barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota soomana sunnaa

soomana ji'a tokkoo waggatti Rabbiin dirqama godhe.garuu guyyaalee biroo soomanuu faarsee nukajeelchise. galataafii sawaaba guddifachuuf jecha. barnoota kana keessatti garii soomana sunnaatiifii galata isaa baratta.

garii soomana sunnaa beekuu.sawaaba soomana sanii beekuu.

soomana ji'a tokkoo waggatti Rabbiin dirqama godhe.garuu guyyaalee biroo soomanuu faarsee nukajeelchise. galataafii sawaaba guddifachuuf jecha. guyyaalee sankeessaa:

1- guyyaa ashuuraa.

inni guyyaa 10ffaa ji'a muharrami. ji'a tokkoffaa akka lakkoofsa islaamaatti. inni guyyaa Rabbiin nabi muusaa fir'owna jalaa nagaya baase. muslimni muusaan fir'oowna jalaa nagaya bahuu san galata Rabbii galchuuf soomana akkasuma ergamaa Rabbii hordofuuf. nabiin nisoomanee yeroo soomana aashuuraarraa gaafatame akki jedhe "dilii waggaa dabartee namarraa haqa". muslim 1162 isa dura guyyaa 9ffaa soomanuun barbaachisaadha.akkasuma nabiin akki jedhe "yoo bara dhufu eege saglaffas nan soomana". muslim 1134

2-guyyaa arafaa.

inni guyyaa saglaffaa ji'a zulhijjaati, ji'a 12ffaa akka lakkoofsa islaamaatti, guyyaa kana isa keessa hujjaajni beytii Rabbii arafatti walgayan, Rabbi kadhatan, isatti waywaatan, inni irra caalaa guyyaa waggaati, warri hajitti hinjirre soomanuutu barbaachisa. nabiin soomana guyyaa arafaarraa gaafatamee akki jedhe "waggaa dabarteefii dhuftus araarama namaaf taha". muslim 1162

3- guyyaa jaha shawwaalirraa soomanuu.

shawwaal ji'a 10ffaa lakkoofsa islaamaati, nabiin s.a.w. akki jedhe "namni ramadaana soomanee shawwaalirraa jaha itti aanse akka nama waggaa soomaneeti isaaf taha.".muslim 1164

4- ji'a hundarraa guyyaa sadi sadi soomanuu.

abii hureyrarraa odeeffamee "jaalalleen kiyya nabiin s.a.w. waa sadi naaf dhaame, isii tana hanga du'utti hindhiisu: ji'a hunda guyyaa sadi soomanuu, salaata duhaa, witrii salaatee rafuu". bukhaarii 1178. muslim 721

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi