barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree dhaamsaafiidhaalmaya.

ibsa shari'aan islaamaa muslimtichi dhaamsa du'a isaa booda hojirra oolu dhaammachuu hayyamtee jirti. shari'aa keessatti bifa dinqisiisaan dhaalmaya qooddee jirti. barnoota kana keessatti waayee dhaammannaafii dhaalmayaa nibaratta.

kaayyoo  dhaammanaa jechuun maali?                  gosa dhaammannaafii seera isii baruu                  hiikkaa dhaalmayaa barachuu. 

hiikkaa dhaamsaa

dhaamsa: isiin namni tokko du'a isaa booda waan godhamu nama jirutti dhaammatuudha. akka nama qabeenya isaarraa waa masgiidaaf dhaamuu.

dhammannaa

muslimtichi du'a isaa dura waan qabeenyatti rarra'u waa dhaammachuu dandaya. nabiin s.a.w. akki jedhe "namni muslimaa kan waan dhaammatu qabu barreessee ufbira kaayatu malee halkan lama buluun isaaf hinbarbaachisu". ibnu umar akki jedhe "eega nabiin akkana jedhee dhagayee halkan takkalleen narra hindabarre dhaamsi kiyya nabiratti taatu malee" bukhaarii 2738 muslim 1627

Rabbiin kitaaba isaa keessatti dhaamsa bekkaan gayuu fii deeynii kafaluu durse dhaalmaya qooduu dura. akkana jedhe "eega dhaamsa dhaamatameetiifii deeyniitii( dhaalmayni qoodama).

bifa dhaammannaa

dhaamsi kuni bifa hedduu qaba

1- dhaammannaa dirqamaa.

muslimticharra yoo deeyniin yookaa haqni dirqamaa jiraate barruufii galmeen kana mirkaneessu yoo hinjiraatin dhaammachuun dirqama haqa san mirkaneessuuf jecha. deeynii kafaluun dirqama waan taheef. wanni waajibni isaan malee hinguutamne hundi waajiba.

2- dhaammannaa jaalatamtuu.

isiin muslimtichi du'a isaa booda qabeenya isaarraa toltuu keessatti waa sadaqatuudha. akka fira isaa hiyyeeyyirratti sadaqachuufii kkf isiin ulaagaalee kanneen qabdi;

A- dhaammanaan suni dhaaltota keessaa tokkoof tahuu dhabuudha. isaan Rabbiin isaaniif qoodee jira waan taheef. nabiin s.a.w. akki jedhe. warra dhaaluuf dhaamsi hintahu". abuu dawud 3565 tirmizii 2120 ibnu maajah 2713

B- dhaammanaan 1/3 yookaa kanaa gadi tahuu qabdi. kana ol dhoowwaadha. yeroo sahaabdichi tokko sadeessituu ol dhaammachuu fedhe nabiin nidhoowwee "sadeessituu. sadeessituun hedduudha" jedhe. bukhaarii 2744 muslim 1628.

C- dhaammataan dureessa tahuu, qabeenyi dhaammannarraa hafe warra dhaaluuf gan gayu tahuu. nabiin said binu abii waqqaasiin yeroo inni dhaammachuu ka'e akki jedheen "ati dhaaltota kee dureeyyii dhiisuutu siifcaala hiyyeeyyii harka namaa eeggattu dhiisurra". bukhaarii 1295 muslim 1628.

3- dhaammannaa jibbamtuu.

yoo qabeenyi dhaammataa xiqqaa tahe dhaaltonni isaa itti haajamoo tahan dhaammannaan nijibbamti. dhaaltotarratti rakkise waan taheef. nabiin s.a.w. saidiin akki jedheen "ati dhaaltota kee dureeyyii dhiisuutu siif caala hiyyeeyyii harka namaa eeggatan dhiisurra". bukhaarii 1295 muslim 1628.

4- dhaammannaa dhoowwaa (haraam).

isiin waan sharii'aan dhoowwitetti dhaammachuudha. dhaaltota keessaa tokkof akka ilma hangafaa yookaa jaartii kophaa baasee waa dhaamuufii. yookaa qabrii isaarratti qubbii jaaruu dhaamuu.

hanga dhaammnnaa hayyamamaa.

sadeessituu dhaammachuun nihayyamama. sanirra dabaluun hintahu. inumaa sanirra xiqqeessuutu caala.said binu abii waqqaas yeroo nabiin qabeenya kiyya hundan dhaammadha jedhe nabiin lakki jedheen walakkaa hoo? jedheen. lakki jedheen. sadeessituu hoo? ee "sadeessituu, sadeessituun hedduudha. ati dhaaltota kee dureeyyii dhiisuutu irra siif caala hiyyeyyii harka namaa eeggatu isaan dhiisurra".

namni nama isa dhaalu hinqabne bakka sadeessituu san qabeenya isaa guutuu dhaammachuu nidandaya.

murtii dhaammannaa raawwachuu.

dhaammannaa nama du'ee raawwachuun dirqama, isii ulaagaa sirrii guuttattee yoo guutuu baate namni itti dhaammatan sun nigaafatama. Rabbiin akkana jedhe " namni isa jijjiire eega isa dhagaye booda, diliin isaa warreen jijjiiran sanirratti taha Rabbiin dhagayaa argaadha". baqaraa 181

dhaalamaya.

namni yeroo du'e qabeenya jiruun horate sanirraa hoomaa hinqabu. islaamummaan karaa nuugoote dhaalmaya qooduu abbaa haqaa hundaa haqa isaa keennuu. sun eega deeynii isarra jirtu irraa kafalanii dhaammannaa isaa guutan booda.

qur'aanaafii hadiisni nabii akkataa itti dhaalmaya qoodan adda nuufbaasee jira. akka warri dhaalu qabeenyarratti wal hinlolleef. dhaalmayaa kanqoode Rabbii abbaa murtii haqaati. aadaa biyya isaatiin waliigalchuuf jedhee namni tokkolleen isa jirjiiruufii fooyyessuu hindandayu. eega ayyata dhaalmayaa booda Rabbiin akkana jedhe "suni daangaa Rabbiiti, nama Rabbiifii ergamaa isaa tole jedhe jannata isii jala laggeen yaatu isa seensisa, haala isii keessa zalaam turoo tahaniin, suni milkii guddoodha".nisaai 13.

warraafii firri namticha du'ee yeroo namni irra du'e san gara qaadiifii ulamaaii deemanii gaafachuu qaban akkataa qabeenya nama duee akka ittiqoodan isaanirraa hubachuu qaban. qabeenyarratti wal loliifii walkarakarurraa fagaachuu qaban.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi