barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota maalummaa ibaadaa

Gabbartiin diin islaamaa keessatti sadarkaa guddaa qabdi, barnoota kana keessatti hiikkaa isii baratta. maalummaa isii raga isiitiifii ogummaa gosti ibaadaa baay'achuu baratta.

  • hikkaa ibaadaatiifii maalummaa isii baruu.
  • gosaafii roga isii baruu.
  • gosa hedduu tahuu isii keessa hikmaa jirtu baruu.

Hiikkaa ibaadaa.

Ibaadaa (gabbartii) jechuun homa Rabbi jaalatu hunda hojiiwwaniifii jechootarraa, tanmul'attuufii tan dhokattus, hojiifii jechi inni jaalatu hundi ibaadatti lakkaawamma.

Maalummaa ibaadaa.

Ibaadaa jechuun ajajamuudha jalala kabajaafii ufgadiqabuun wajji. isiin haqa Rabbiin gabroota isaarraa qabu. tokkolleen itti shariikuun maletti isuma qofaaf haqa taate. isiin hojiifii jechoota Rabbiin jaalatu tan ummata itti ajaje itti kakaase hunda uf keessaa qabdi. hojii mul'attuu akka salaataa, zakaataa, hajjii tahuu, hojii dhokattuu akka qalbiin Rabbi zakkaruu, sodaa, irkannoo, isatti gargaarsifachuufii k.k.f.

Rabbiin rahmata gabroottaniif godhee ibaadaa gosa adda addaa isaaniif taasise.

١
Ibaadaa qalbii akka Rabbi jaalachuu, isa sodaachuu, isarratti irkachuu, isiin irra caaltuu ibaadaati.
٢
Ibaadaa qaamaan godhamtu, isirraa tan arrabaattu jira akka zikrii Rabbii, qaraatii qur'aanaa, jecha gaarii dubbachuu, isirraa ta qaama birootiin hojjatamtujjira, akka wuduu'a, soomana, salaata, gufuu kararraa kaasuu faa.
٣
Ibaadaa qabeenyaan godhamtu, tan akka zakaa, sadaqah, karaa kheyrii keessatti kennachuu.
٤
Isirraa kan kana hunda walitti qabatu jjira, akka hajjiifii umraa.

Hikmaa ibaadaan gosa hedduu tahuu.

Hikmaa Rabbiirraa ibaadaa gosa adda addaa godheef gabroottan isaatiif, akka namni osoo hin hifanne nashaaxaafii mirqaanaan itti jabaatuuf jecha. ta qalbii isaa mirqaansitu akka itti jabaatuuf.

akuma ibaadaan gosa hedduuti namnis fedhiifii dandeettii keessatti gosa hedduudha, gariin namaa ibaadaa garitti mirqaana taanirra. gariin namatti tola ooluutu isa jaalachiisa, kuuni soomana sunnaa heddummeessuu fedha, kan sadeessa qalbiin isaa qur'aana qara'uufii haffazutti mirqaanti.

nabiin s.a.w. akki jedhe "namni warra salaataarraa tahe jannatarraa akka seenuuf hulaa salaataatiin yaamama, namni warra jihaadaarraa tahe hulaa jihaadaatiin yaamama, namni warra sadaqaarraa tahe hulaa sadaqaatiin yaamama, nami warra soomanaarraa tahe hulaa rayyaanirraa yaamama". abuu bakrissidiiq nijedhe namni hulaa san hundaa yaamame rakkorraa bahee (milkaayee), garuu hulaa san hundarraa namni tokko yaamamaa? nabiin "eeyyen, ati jara sanirraa tahuudhan kajeel". bukhaarii 1897, muslim 1027.

ibaadaan damee jiruu hunda ufkeessaa qabdi.

hundi hojii mu'iminaa ibaadaadha yoo Rabbitti dhihaachuu itti niyyate, ibaadaan islaama keessatti gabbartiilee beekamoo tahan tan akka salaataaf soomanaaf fakkattota isaanii qofaa miti, hundi hojii gaggaarii niyyaa bareedduun wajji ibaadaa irratti galata argatan taati, namni muslimaa osoo ibaadaa Rabbiirratti jajjabaachuu itti niyyatee nyaatee, yookaa dhugee, yookaa rafee, sawaaba irratti argata.

muslimni jiruu isaa hunda Rabbiif jiraata, yeroo nyaatu ibaadaa Rabbiirratti jajjabaachuuf nyaata, nyaanni isaa kan niyyaa kanaan tahe ibaadaadha. lubbuu isaa baalagummarraa tiiysuuf fuudha, fuuni isaa ibaadaadha. fakkii kanaan daldalli isaa, hojiin isaa, maallaqa carraaquun isaa ibaadaadha. barnoonni isaa,waraqaa ragaa fudhachuun isaa, qorannoon isaa, waan haarawa baasuun isaa, ibaadaadha. jaartiin jaarsaafii joollee mana isii tajaajiluun isii ibaadaadha. akkanatti adeemsi hojii jiruu hundi dalagaan gaggaariin jiruu hundi, niyyaan toltuun itti qindooynaan ibaadaadha.

ibaadaan waan uumamneefi.

Rabbiin akkana jedhe "namaafii jinnis haa nagabbaraniif malee hinuumne. hireefii na nyaachisus isaanirraa hinbarbaadu, Rabbiin isa kahiree kennuabbaa humna jabduuti". zaariyaat56-58

hikmaan namaafii jinniin uumamaniif ibaadaa Rabbii tahuudha Rabbiin dubbate, Rabbiin ibaadaa isaaniirraa dureessa, isaantu ibaadaa Rabbiiti haajamoodha, waan Rabbitti haajamoo tahaniif jecha.

yeroo namni waan uumameef dagatee, qananii jiruu duniyaa jalatti dhama'e, kan beeyladaa biraatiin walfakkaatu kan sadarkaa hinqabne taha. beeyladoonnis nyaattee bobbaatee jiraatti, garuu akhirattii hingaafatamtu. ammoo ilmi namaa nigaafatama. Rabbiin akkana jedhe "warreen kafaran niqanani'an, akkuma beyladaan nyaattutti nyaatan, ibiddi itti gala isaaniiti". muhammad 12. hojiifii kaayyoon beyladaa fakkaatan, garuu isaan kanarratti galata argatu, isaan waan qalbii ittiin yaadaniifii hubatan qabaniif jecha, faallaa beeyladaati isiin qalbii hinqabdu.

utubaalee ibaadaa.

ibaadaan roga yookaa utubaa sadihirratti gadidhaabbatti isiin sun walguutti.

Roga ibaadaa.

١
Rabbi jaalachuu
٢
sodaafii Rabbiin uf gadiqabu.
٣
kajjeellaafii Rabbitti zannii tolu.

ibaadaan Rabbii gabroottarratti dirqama godhe Rabbiif ufgadi qabuun guutuun jirachuu, isaa sodaachuu, haalaan isa jaalachuufiiisa kajeeluufii abdachuun wajji.

kana jechuun jaalaalti sodaafii ufgadiqabuun wajji hinjirre - akka jaalal nyaataafii maallaqaa - ibaadaa miti. akkasuma sodaan jaalalti bira hinjirre tan akka sodaa bineensa nama nyaatuu yookaa mootii zaalimaa ibaadaa hintaatu. yogguu sodaa, jaalalaafii kajeellaan hojiin wajji ibaadaa taha. ibaadaan Rabbiif qofa malee hintaatu.

muslimtichi yoo salaatee soomanee, kan kanarratti isa kaase jaalala Rabbiitiifii kajeellaa isaa yoo tahe azaaba isaa sodaa yoo tahe, ibaadaa keessa jira jedhama. yoo akkuma hinsalaatu isaan hinjetteef qofa salaate, bu'aa fayyaa qofa barbaachaaf soomane ibaadatti hinjiru.

Rabbiin akkana jedhe "isaan toltutti daddafankajeelaa sodaataa nukadhatan, nuuf sodaatoo tahuu turan" anbiyaa 90

gosa ibaadaa

١
ibaadaa hundee
٢
waan niyyaan ibaadaa tahu.

1-ibaadaa hundee

isiin waan Rabbiifii ergamaan Rabbii s.a.w. itti ajajani, akkaataa itti godhanii. ibaadaa malee waan biraa hintaatu. isiin tan akka salaata, soomana hajjii du'aa'ii, xawaafaafii waan kana fakkaatu, ibaadaaleen tuni Rabbiif malee hingodhamtu, isa malee kan biroorraa galata irratti barbaaduunis hintahu.

2- waan niyyaan ibaadaa tahu.

isiirraa amala gaarii tan Rabbiin itti ajajee itti yaame, haadhaaf abbatti toluu, namatti toluu, roorrifamaa gargaaruu, kkf aadaa babbareedduufi amaloota gaggaarii, tan Rabbiin akka waliigalaatti itti ajaje, tan namni isii dhiisuudhaan dilaayu, ibaadaa gosa tana keessatti hordoffiin bal'innaa dirqamaa miti, isa faallessuu dhabuufii dogoggora eegachuutu gaya.

hojiileen tuni yoo namni hojjatu niyyaa isaa tolfate, jaalala Rabbiitiin gayuu barbaade galata argata, yoo osoo fuula Rabbii itti hin niyyatin hojjate sawaaba itti hinargatu, garuu hindilaayu, ibaadaalee akkanaa tana keessaa hojii idilee jiruuti tan akka hirriibaa, hojii, daldala, ispoortii, kkf. hundi hojii faayda qabeessa namni ittiin jaalala Rabbii barbaadu galata itti argata, Rabbiin akkana jedhe "nuti nama hojii tolche galata isaa hinballeeysinu". kahfi 30

ibaadaan fayyaa tahuufii qeebalamuuf ulaagaa lama qabdi.

,

jechi Rabbii oltahee "ibaadaa Rabbii isaatti tokkollee akka hinqindeessine" ibaadaa Rabbiif qulqulleessutti ajaja. jechi isaa "hojii gaarii" jedhu karaa nabii hordofutti qajeelcha, hojii gaarii jechuun kan sirriidhaa jechuudha, sirrii tahuf ammoo karaa nabii gaxxamuu qaba, namni Rabbiifii guyyaa boodaa barbaade ulaagaa lameen aayata kanatti dubbatamte guutee haa Rabbi gabbaruu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi