٢
mataa hagooguu waan itti maxxanuun. ammoo wanni akka baraandaa manaa konkolaataa xilaa gaaddiseessituu homaa rakkoo hinqabu.

waan ihraama keessa dubartirratti dhoowwame.

١
niqaabaan fuula uf hagooguu, fuula banatti garuu yoo namni dhiiraa alagaa bira dabre fuula waa itti uwweftee gadi hagoogdi. sun fuula isii tuquun rakkoo miti.
٢
guwantii harkaa uffachuu.

namni waan dhoowwame kana wallaalaan, irraanfiin, yookaa dirqamaan hojjate homaa isarra hinjiran. Rabbiin akkana jedhe "waan dogoggortan keessatti diliin isinirra hinjirtu, ammoo waan qalbiin teeysan beekaa hojjatte (itti qabamtan).ahzaab 5. garuu yoo bare yookaa yaadate daddafee ufirraa kaasa.

namni rakkinarraa beekaa waan dhoowwame kana hojjate adabbii qaba garuu dilii hinqabu.

Rabbiin akkana jedhe "Hajjiifi umraa Rabbiif jecha guutaa Yoo dhorgamtan, horii wareegaa (hadyii) irraa kan isiniif laafe (qalaa) Hanga hadyiin iddoo (qalma) isaa ga’uttis mataa keessan hin haaddatinaa Namni isin irraa dhukkubsate yookiin mataa isaa irra rakkoon jiraate, soomuun yookiin sadaqachuun yookiin qaluun 'fidyaa' haa baasu Yeroo nagaa taatan, namni umraadhaan hanga hajjiitti qanani'e hadyii irraa waan isaaf laafetu irra jira. Namni hin argatin, guyyaa sadi hajjii keessatti, (guyyaa) torba immoo yeroo deebitan (soomuu qabdu). Sun (guyyaa) kudhan guutuudha. (Hadyiin yookiin soomuun) sun nama maatiin isaa masjiidal-Haraam bira (jiraataa Makkaa) hin ta’iniif qofa. Rabbiin sodaadhaa; adabbiin Rabbii cimaa ta’uus beekaa". baqaraa 196.

namni waan dhoowwamerraa waa dalage beekaa rakkoo malee dilaawaadha, adabbiitu isarra jira.

dhoowwamtuun ihraamaa adabbii isii yoo laalle 4tti qoodamti.

١
1 kan adabbii hinqabne sun nikaaha hidhuudha.
٢
2 kan adabbiin isaa gaala qaluuti, sun osoo hiikkanna duraa hinhiikkatin qunnamtii saalaa godhuudha.
٣
sadaffaa waan addabbiin isaa waan balleesseen walfakkaatu, suni bineensa al'ooluudhaa.
٤
4 waan adabbiin isaa soomana , sadaqaa yookaa qaliinsaati. suni adabbii mataa haaddachuuti fii wantoota sadeen himaman alatti hafaniidha.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi