kutaan ammaa model
Barnoota namoota Rabbiin soomana furuu isaaniif laaffise.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
warra Rabbiin soomana furuu isaaniif laaffise.
2-soomana furuun isaaf laaffifame, ramadaana booda gaafa fayye waan fure qadaa kafala, yoo nama fayyuun isaa kajeelamu tahe.
dullummaaf yookaa dhukkuba fayyuun isaa hinkajeelamneef, soomana nifura guyyaa tokkoof miskiina tokko nyaachisa, midhaan biyyaarraa kiiloo takkaf cinaa kennaaf.
isaan lameen soomanni isaanirratti haraami, yoo soomananis fayyaa hintahu, ramadaana booda qadaa kafalan.
intaloon ulfaa yookaa ta daaima hoosiftu yoo lubbuu isiirratti yookaa lubbuu daaimaarratti sodaatte soomana nifurti, qadaa kafalti. anas bin maalik irraa nabiin s.a.w. akki jedheen "mee taai soomanarraan siif odeessaa, Rabbiin nama karaa deemu salaata cinaa irraa lafa kaaye, nama karaa deemu, tan ulfaatiifii tan hoosiftu soomana irraa laaffise".ibnu maajah 1667.
yeroo karaa deemuufii yeroodhaan yoo qubate waan guyyaa afurii gadii keessatti soomana furuun hayyamameef, ramadaana booda qadaa kafala.
Rabbiin akkana jedhe "namni dhukkubsataa tahe yookaa karaa deemsarra jiru, soomana furee guyyaa biroo lakkaayee qadaa haa kafaluu, rabbiin isinirratti laaffisuu fedha, isinirratti jajjabeessuu hinfedhu".baqaraa 185.