barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota reeffa dhiquufii kafanuu.

waan yeroo muslimni du'e hojjachuu barbaachisu.

waan eega muslimtichi du'e booda hojjatuun barbaachisu beekuu.akkaata itti nama du'e dhiqan beekuu.akkaataa kafana nama du'ee beekuu.

waan yeroo muslimni du'e hojjatamuu qabu.

yeroo ruuhiin baatee du'uun mirkanaaye wantoonni kanneen hojjatamii qaban.

suuta kabajaan ija nama du'ee walitti qaban.

yeroo abbaan salamata duee ijji isaa banamte nabiin s.a.w. itti ol seenee iji walitti gadi qabee akkana jedhe "yeroo du'aa keessanitti dhuftan ija gadi walitti qabaa".ibnu maajah 1455

obsaafii lubbuu ufqabuu

sagalee olfuudhanii booyuurraa uf eeguu, faarsuu dhabuu, maatiifii fira isaa sabbarsiisuu, nabiin miciyyoo isaa takka ilmoon irraa duunaan obsatti ajajan. (bikhaarii 1284 muslim 923

3- araaramaafii rahmata isaaf kadhachuu, warra isaatiif obsa kadhachuu.

akuma nabiin s.a.w. abuu salamataan yeroo due jedhe " lubbuun yeroo fuudhamtu ijji jala laalti", eegasii nijedhe " Allaahummagfir li abii salamata warfai darajatahuu filmahdiyyiin, wakhlufhu fii aqibihii filgaabiriin, wagfirlanaa walahuu yaa Rabbal aalamiin, wafsah lahuu fiiqabrihii, wanawwir lahuu fiihi". muslim 920

4-daddafanii janaazaa qopheessuu, dhiquu, irratti salaatuufii awwaaluu.

nabiin s.a.w. akki jedhe "janaazaa daddafsiisaa, yoo gaarii taate toltuu isiitti isii geessitanii, yoo tan sanhintahin taate hamtuudhaa gateetii teessanirra lafa keessanii". bukhaarii1315. muslim 994

5- warra namni irraa due gargaaruu.

rakkoo isaanii takkatakka furuudhaan gargaaruu. nabiin maatii jaifariif nyaata godhaaf jedhe yeroo inni ajjeefame. inni ilma adeera isaati. "maatii jaifariif nyaata godhaa wanni isaan shaagalu isaanitti dhufee jira". abuu daawud 3132 tirmizii 998 ibnu maajah sahiiha godhe 1610

du'aa dhiquu.

du'aa osoo hinkafanneefii hin awwaalle duratti dhiquun dirqama. tokkoon maatii isaa dhiquu dandaya, yookaa fira isaa yookaa muslimaa dhiquu dandaya. nabiin keenya yeroo du'e nidhiqame , inni qulqulluu qulqulleeffamaadha.

akkaataa dhiqaansaa.

du'aa yeroo dhiqan qaama hunda dhiqanii bishaaniin waliin gayuun gayaadha. yoo najisni irra jiraate irraa qulqulleessan. yeroo dhiqan qaama saalaa isaa nidhooysan. seera asiigadii kana eeguun barbaachisaadha:-

1- saala isaa dhooysuu handhuuraafii jilba isaa jidduu.

2- yeroo saala isaa dhiqu guwaantii harkatti kaayyachuu qaba yookaa carqii harkatti marachuu qaba.

3- najisaafii xurii irraa deemsisuun jalqaba.

4- eegasii qaama wuduu'aa tartiiba eegee dhiqa.

5- eegasii mataa dhiqa, itti aansee qaama hunda dhiqa, baala qurquraatiin dhiquutu barbaachisa. yookaa saamunaan. eegasii bishaan hedduu irratti dhangalaasa.

6- dura cinaacha bitaa eegasii mirga dhiqa.

7-yoggusadi

nabiin s.a.w. dubartoota intala isaa zeynab dhiiyxuun akki jedhe "yoggu sadi dhiqaa yookaa shan yoo barbaachisaa tahe sanii ol " bukhaarii 1253 muslim 939

8- waan akka jibrii yookaa carqii

akka wanni najisaa yooka dhiigaa irraa hinyaane hudduu tanboo gurra afaan funyaan cuqqaaluun nitaha.

9- nama du'e urgeessuun jaalatamaadha.

yeoo dhiqaniifii sanboodas. nabiin s.a.w. dubartoota intala isaa zeynab dhiiyxu dhiqaa boodaa keessatti kaafuur godhaa jedheen. kaafuur waan urgaawaati. bukhaarii 1253 muslim 939

eenyutu dhiqa?

١
yoo nami du'e ebalu nahaadhiquu jedhee dhaammate dhaamsi isaa suni nidalagama.
٢
dhiiraaf dubaras kan waggaa torbaa gadii hundaawu dhiirtis dubartiinis dhiquu dandeessi. garuu irra caalaan joollee dhiiraa dhiirti dhiquu joollee dubraa dubartiin dhiquudha.
٣
yoo namni du'e waggaa torbaa ol tahe dhiira dhiira malee hindhiqu dubartis dubartii malee hindhiqu.
٤
jaartiin jaarsa dhiquu nidandeessi jaarsis jaartii dhiquu nidandaya. aliyyi ibnu abii xaalib jaartii isaa faaximaa dhiqe.

aa'ishaan akki jette " osoo waayee kootirraa waan booda hubadhe dura hubadhee silaa nabiin jaartiiwwan isaa malee isa hindhiqan ture" abuu daawud 3141 ibnu maajah 1464

nama due kafanuu.

nama du'e waan isa haguuguun kafanuun waajiba fira isaatiifii muslimtootarraa qabu. inni dirqama namni walirraa bakka bu'u. nabiin s.a.w. akki jedhe "uffata keessanirraa adii uffadhaa, isiin caaltuu uffata keessaniiti, du'aa keessanis isiin kafanaa". abuu dawud 3878

baasiin kafanaa yoo qabeenya qabaate qabeenya isaarraa baafama. yoo inni hinqabaatin nama yeroo jiru isa masruufuun dirqamaarratti jirti baasiin kafanaa. akka abbaa isaa, akaakoo isaa, ilma isaa, ilma ilma isaa, yoo saniif hinlaafiin ummata muslimaa kan qabeenya qabanirratti dirqama.

uffatuma xahaaraa kan qaama isa dhooysuutu gaya kafana reeffaatiif. dhiira tahuu dubartii tahuu.

yeroo kafanan wanni barbaachisu.

١
namni dhiiraa uffata adii 3n akka nabiin keenya kafanametti kafanuu. dubartiin ammoo uffata shaniin kafanamti satrii isii dabaluuf jecha.
٢
yoo dandayame kafanni adii tahuutu caala. nabiin s.a.w. akki jedhe "uffata keessanirraa adii uffadhaa, isiin irra caaltuu uffata keessaniitii, isiin du'aa keessan awwaalaa".abuudawuud 4061 tirmizii 994 ibnu maajah 3566
٣
kafana urgeessuun gaariidha. urgaawaa halaal taheen.
٤
uffata tochanii itti maruu mataafii miilatti maxxansuu. nabiin s.a.w. akki jedhe "tokkoon keessan obboleessa isaa yoo kafane haatolchuu" muslim 943

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi