kutaan ammaa model
Barnoota reeffa dhiquufii kafanuu.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
waan yeroo muslimni du'e hojjatamuu qabu.
yeroo abbaan salamata duee ijji isaa banamte nabiin s.a.w. itti ol seenee iji walitti gadi qabee akkana jedhe "yeroo du'aa keessanitti dhuftan ija gadi walitti qabaa".ibnu maajah 1455
obsaafii lubbuu ufqabuu
akuma nabiin s.a.w. abuu salamataan yeroo due jedhe " lubbuun yeroo fuudhamtu ijji jala laalti", eegasii nijedhe " Allaahummagfir li abii salamata warfai darajatahuu filmahdiyyiin, wakhlufhu fii aqibihii filgaabiriin, wagfirlanaa walahuu yaa Rabbal aalamiin, wafsah lahuu fiiqabrihii, wanawwir lahuu fiihi". muslim 920
nabiin s.a.w. akki jedhe "janaazaa daddafsiisaa, yoo gaarii taate toltuu isiitti isii geessitanii, yoo tan sanhintahin taate hamtuudhaa gateetii teessanirra lafa keessanii". bukhaarii1315. muslim 994
5- warra namni irraa due gargaaruu.
du'aa osoo hinkafanneefii hin awwaalle duratti dhiquun dirqama. tokkoon maatii isaa dhiquu dandaya, yookaa fira isaa yookaa muslimaa dhiquu dandaya. nabiin keenya yeroo du'e nidhiqame , inni qulqulluu qulqulleeffamaadha.
du'aa yeroo dhiqan qaama hunda dhiqanii bishaaniin waliin gayuun gayaadha. yoo najisni irra jiraate irraa qulqulleessan. yeroo dhiqan qaama saalaa isaa nidhooysan. seera asiigadii kana eeguun barbaachisaadha:-
1- saala isaa dhooysuu handhuuraafii jilba isaa jidduu.
2- yeroo saala isaa dhiqu guwaantii harkatti kaayyachuu qaba yookaa carqii harkatti marachuu qaba.
3- najisaafii xurii irraa deemsisuun jalqaba.
4- eegasii qaama wuduu'aa tartiiba eegee dhiqa.
5- eegasii mataa dhiqa, itti aansee qaama hunda dhiqa, baala qurquraatiin dhiquutu barbaachisa. yookaa saamunaan. eegasii bishaan hedduu irratti dhangalaasa.
6- dura cinaacha bitaa eegasii mirga dhiqa.
7-yoggusadi
8- waan akka jibrii yookaa carqii
yeoo dhiqaniifii sanboodas. nabiin s.a.w. dubartoota intala isaa zeynab dhiiyxu dhiqaa boodaa keessatti kaafuur godhaa jedheen. kaafuur waan urgaawaati. bukhaarii 1253 muslim 939
eenyutu dhiqa?
aa'ishaan akki jette " osoo waayee kootirraa waan booda hubadhe dura hubadhee silaa nabiin jaartiiwwan isaa malee isa hindhiqan ture" abuu daawud 3141 ibnu maajah 1464
nama du'e waan isa haguuguun kafanuun waajiba fira isaatiifii muslimtootarraa qabu. inni dirqama namni walirraa bakka bu'u. nabiin s.a.w. akki jedhe "uffata keessanirraa adii uffadhaa, isiin caaltuu uffata keessaniiti, du'aa keessanis isiin kafanaa". abuu dawud 3878