barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota ergaa nabi muhammad s.a.w.

eenyummaa nabii beekuu, sadarkaa isaatiifii karaa isaa beekuu.

1-ogummaa ergamtoonni ergamaniif beekuu.2-sadarkaa nabiin kanneen biroorra qabu beekuu.

ilmi namaa ergamtootatti haajama.

ogummaan rabbii ummata hunda keessatti ergamaa isaan gorsu erguu murteessite.diin Rabbiin buuse ummataa kan ibsu, kan isaan duniyaafii akhiraan isaanii toltu kan tahe, Rabbiin akki jedhu "hawaasni tokkolleenuu ergamaan isaan keessatti dhufu malee hintaane". faaxir 24

milkiin aduniyaafii akhiraa harka ergamtootaarratti malee hintaane.gaariifii hamaa karaa isaaniitiin malee beekuun hin dandayamu. jaalalti Rabbii karaa isaaniitiin malee hin argamtu. qajeelfamni isaan dhufanii hajii gaarii jecha gaariifii haala gaarii ufkeessa qaba.

nabiyyummaafii ergamummaa muhammaditti amnuu.

muhammad nabiyyiifii ergamaa Rabbii tahuu isaa dhuga'oomsuu, caalaa warra duraaf boodaa, quxisuu nabiyyootaa kan isa booda nabiyyiin hin jirreedha.ergaa geesse, amaanaa guute, ummata gorse, karaa Rabbii keessatti qabsoo haqaa qabsaawe.

Rabbiin akki jedhe "muhammad ergamaa Rabbiiti".

waan inni odeesse keessatti isa dhuga'oomsuun dirqama,ajaja isaa tole jechuun, waan dhoowweerraa fagaachuun, isatti hidhachuufii akka inni karaa godhetti Rabbi gabbaruu.

quxisuu nabiyyootaafii ergamtootaa.

muhammad s.a.w. xumura nabiyyootaatiifii ergamtootaati,diin isaa kan xumuraati, ergaan isaa tan boodaati, isa booda nabiyyiin hinjiru.

Rabbiin akkana jedhe "muhammad dhiiroowwan keessan keessa abba nama tokkoollee miti ammoo ergamaa Rabbiiti quxisuu nabiyyootaati". ahzaab 40

abii hureyrarraan nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "fakkiin kiyyaafii fakkiin nabiyyota naduraa akka fakki nama mana jaaree bareechee tolchee bakka bilokeetii takkaa moggatti banaa hnbisee, namoonni itti naannawanii dinqisiifataniimaaliif bilokeetii takkitti tana cufuu dhaban? jedhan. ani bilookeeta sani, ani quxisuu nabiyyootaati". bukhaarii 3535.

caalaa nabiyyootaatiifii ergamtootaa.

nabiyyiin keenya muhammad caalaa nabiyyootaati, caalaa umamtootaati.Rabbi biratti sadarkaan isaa hundarra olfuudhamaadha.Rabbiin sadarkaa isaa olfuudhe, kabajaa isaa guddise, Rabbiin akkana jedhe "kitaabaafii hikmaa Rabbiin sirratti gadi buuseera,waan ati kan beeytu hintahin sibarsiise, tolli Rabbiin sirratti oole guddaa tahee jira". nisaa'i 113.

nabi muhammad s.a.w. inni caalaa ilmaan aadami, dura nama qabriin irraa dhootee kaafamuuti guyyaa qiyaamaa, dura araarsaa dura aaraarri isaa qeebalamaati, lowhiin galataa isaatu qabata guyyaa qiyaamaa, dura nama siraaxirra cehuuti, dura nama hulaa jannataa dhadhawuuti, dura nama jannata seenuuti

Rahmata aalamtootaa.

Rabbiin nabi muhammadiin Rahmata aalamaatiif erge, ergaan isaa namaafii jinnis walgeese, Rabbiin akkana jedhe "rahmata uumamtootaatiif malee waa si hinergine". anbiyaa 107.

Rabbiin akkana jedhe "ilma namaa hundaaf malee waa sin ergine". saba'i 28. akkana jedhe "jdhi yaa ilmaan namaa ani ergamaa Rabbii gara keessan hundatti ergameedha".airaaf 158.

Rabbiin rahmata alaamaa godhee isa erge, dukkana kufrii shirkiifii wallaalaarraa akka ifaa beekkomsaa, iimaanaafii tawhiidaa isaan baasuuf jecha. akka araaramaafii jaalala rabbii argataniif, dallansuufii adabbii isaarraa akka nagaya bahaniif jecha.

-

nabi muhammaditti amanuufii jala deemuun dirqama.

ergaan nabi muhammad ergaa isii duraa hunda nishaarte (bakkaa kaaftee ufii bakka buute). nama tokkoolleerraa Rabbiin amantaa irraa hinqeebalu nabi muhammad jala deeman malee, qananii jannataatti gayuun hinjiru karaa nabiitiin malee, inni irra kabajamaa ergamtootaati, ummanni isaatis irra caalaa ummataati, sharii'aan isaatis irra guutamtuu sharii'aati.

Rabbiin akki jedhe "namni islaamummaa malee waan biroo amantummaaf barbaade isarraa hinqeebalamu, inni aakhiratti hoongoytootarraayi" ala imraan 85.

abii hureyraa nabiin s.a.w. akkana jedhe "isaa lubbuun muhammad harka isaa jirtutti kakadhee tokkolleen ummata kanarraa yahuudaa tahee kiristaana tahee ergamuu kiyya dhagayee eegasii diin ani ergameen sanitti osoo hin amanin yoo du'e warra ibidda azaabaa seenurraa tahu malee hinhafu". musnada ahmad 8609

dinqii nabiyyii tan nabiyyuummaa isaarratti qajeelchitu.

Rabbiin harka nabiyyii keenya muhammadirratti dinqisuuftuu hedduu mul'ise. aayatoowwan mul'attuu tan taate. isii keeysa ragaatu jira nabiyyummaafii ergamummaa isaarratti. sanneen keessaa.

qur'aana kabajamaa.

irra guddoon ayata nabiin keenya s.a.w. Rabbirraa keennamee qur'aana kabajamaa kana. qur'aanni kuni lubbuufii sammuu namaa sirreessa, ayyata hanga quyyaa qiyaamaatti turuudha, inni hinjirjiiramu, fooyyessuttis hinhaajamu, inni dinqisiisaadha haasawaafii qindoomina isaa keessatti, seeraafii murtii isaa keessattis, seenaa ibsuu isaa keysattis dinqisiifaadha.

Rabbiin akkana jedhe "jedhi osoo namaafii jinniin fakkaataa qur'aana kanaa fidurratti walitti qabamtee fakkaataa isaa fiduu hindandayan osoo gariin isaanii garii isaaniitiif gargaaraa tahellee". israai 88

jiini dhoohuu.

Rabbiin akkana jedhe "qiyaamaan dhihaatte jiini adda dhoohe, yeroo ayata argan garagalaniiti kuni falfala walitti dhaabbataa jedha". suuraa qamar 1-2. jiini adda dhoohuun kuni jiruu nabii keessatti argamee warri qureyshiifii kan biroollee argee jira,

nyaanni xiqqaan isaaf guddatuu.

hanga namni hedduun isa wajji jiru irraa nyaatee isaanirraa hafutti, kanarraa oduu samuraa binu jundubirraa odeeffame "osoo nuti nabiin bira teenyuu qorii fitfitoo qabdu takaa fidaniif, innis ninyaatee ummannis ninyaatan, hanga zuhriin dhihaatutti ummanni walumaaf dabarsan, ummanni hundi nyaatee biraa kaee ummanni kuun dhufee nyaata" musnadu imaamu ahmad 20135

wantoota fagoo tan argamin nabiin nihime.

eegasii akkuma inni himetti argamti, waan inni himerraa waa hedduutu argame, tan haftes dhawaataan argaa jirra.

anas binu maalik umar waayee warra badriirraa nuuf odeessee akkana jedhe "nabiin bakka kaafiroonni badrii itti du'u nugarsiisuu ture,kaleessumtii guyyaa lola sanii, nijedhe "kuni bakka ebalu boru itti kufu yoo Rabbi jedhe".umar akki jedhe Rabbii haqaan nabiin ergetti kakadhee bakka inni hime san hindabarre jarri achumatti dhume". muslim 2873

haqa nabiin ummata isaarraa qabu.

haqni nabiin ummata isaarraa qabu hedduudha san keessaa kannen kana

1-nabiyyummaa isaatti s.a.w. amanuu.

nabiyyummaafii ergamummaa isaatti amanuu,ergaan isaa ergaa isa duraa hunda shaartee dhuga'oomsuu.

2-isa s.a.w. dhuga'oomsuu.

waan inni odeesse isa dhuga'oomsuu, waan inni ajaje tole jechuu, waan irraa dhoowwerraa fagaachuu, akka inni barsiise qofaan Rabbi gabbaruu. Rabbiin akkana jedhe "waan ergamaan isinii kenne fudhadhaa, waan irraa isin dhoowwe irraa dhoowwamaa".hashri 7.

diin nabiin s.a.w. dhufeen qeebaluu

diin nabiin Rabbirraa nutti fide qeebaluun dirqama. seera isaa kabajuufii jala deemuun dirqama, Rabbiin akkana jedhe "dubbiin akkasi miti Rabbii keetitti kakadhe ummanni hin amannee hanga waan isaan jiddutti irratti waldhaban keessatti si murtesisiifatanitti, eegasii kan qalbii isaanii keessatti waan ati murteessiterraa rakkina hingare, ajajamiinsa ajajamanitti.

4-ajaja isaa faallessurraa ufeeguu.

ajaja ergamaa Rabbii faallessurraa uf eeguu qabna. ajaja isaa diduun rakkoo, jallina fii azaaba laalessaa namatti fida. Rabbiin akkana jedhe " warreen ajaja isaa faallessan rakkoon yookaa azaabni laalessaan isaan tuqurraa haasodaatanii". nuur 63

5-nama kamiiyyuu caalaa isa jaalachuu

nabii keenya s.a.w. lubbuu teenyarra haadhaa abbaaf ilmaan keenyarra nama hundarra jaalachuu qabna. anas nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "tokkoon keessan hin amanu hanga ani isa biratti abbaa isaarra ilma isaarra namahundarra jaalatamaa tahutti". bukhaarii 15.

6- ergaa Rabbii bakkaan gayuu isaa dhuga'oomsuu.

Nabiyyiin S.A.W. ergaa Rabbii bakkan gayuu isaa dhuga'oomsuun dirqama. amaanaa guuteera, ummata gorseera, toltuu hunda ummata barsiisee itti ajajee kajeelchiseera, hamtuu hunda ummata irraa dhoowweera,. Rabbiin akki jedhe "arra diinkeessan isiniif guute, qananii tiyya isinirratti walitti qabeera, amantaaf islaamummaa isinii jaaladheera".maidah 3

sahaabaan walgayii isaanii tan irra guddoo keessatti nabiif ergaa bakkan gayuu isaa ragaa bahan, sun guyyaa arafaa hajjii dhaammannaa yeroo inni gorseedha. jaabir nabiin akkana jedhan jedhe "isin narraa nigaafatamtanii mee maal deebiftan?". jennaan: akki jedhaniin " ragaa nibaana akka ati ergaa geessite, amaanaa bakkan geesse, ummata gorsite" eegasii quba daymaa isaa samitti ol akeekee "yaabbi ragaa tahi, yaa rabbi ragaa tahi" jrdhr. muslim1218

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi