barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota keennaa

barnoota kana keessatti hiikkaa kennaafii garii seera isiiti baranna.

hiikkaa kennaatiifii ogummaa isii baruu.seera shari'aa kan kennaan walqabate baruu.sawaaba Rabbirraa argachuuf kennarratti kakaasuu.

Rabbiin arjaadha arjooma jaalata, Nabiin s.a.w. irra arjaa namaati. kennaa niqeebala, galata irratti galcha. isii fudhachutti yaame. isii kajeelchise. kennaan isa biratti jaalatamtuudha.

hiikkaa kennaa.

wan namaa kennuu kafaltiin maletti.

waliigalteen kennaa seera waldhuunfachiisuuti

waan tokko yoo jennu waan hunda ufkeessaa qaba, qabeenyaafii kan birootis.

waan tokko kennuu yogguu jennu faaydaan keessaa hafa akkaataa lamaaf,

١
faaydaan garii fuqahaa'aa biratti qabeenya hinjedhamtu.
٢
faaydaan namaa kennuun ergisa jedhama malee kennaa hinjedhamu.

kennuu jechi jedhu deeynii namarraa qaban namaaf dhiisuu keessaa baasa.

kennaan badhaasaafii kennaa addaatis ufkeessaa qabdi, hundinuu arjummaafii tola ooltummaadha, maxansuudha.

murtii waa kennuu.

kennaan jaalatamtuudha. walnama jaalachiifti, sawaaba argachiifti, qalbii waltaasisti, qur'aanaafii hadiisni ijmaa'ini kennaan jaalatamtuu tahurratti qajeelchan.

shari'an islaamaa kennarratti kakaafte waan lubbuu namaa doynumaa fi bololarraa qulqulleesituuf jecha. qalbii namaa waltaasifti, jaalala uumti, keeysaawuu yoo firaaf yookaa ollaaf yookaa nama nama jibbuuftaate. yeroo garii walmormiin argamtee namni adda fagaata, waliin ooda, firummaan muramti. kennaafii badhaasni yeroo kana qalbii qulqulleessiti. waan adda nama fageessu hunda kaafte. namni Rabbiif jecha waa namaa kenny galata Rabbirraa argata.

Aishaan nabiin s.a.w. kennaa nifudhata galatallee irratti galcha" (bukhaarii. 2585).

ibnu abbas irraa Nabiin irra arjaa namaati tahe. irra arjaa yeroon tahu ramadaana keessa yeroo jibriil isatti dhufu. Ramadaana keessa halkan hunda iitidhufee qur'aana wajji qara'a. ergamaa Rabbiitu qilleensa bubbisturra kheyritti daddafa." bukharii 6 muslim 2308.

roga kennaa.

sikenneen roga kennaa tahurratti waliifgalan, kan biroo keessatti waldhaban, siikennee qofaan mirkanooyti. yookaa waan kennaa garsiisu qofaan. garuu kennamaan hanga fudhatutti hindhuunfatu. qeebaluun fayyadamuuf malee mirkanaawuufii miti.

ulaagaa kennaa.

١
kan kennu nama kennachuu dandayu tahuu.
٢
kan kennu qabaataa waan sanii yooka hayyamamaa tahuu.
٣
jaalalaan kennuu, yoodirqisiifame hinmirkanooytu.
٤
kennamaan qabenyefatuu dandayuu, nama qabeenyefatuu hindandeenyeef kennaan hintaatu. tun uf baruudhaan taati. yoo daaima tahe maatiitu qeebalaaf.
٥
wanni kennamu jiraachuu. waan dhabama kennuun hinmirkanaawu.
٦
kennamaan beekamuu, yoo ifatti adda hinbahin kennaan hinmirkanooytu. akka nama jedheeti " mana kiyya ebaluu kenne yookaa obboleessa isaatii kenne" akkatti kennaan hinmirkanooytu.
٧
kennaan waan ittiin fayyadamuun hayyamamaa keessatti tahuu. waan hingurguramnellee osoo taatee. kennaan gurgutarra bal'oodha.
٨
kennaan waan jiru tahuu qaba. dhabama keessatti sossohuuf argamuu qaba. garuu dhabamaafii wallaalamaa yoo niargamaan abdatame kennuun nitaha.

kennaan beekamaa tahee wallaalamaa tahuu dhabuu keessatti qoodamaa tahuu keessatti waldhaban.

murtii faayda barbaachaaf kennuu.

namni abbaa angoo yookaa hojjataa tokkoo yokaa nama birootii faaydaa isaaf haqa hintahin barbaachaaf kennaa kenne. ka kenneefii kafudhaterrattis haraama. isiin gubboo kennaafii fudhataanis abaarameedha.

yoo akka miidhaa isaa irraa qabuuf kennaa kenneef, yooka akka haqa isaa kan isaaf waajiba tahe isaa kennuuf. tuni nama kennuuf nihayyamamti, hamtuu isarraa deebisuufii haqa isaa tiiysuuf jecha, kan fudhaturratti haraami.

abii humeydi ssaaidiin akki jedhe nabiin namticha tokko kan banii asad irraa tahe kan maqaan isaa ibnul utabiyyaa jedhamu sadaqarratti hojjachiisee. yeroma dhaqu kuni keessani kuni naaf kenname jedhe, Nabiin ka'ee minbararraa dhaabbatee Rabbi faarsee eegasii akki jedhe "maalii haalli hojjataa nuti hojitti erginee yeroo dhufe kuni kuni kiyya jedhu? maaliif mana haadhaaf abbaa isaa hintaa'in akka isaa ergamu maallaalin? Rabbi lubbuun tiyya isa harka jirtuun kakadhee waa fudhatee hinhafu guyyaa qiyaamaa morma isaarratti baatee fidu malee. gaala yoo tahe mar'ataa, horii yootahes mar'ataa, re'ee yootahes mar'ataa. eegasii harka isaa lameen olfuudhe hanga addeenya bobaa isaa arginettidhagayaa ani ergaa geedssee? yoggu sadi jedhe. bukhaarii 7174 muslim 1832

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi