kutaan ammaa model
Barnoota kasaaraafii qumaara
kasaaraan yookaa qummaarri maali?
qumaarri tapha namni lama maallaqa qabsiisee taphatu, kan namni injifate kan injifatamerraa maallaqa nyaatu jechuudha. yookaa namarraa nyaatuu yookaa namni sirraa nyaatuu kun lameen keessaa tokko hafa hinqabu.
qumaarri (kasaaraan) waan haraam ta akkaan hamtuuti, qur'aanaafii hadiisaan dhoowwamte.
"Yaa warra amantan! dhugumatti farsoon (kamriin), qumaarri, taabonni, xiyyaan hixaa (carraa) ilaallachuun (raaggachuun) najasa dalagaa sheyxaanaa irraayyii isa irraa fagaadhaa akka milkooftaniif jecha" maaidah 90
1-hunda tapha inijifataan injifatamarraa waa fudhatuuti. akka garee kaartaa xalayaa taphatuu, tokko tokkoon isaanii maallaqa murtaaye lafa kaaya. namni injifate maallaqa san hunda fudhata.
2- taphataan tokko yookaa gareen tokko ni injifata jedhanii maallaqa qabsiisuu, maallaqa baasanii garee yookaa taphataa injifatu eegan. yoo gareen isaa injifate maallaqa nyaata, yoo gareen isaa injifatame maallaqa kasaara.
3- lotorii fii tikeeta muramee hixaan itti buufamu. fakkii akka nama doolaaraan yookaa maallaqa birootiin tikeeta lotorii muratee, hixaan irratti buufamee yoo isaaf baate maallaqa isiin bite san caalu guddatuu xiqqaatuu argata.
4-dorgommii karaa bilbila bilbiluun yookaa miseejiin tan gatii isiitii ol baasii qabdutti hirmaachuu. akkuma san geemni elektirooniifii on line internet hundi akkasuma.tan namni isii taphate waalama keessa hinbaane yooka argachuu yookaa dhabuu.
Rabbiin ni ibse akka qumaara bu'aa isaarra badiin isaa caaltu. akkana jedhe "qumaaraafii farshorraa sigaafatu, isaan lameen keessa dilii guddoo fii faaydaaleenis namaaf nijira dilii isaaniitti faaydaa isaaniirra guddoodha," baqaraa 219
Rakkoo qumaaraafii kasaaraan dhuunfaafii ummatarraan gayu.
اختر مستوى الشرح المناسب لك
يحتوي الدرس الآن على طبقات اختيارية تساعدك على المراجعة السريعة أو التعمق دون مغادرة الدرس.
- الملخص: نظرة سريعة في نحو دقيقة.
- الأساسي: محتوى الدرس الأصلي وهو المسار المعتمد للتقدم.
- المتعمق: تفاصيل إضافية اختيارية عند توفرها.
تقدمك وإكمال الدرس يعتمدان دائما على صفحات المستوى الأساسي.