barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota kasaaraafii qumaara

barnoonni kuni waan qumaaraafii kasaaraan walqabatu ibsa, murtiifii miidhaa isiin hawaasaafii dhuunfarraan geessullee ni ibsa.

qumaraafii kasaaraan maal akka tahe ibsuu.sharii'aa islaamaa keessatti murtiin qumaaraa maal akka tahe beekuu.gosa qumaaraatiifii miidhaa isaa ibsuu.

kasaaraan yookaa qummaarri maali?

qumaarri tapha namni lama maallaqa qabsiisee taphatu, kan namni injifate kan injifatamerraa maallaqa nyaatu jechuudha. yookaa namarraa nyaatuu yookaa namni sirraa nyaatuu kun lameen keessaa tokko hafa hinqabu.

murtii isaa

qumaarri (kasaaraan) waan haraam ta akkaan hamtuuti, qur'aanaafii hadiisaan dhoowwamte.

Rabbiin ni ibse akka qumaara bu'aa isaarra badiin isaa caaltu. akkana jedhe "qumaaraafii farshorraa sigaafatu, isaan lameen keessa dilii guddoo fii faaydaaleenis namaaf nijira dilii isaaniitti faaydaa isaaniirra guddoodha," baqaraa 219

"Yaa warra amantan! dhugumatti farsoon (kamriin), qumaarri, taabonni, xiyyaan hixaa (carraa) ilaallachuun (raaggachuun) najasa dalagaa sheyxaanaa irraayyii isa irraa fagaadhaa akka milkooftaniif jecha" maaidah 90

Rakkoo qumaaraafii kasaaraan dhuunfaafii ummatarraan gayu.

١
Diinummaa ummata jiddutti buusuu:- karaa tapha qumaaraatiin maallaqa namoota kaanii nyaatuun isaa ummata kaan nidallansiisa, jibbaa isaati qoma isaanii guuta. isa miidhuudhaaf akka carraa eeggatan godha. kuni qabatama lafa jiru kan namni hundi beeku. kuni dhuga'oomsa jecha Rabbii kana " sheyxaanni jidduu keessanitti jibbaafii diinummaa buusuu fedha farshoofii qumaara keessatti, akkasuma salaataafii ibaadaa Rabbiirraa isin dhoowwuu fedha".
٢
Salaataafii ibaadaa Rabbiirraa nama dhoowwuu:- kuni fedhii sheyxaanaa guddoodha. akkuma xumura aayata maa'idaa tan dabartetti dhufetti. (sheyxaanni jidduu keessanitti jibbaafii diinummaa buusuu fedha farshoofii qumaara keessatti, akkasuma salaataafii ibaadaa Rabbiirraa isin dhoowwuu fedha).
٣
qabeenya qisaasuufii diinaggee mancaasuu:- sababaa qumaaraatiin dureessa hedduutu deegee dhabaa tahe.
٤
araada qumaara taphachuu:- kan injifatee nyaate balola qumaara ittifufee maalaqa baayyifachuu dabalata. kanyaatame yaada waan nyaatame nindeeffadha jedhuun tapha ittifufa.
٥
Maatiin bittinnaawuu:- namni qumaara heddummeysu tajaajila mana isaa nilaaffisa. maallaqni achitti nyaatamu rakkoo qabeenyaafii sammuu ittifida. yeroo hedduu walhiikuufii mana diiguun xumuramti.

gosoota qumaaraa.

1-hunda tapha inijifataan injifatamarraa waa fudhatuuti. akka garee kaartaa xalayaa taphatuu, tokko tokkoon isaanii maallaqa murtaaye lafa kaaya. namni injifate maallaqa san hunda fudhata.

2- taphataan tokko yookaa gareen tokko ni injifata jedhanii maallaqa qabsiisuu, maallaqa baasanii garee yookaa taphataa injifatu eegan. yoo gareen isaa injifate maallaqa nyaata, yoo gareen isaa injifatame maallaqa kasaara.

3- lotorii fii tikeeta muramee hixaan itti buufamu. fakkii akka nama doolaaraan yookaa maallaqa birootiin tikeeta lotorii muratee, hixaan irratti buufamee yoo isaaf baate maallaqa isiin bite san caalu guddatuu xiqqaatuu argata.

4-dorgommii karaa bilbila bilbiluun yookaa miseejiin tan gatii isiitii ol baasii qabdutti hirmaachuu. akkuma san geemni elektirooniifii on line internet hundi akkasuma.tan namni isii taphate waalama keessa hinbaane yooka argachuu yookaa dhabuu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi