barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota namoota Rabbiin soomana furuu isaaniif laaffise.

namootarraa gosa isaanirratti laaffisuufi rahmata isaanii godhuuf Rabbiin ramadaana soomana furuu isaanii laaffiseetu jira.

gosoota namaa kan Rabbiin soomana furuu isaaniif laaffise beekuu.

warra Rabbiin soomana furuu isaaniif laaffise.

namoota gosa gariif Rabbiin soomana Ramadaanaa furuu nilaaffiseef, isaanii laaffisuufii rahmata isaanii godhuuf jecha.

1- dhukkubsataa soomanni isa rakkisu.

2-soomana furuun isaaf laaffifame, ramadaana booda gaafa fayye waan fure qadaa kafala, yoo nama fayyuun isaa kajeelamu tahe.

2- nama soomana dadhabe.

dullummaaf yookaa dhukkuba fayyuun isaa hinkajeelamneef, soomana nifura guyyaa tokkoof miskiina tokko nyaachisa, midhaan biyyaarraa kiiloo takkaf cinaa kennaaf.

3-dubartii heydiifii nifaasiin itti jirtu.

isaan lameen soomanni isaanirratti haraami, yoo soomananis fayyaa hintahu, ramadaana booda qadaa kafalan.

4-ta ulfaatiifii tahoosiftu.

intaloon ulfaa yookaa ta daaima hoosiftu yoo lubbuu isiirratti yookaa lubbuu daaimaarratti sodaatte soomana nifurti, qadaa kafalti. anas bin maalik irraa nabiin s.a.w. akki jedheen "mee taai soomanarraan siif odeessaa, Rabbiin nama karaa deemu salaata cinaa irraa lafa kaaye, nama karaa deemu, tan ulfaatiifii tan hoosiftu soomana irraa laaffise".ibnu maajah 1667.

5-nama karaa deemu.

yeroo karaa deemuufii yeroodhaan yoo qubate waan guyyaa afurii gadii keessatti soomana furuun hayyamameef, ramadaana booda qadaa kafala.

Rabbiin akkana jedhe "namni dhukkubsataa tahe yookaa karaa deemsarra jiru, soomana furee guyyaa biroo lakkaayee qadaa haa kafaluu, rabbiin isinirratti laaffisuu fedha, isinirratti jajjabeessuu hinfedhu".baqaraa 185.

namni rakkoo malee ramadaana fure murtiin isaa maali?

hundi nama ramadaan rakkoo malee furee gara Rabbii tawbachuu qaba. waan ajaja Rabbii cabsee dilii guddoo hojjateef jecha, qadaa guyyaa sanii kafaluun dirqama, nama saalqunnamtiin fure malee, innis nitawbataa guyyaa san qadaa nikafalaa, kanaan wajji addabbii (kaffaaraa) guddootu isarra jira, sunis gabra tokko bilisoomsuu, gabra muslimaa tokko bitee bilisoomsuu jechuudha, islaamummaan carra hundatti nama gabrummarraa bilisoomsutti kakaasa. akka zamana amma jirruu kana yoo san hin argatin ji'a lama walitti dhaabee soomana, yoo hindandayin hiyyeessa jahaatam nuyaachisa.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi