barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota maleeykatti amanuu

murteessanii amanuu malaaykaan jiraachuu, isaan ummata fagoo kan hinmul'anne tokkorraayi, kan aalama namaafii jinnii malee jiru, isaan ummata kabajamoo Rabbi sodaatu, kan dhugaan Rabbi gabbaran, kan ajaja isaa raawwachuu malee gonkumaa isatti hindilooyneedha.

hiikkaa malaykatti amanuutiifii barbaachisummaa isaa ibsuu.garii sifaataafii hojii isaanii ibsuu.bu'aa isaanitti amanuun qabdu ibsuu.

hiikkaa malaaykatti amanuu.

murteessanii amanuu malaaykaan jiraachuu, isaan ummata fagoo kan hinmul'anne tokkorraayi, kan aalama namaafii jinnii malee jiru, isaan ummata kabajamoo Rabbi sodaatu, kan dhugaan Rabbi gabbaran, kan ajaja isaa raawwachuu malee gonkumaa isatti hindilooyneedha.akkuma Rabbiin jedhe "isaan gabroottan kabajamoodha, jechaan isa hindursan isaan ajaja isaatiin dalagan". anbiyaa 26-27

barbaachisummaa malaaykatti amanuu.

malaaykatti amanuun tokkoo arkaana iimaanaa jahaniiti. Rabbiin s.w. akkana jedha "ergamaan waan Rabbii isaarraa isarratti gadi buufametti amane, muimintoonni hundinuu Rabbitti amanan malaaykaa isaattis kitaabban isaattis, ergamtoota isaattis..." baqaraa 285. nabiin s.a.w. iimaanarraa dubbatanii akkana jedhan "Rabbitti amanuu keeti malaaykaa isaattis kitaabban isaattis, ergamtoota isaattis, guyyaa boodaattis, murtii Rbbii toltuufii hamtuu isiittis amanuu keeti".muslim 8

malaaykatti amanuun dirqama nama hundaati, namni itti kafare nimucucaata nijallata. Rabbiin akkana jedhe "namni Rabbitti kafare malaaykaa isaattis, kitaabban isaattis, ergamtoota isaattis, guyyaa boodaattis kafare dhugaa jallina fagoo jallatee jira". nisaai 136. kufrii nama wantoota kana mormerratti murteessee jira.

nabiin s.a.w. akki jedhe "samiin nirakkatte malaaykaan guutamte isiii keessa bakkiti taakkuun takka hinjirtu malaaykaa salaataaf dhaabbatu yookaa rukuu'u yooka sujuudu tahu malee.

malaaykatti amanuun maal ufkeessaa qaba?

١
jireenya isaanii dhuga'oomsuu, isaan uumamtoota Rabbiitii argamoodha nijiran jennee dhuga'oomsina.
٢
warreen isaanirraa maqaa isaanii beeyne kan akka jibriil adda baafnee itti amanna, kan maqaa isaanii hinbeynee akkuma waliigalaatti itti amanna.
٣
waan wahyiin (qur'aanaaf ahdiisni) hime sifaata isaaniirraa itti amanna.
٤
waan wahyiin (qur'aanaaf ahdiisni) hime hojii isaanii tan ajaja Rabbiitiin hojjatanirraa itti amanna.

sifaata malaaikaa tan itti amannu keessaa.

١
isaan ummata fagoo (gaybii) kan ijaan hinmul'anneedha, isaan uumamoodha Rabbi gabbaran, sifa Rabbumaadhaa hinqaban, isaan gabroota Rabbiiti, ajaja Rabbiiti hordofan, Rabbiin akkana jedhe "waan inni isaan ajaje Rabbitti hindilaawan, waan ajajaman hojjatan". tahriim6.
٢
isaan ifarraa uumaman nabiin s.a.w. akki jedhe "maleeykaan nuurarraa umamte" muslim 2996
٣
isaan goflaa (kooluu) qaban heddumminni isii walcaala, Rabbiin malaaykaaf kooluu lakkoofsaan walcaaltu godheef, Rabbiin akkana jedhe "galanni Rabbiif haagalu kan samiifii dachii uume, kan malaaykota ergamtoota kooluu lama lama, sadi sadi, afur afur qaban godhe. umaa keessatti waan fedhe dabala, Rabbiin waa hundarratti dandayaadha".faaxir 1.

Rabbiin malaaykaa hojii hedduu irra kaaye. san keessaa:

١
ergaa Rabbii nabiyyootaa isaa biraan gayuu, kan sanirratti ramadame jibriili.
٢
lubbuu waan du'uu baasuu (fuudhuu) kan sanirratti ramadame malakul mawtiifii gargaartota isaati.
٣
hojii gabroottanii toltus taatee hamtuu tiiysuufii barreessuu, kan sanirratti ramadaman kiraaman kaatibuuna.

yeroo hedduu balaa hamtuu jalaa nama nagaya bahu garree dinqisiifanna, malaaykaan ajaja Rabbiitiin akka nama tiiysitu yaadachuu qabna.

malaaykatti amanuun jiruu muiminaa keessatti bu'aa guddaa qabdi. sankeessaa:

١
guddina Rabbii humnaafii guutuummaa dandeettii isaa dhuga'oomsuu, uumamni guddachuun guddina khaaliqaarraayi, muimintichi iimaanaafii Rabbi kabajuu dabalata, Rabbiin ifarraa malaaykaa koola qabdu uumuu isaatiif.
٢
ibaadaa Rabbiirratti gadi jajjabaachuu, namni malaaykaan hojii isaa hunda nibarreessitii beeke kuni sodaa Rabbiiti isatti fida. mul'iseellee dhooysee isatti hindilaayu.
٣
ibaadaa Rabbiirratti oobsuu, abdiifii boohartii qabaachuu, malaaykaa kumootaatuu isaan wajji tolchee guutee Rabbi gabbara jechaa beeka,
٤
Rabbiin galateeffata waan ilma namaa kabajeef malaaykaa isa eeyduufii tiiysitu isaa godheef.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi