barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota seera dhukkuba weeraraan walqabatu

barnoonni kuni waayee dhukkuba weeraraa seeraa fiqhii isalaamaatiin walqabsiisee, qabxiilee biraas dabalee ibsa.

gorsaafii seera dhukkuba weeraraan walqabatu barachuu.

1- wal'aansafii talaallii

osoo dhukkubni hinbuune duratti talaallachuun niyaha. kuni irkannoo Rabbirrattiitiin wal hinfaallessu. hadiisa sahiihatti nabiin nijedhe : " namni ganama hundaa timira madiinaa firii 7 nyaate guyyaa san keessatti sihriifii summiinis isa hinmiidhu". bukhaari 1445 muslim 2047 kuni balaa osoo hinbuune ittisuu jedhama.

2- nama dhukkubaan shakkame kophaa baasuu.

sharii'aan fayyaan akka dhukkubsatatti hinmakamne dhoowwite, nabiin s.a.w. nijedhe "horiin dhukkubsataan kan fayyaatti akka hinmakamne". bukhaarii5771 muslim 2221

kanaaf jecha dhukkuba daddabru qabaachaa kan fayyaatti makamurraa fagaachuu barbaachisa. garuu maatii isaa dubbisanii, waayee isaarraa gaafatanii, du'aa'ii godhaniifii, qoricha isaa keessatti gargaaruun nitaha. qabeenya, beekamtiifii waan mijjaawe hundaan nigargaarama. sababaa dhukkubni itti facau eeggachuudhaan wajji.

3- biyya dhukkubni weeraraan bue irraa bahuufii itti seenuunis dhoowwaadha.

biyya koleeraan itti bue seenuun dhoowwaadha. irraa bahuunis dhoowwaadha. kanatti hadiisa abdurrahmaan binu oowfii kan nabiin s.a.w. nijedhe "koleera biyya takkatti yoo dhageessan itti hinseeninaa, biyya isin keessa jirtanitti yoo bu'e isa dheefaaf irraa hinbahinaa". bukharii 5729 muslim 2219 kuni yaada waliigalli ulamaaii irra jirani, biyya dhukkubni akkasii itti bue itti deemuun hintahu, yookaa dhukkuba dheefaaf irraa bahuun hintahu.

4- salaata jamaa'aa dhiisuu.

salaanni jamaa'aa dhiirarratti dirqama, garuu ulamaaiin yoo rakkoon shari'aan beeytu argamte waajibummaan namarraa buuti jedhan, aaishaan nabiin s.a.w. yeroo dhukkubsate jamaa'arraa hafee "abiibakri akka ummaataan salaatu ajajaa jedhe". bukhaarii 664 muslim 418 kuni wanni itti nuqajeelchu muslimtichi yoo rakkoo dhukkubaa yookaa waan kana fakkaati qabaate salaata jamaa'aa masjiidaa dhiisuun nihayyamamaaf kophaa salaatuu dandaya.

5- mana keessatti masjiida godhatuu.

muslimtichi mana keessatti masjiida yoo salaanni fardii jalaa dabarte itti salaatu, kan sunnaa itti salaatu qabaachuu qaba. kuni qajeelfama nabiiti. itbaan ibnu mallik nabiin ijji nabaddee manaafii masjiida jidduu lagaatu jiraa, layni galaana qabaa cehee masjiida dhaquu hindandayu jedhe akka nabiin mana isaa ziyaaree itti salaatuuf fedhe akka bakka nabiin itti salaate san masjiida godhatuuf. nabiin dhaqeeti raka'aa lama keessatti salaate.

maymuunaan mana keessaa masjiida qabdi. ammar binu yaasir mana keessaa masgiida qaba. nutis balaa galte tanarraa fayyadamnee mana keenya keessatti masgiida godhachuu qabna.

6-salaata jamaa'aa manatti salaatuun hayyamamaadha.

yeroo masjiidatti salaatuun rakkisaa tahe salaata jamaa'aa manatti salaatuun nitaha. sawaabni jamaatis kanaan ni argama. sahaabonni hedduun salanni masgiidaa jalaa dabarraan jamaa'aa manatti salaatanii jiran, ibnu mas'uud, anas, kanneen biroollee.

7- eenyutu imaama tahutti mala?

yoo jamaa'aa manatti salaatan abbaa manaattu imaama tahuu qaba. yoo inni hindursin kan irra qur'aana beeku, yoo walqixxaatan kan seera salaataa irra beeku, yoo walqixxaatan kan irra umriin guddaati.

8- maimuumni eessa dhaabbata?

maimuumtichi dhiiraa tokko qofa yoo tahe mirga imaama isaati dhabbata, yoo hedduu tahan duuba isaa dhaabbatan. yoo dubartii taate duuba dhaabbatti, yoo dhiiraafii dubartiin walitti qabaman dhiirti imaama boodaan dubartiin dhiira boodaan dhaabbatan.

carraa

weerrarri kuni carraadha warraa joollee keenya salaata barsiisuuf, waayee xahaaraatiifii waan kanaan walqabatus isaaniin wajji kanarratti akka barannu nuuf taha.

9- salaata jamaa'aa dubartii.

dubartiin manatti jamaa'aan salaatuun barbaachisaadha. kuni ummu waraqaa, aaishaa, ummusalamatarraa beekamee jira. jamaa'aan isaanii sawaaba dachaa Rabirraa qaba. imaamtittiin isaanii walakkaa saffii dhaabbatti.

10- dhukkubaan qabamaan jamaa yookaa walgayii dhufuu.

namni dhukkuba daddabraan qabame jamaa'aafii walgayii ummataa dhufuun dhoowwaadha. waan ummata rakkisuuf jecha. Rabbiin akki jedhe "warreen muimintoota dhiiraaf dubartii waan isaan hinhojjatiniin dararan cubbuufii dilii mul'ataa ufbaachisanii jiran" ahzaab 58.

seraa shari'aa kan mirkanaawe keessaa miduunhinjiru miidhaan galchuun hinjiru, namni dhukkuba kanaan qabame nama fayyatti makamuun hintahu, nabiin s.a.w. akki jedhe " dhukubsataan fayyatti akka hinmakamne" bukhaarii 5771 muslim 2221

11- yeroo salaataa maskii uffachuu.

afaan ufhagooguun yeroo salaata jibbamaadha, nabiin s.a.w. irraa dhoowwee jira. garuu yeroo hajaa dhukkubni dabruu sodaate kana uffachuu nidandaya.

12- seera guyyaa jum'aa

yeroo salaanni jamaa'aa cufamte seerri guyyaa jum'aa nijiraata, subhii jum'aatti suuraa sajadaafii hal'ataa alala insan qarauu, sa'aa asrii boodaa tan ijaabaa du'aaii godhachuu, guyyaa san keessatti salawaata nabirratti buusuu baayyisuu, suuraa kahfii qarauu, kunneen itti fufa. seerri kuni ufdandayaa salaataan walitti hidhaa hinqabne waan taheef

13-harka walfuudhuu dhiisuu

harka walfuudhuun sunnadha

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi