barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Naamusa islaamaa hojii dinaggee keessatti.

Barnoota kana keessatti haalaaf amala gaarii bareedaa hojii diinaggee keessatti barbaachisu baranna.

hiikkaa hojii diinaggee islaama keessatti hubachuu.sharii'aan islaamaa waayee qabeenyaa horachuu keessatti. adda tahuu ibsuu. haalaa amala gaarii islaamaa tan hojii qabeenyaa keessatti barbaachisu.

haalli dhimma jireenyaa hundaan walitti hidhaadha. seera diinaggee islaamaa wanni adda godhu haalaaaf amala gaariin walitti hidhaa tahuu isaati. kuni seera diinaggee islaamaa seerota diinaggee biroorraa adda kophaa filatamaa isa godha.

sossoha qabeenyaa islaama keessatti.

inni hunda waan shari'aan hojjatanii galii irraa argatuu hayyamteeti. seeraafii waliigaltee qabeenyaafii maallaqarratti taate hunda laallata. akka gurgurtaa, bittaa, kireeysuu, aksiyoona, kkf. seerri dinaaggee islaamaa seera shari'aa kan sossoha diinaggeetiifii maallaqaa jidduu ummataattirratti ibsuudha.

Kaayyoo fi goolii daldalaf faayinaansii Islaamaa.

١
jaalala Rabbii mirkaneeffachuu, ajaja isaa kan lafa keessa deemaa dalagadhaa jedhu san. Rabbiin akkana jedhu "inni isaa dachii laaftuu isiniif godhe moggaa isii keessa deemaa hiree isaarraa nyaadhaa, deebiin garuma isaati".mulki 15.
٢
qabeenya dalagachuu rizqii ittiin jiraatan argachuu. qabeenya guddifachuu, faaydaafii bu'aa jiruu mirkaneessuuf. qananii Rabbiin hayyame qanani'uuf.
٣
sadarkaa jannataa olfudhamtuu argachuu. hojii hunda keessatti haraamirraa fagaatanii halaal qofarratti gabaabbatanii. Nabiin s.a.w. akki jedhe "daldalaan amanamaan dhugaa dubbatu nabiyyoota dhuga'oomsitootaafii shuhadaa'ootaan wajji taha" tirmizii 1209
٤
qabeenya akka sharii'aan ajajjetti sossoosuu, akka hawaasa jaaree misoomsee guddisuuf jecha.
٥
haajaa miseensota hawaasaa hunda deebisuu, waan karaa Rabbiin fedhurratti isaan gargaaru, Rabbiif gabroomuu mirkaneessuu, jechootaafii dalagaalee isaaniitiin.
٦
dachii keessatti bakka bu'aa tahuu. seera Rabbiitiin isii misoomsuu. Rabbiin akki jedhu "Rabbiin isa bakkabu'oota dachii isingodhe, kan garii keessan garirra sadarkaalee olfuudhe, waan isinii kenne keessatti isin mokkoruuf jecha. Rabbiin kee daddafsiisaa adabaati, inni araaramaa rahmatagodhaadha". an'aam 165.

jeddu galeessuummaa hojii dinaggee islaamaa keessatti.

islaamummaan amantii haqaati. waan nama tolchuufii waan namaa tolu qabatee dhufe. inni goofta nama uumerraa dhufe. isaanis nibeekaa waan isaan fayyadus nibeeka. Rabbiin ol tahe akkana jedhe " sila inniin uume hinbeekuu, inni suutaan dalagaa, hubataadha". mulki 14. faalla seerota birooti islaamni seera diinaggee guutuu taheen dhufe. kan adduniyyaafii akhiraafis tolu, kan qaamaafii lubbuufis tolu.

tokko - cinaacha duniyaa: sharii'aan islaamaa hojii maallaqaa sirreessitee karaa qabsiifte. akkaataa nama hunda walqixxeessutti. abbaa haqaa hunda haqa isaa argachiisa. hunda bu'a qabeessa godha. akkasuma hulaa halaal hojii keessatti nibal'ifte. waan gara lameenirraa tokko miidhu haraam goote.

sadaffaa- roga amantii: kaayyoon hangafaa seera shari'aa islaamaa kamiiyyuu keessatti jaalala Rabbii argachuufii jannata badhaafamuudha. kanaan wajji seerri diinaggee islaamaa jaalaalaafii walqixxummaa obboleeyyan jiddutti gadi jabeessa. walitti tola oolutti kakaasa. nama deegeef yeroo kennuufaa, waan walnama jibbisiisu kan akka dhala nyaachuufii qumaaraa faa dhoowwe.

haqa keessa jiru laaluudhaan bifti hojii islaamaa kanneen itti aanu kana taha.

tokkofaa haqa: kana jechuun gara lameen wajji hojjatu walqixxeessa. kahindalle ka hin ir'ifne haqa isaa argachiisa. akka gugurtaafii kireysuu gatii fakkaataa isaatiin.kkf. Rabbiin nijedhe "Rabbiin gurgurtaa halaal godhe".baqaraa 275. lammaffaa - tola ooluu: akka nama liqii kafaluu dadhabe yeroo dabaluufii yookaa deynii irraa ir'isuuti. Rabbiin akkana jedhe "yoo rakkataa tahe hanga bal'attuufitti eeggadhaaf, itti sadaqachuutu isiniif caala yoo muimintoota taatan". baqaraa 280.fakkii akka nama hojjataa tokkoon gatii waliigalee, irra caalchisee kennuufii. Rabbiin akkana jedhe "tolchaa Rabbiin tolchitoota jaalata". baqaraa 195.

lammaffaa- miidhaa: innis namni haqa isaatii ol argachuudha, maallaqa namaa cubbuun nyaachuu; akka ribaa, qumaara, hojjataa haqa isaa dhoorkuu fi kana male. Rabbiin oltahe ni ja'e: Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; yoo mu’uminoota taataniif dhala irraa waan (nama irratti) hafe dhiisaa. (278) Yoo (kana) hin hojjatin, lola Rabbiifi ergamaa Isaa irraa ta’e beekkadhaa! Yoo tawbattan mataan qabeenya keessanii isinumaaf (haqa). Hin miitanus; hin miidhamtanus. [Albaqaraa: 278,279]. Nabiyyiin s.a.w ni ja'e: "Rabbiin ni ja'e: sadeen quyyaa qiyaamaa an isaan mormu: nama maqaa kiyyaan kennamee eegasii gane, nama bilisa gurguree gatii isaa nyaate, nama kuulii oolfatee isarraa haajaa bahee gatii isaa hin kenniniif" (Albukhaarii 2227).

amala daldala islaamaa keessa:

١
waadaa hayyamamaa eeguufi galmaaan gahuudha. Rabbiin oltahe ni ja'e: Isin Yaa warra amantan! Waadaa guutaa. [Almaa'idaa: 1].
٢
amaanaa galchuu. Rabbiin oltahe ni ja'e: inni amaname amaanaa isaa haa dhaqqabsiisu. [283].
٣
ragaa dhooysuu dhabuu. Rabbiin oltahe ni ja'e: Ragaa hin dhoksinaa, Namni ishee dhokse, dhugumatti inni onneen isaa dilaawaadha, Rabbiinis waan isin hojjattan beekaadha. [Albaqaraa: 283].
٤
dhugaa fi waliif yaaduu. Ergamaan Rabbii s.a.w warraa walirraa bitu irraa ni ja'e: "yoo dhugaa dubbatanii adda baasan bittaa gurgurtaa isaanii keessatti barakaatu isaaniif godhama, yoo dhokeessanii kijiban barakaan bittaa gurgurtaa isaanii keessaa ni fuudhamti" (Bukhaarii 2079, Muslim 1532).
٥
adda baasuu fi nama ganuu fi hatuu irraa walaba tahuu. Ni ja'e s.a.w: "...namni nu ganes nurraahii miti" (Muslim 101)

amala daldala islaamaa keessaa (2)

١
waan namarratti walfakkaatu eeggachuu. isiin waantoota isaan keessatti haraamii fi halaal namarratti wal fakkaatu, ni ja'e s.a.w "halaal ifa haraamis ifa, isaan jidduu wantoota namarratti walfakkaatantu jira tan namni hedduun hin beyne, namni waan namarratti walfakkaatu eeggate diin isaatii fi naamusa isaatiif qulqullaawee jira, namni waan namarratti walfakkaatu keessa bu'e haraam keesse bu'ee jira" (Albukhaarii 52, Muslim).
٢
Maallaqa namaa haqaan malee nyaachuu dhabuu. Oltahaan ni ja'e: Qabeenyaalee keessan gidduu keessanitti sobaan hin nyaatinaa.abbootii seeraatiifis malaan-maltummaan hin dhihaatinaa, Qabeenya namootaa irraa garii isaa odoo beektan cubbuun nyaachuuf jecha. [Albaqaraa: 188].
٣
Muslimni waan mataa isaatiin jaalatu obboleessa isaatiin jaalatuu, ni ja'e s.a.w: "tokkoon keessan hin amanne hanga obboleessa isaatiin jaalatutti waan mataa isaatiin jaalatu" (Bukhaarii 13, Muslim 45).

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi