barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota ergamtootatti amanuu

ergamtootatti amanuun arkaana iimaanaa jahan keessaa tokko. Rabbiin akkana jedhe "ergamaan waan Rabbii isaarraa itti gadi buufametti amane, muimintoonnis, hundinu Rabbiifii, malaaykaa isaatiifii, kitaabban isaatiifii, ergamtoota isaatti amanan (dhuga'oomsan) jidduu anbiyoota isaa tokkollee gargarhinbaafnu (jedhan)" baqaraa 285 aayanni ergamtoota hundatti amanuun dirqama tahutti qajeelchiti. osoo addaan hinbaafnetti, garitti amannee garitti hinkafarru akka haala yahuudaafii nasaaraatti.

hiikkaa ergamtootatti amanuu ibsuu.sifa nabiyyootaatiifii ergamtootaa beekuu.garii mu'ijizaalee isaanii beekuu.bu'aa isaanitti amanuu beekuu.

hiikkaa ergamtootatti amanuu.

inni murteessannii dhuga'oomsuudha Rabbiin ummata hunda keessatti nabiyyoota isaanirraa tahe ergeera, kan ibaadaa Rabbii tokkicha shariika hinqabneetti isaan yaamu, Rabbiin akkana jedhe "dhugumatti ummata hunda keessatti ergamaa ergine akka Rabbi gabbartanii jalliftootaarraa fagaattan (jechuudhaan).nahli 36

nabiyyoonni hundi isaanii dhuga dubbatoodha, dhuga'oomfamoodha, Rabbi sodaatoodha, amanamoodha, qajeeltota qajeelchitoota, isaan waan Rabbiin isaaniin erge hunda geessanii jiran, hindhooysine hinjijjiirre, ufbira harfii takkallee itti hin idaane irraayis hinirifne, Rabbiin akkana jedhe "isaanoowwan ergaa Rabbii geessani, kan isa sodaatani, kan Rabbi malee tokkollee hinsodaanne qorataa tahutti Rabbiin gayaadha".al'ahzaab 39.

ergaa Rabbiitti namni haajamaadha.

ilma namaatiif ergaan Rabbii barbaachiftuudha, tan shari'aa isaaniif ibsitu, tan karaa qajeelaafii sirrii isaan qajeelchitu. ergaan Rabbii lubbuu aalamaati,ifaafii jiruu isaati. alamni jiruu maal qabaata yoo ruuhiin jiruufii ifaan irraa dhabame?

tanaaf Rabbiin ergaa isaa ruuhii jedhee moggaase, ruuhiin dhabamnaan jiruun dhabamte. Rabbiin akkana jedhe "kunoo akkatti beysisa sitti goone ruuhii ajaja keenyaraa taate.duraan kitaabaafii iimaannis maal akka tahan hinbeytu, garuu nuti ifaa gabroottan keenyarraa abbaa feeneen qajeelchinu goone". shuuraa 52. kana jechuun qalbiin namaa toltuufii hamtuun akka waliigalaatti addaan nibeyti. garuu addababaaftee beekuu ibaadaa raawwachuufii akkaataan isii wahyiifii ergaa Rabbiitiin malee beekamuu hindandayu.

milkiifii tolli biyya lameenii karaa harkaa nabiyyootaarraan malee hinargamu, gaariifii hamaa sirritti addaan baasanii beekuun karaa isaaniitiin malee hinmmalu, namni ergaaa Rabbiirraa garagale hangumaa garagaliinsaafii fallessuu isaatiin hoongoo yaddoofii dhamaiinsi isatti dhaqqaba. Rabbiin akkana jedhe nijenneen isin hundinuuisirraa gadibu'a yeroo gorsi qajeelchaan narraa isinitti dhufe (qeebalaa jala deemaa) namni qajeelloo tiyya hordofe sodaan isaanirratti hintaane isaan niis hinyaaddawa, isaanoowaan kafaranii aayatoota keenya kijibsiisan isaan warra ibiddaati, isaan isii keessa turoodha". baqaraa 38, 39

tokkoo arkaana iimaanaati.

ergamtootatti amanuun arkaana iimaanaa jahan keessaa tokko, Rabbiin akkana jedhe "ergamaan waan Rabbii isaarraa isatti gadi buufametti amane, muimintoonnis hunduu Rabbiifii malaaykaa isaatiifii kitaabban isaatiifii ergamtoota isaatti amanan, jidduu ergamtoota isaa tokkollee gargar hinbaafnu (jedhan)" baqaraa 285. aayanni nabiyyoota hunda osoo addaan hinbaafnetti amanuun dirqama tahuu ibsiti, akka yahuudaafii nasaaraa garii ergamtootaatti amannee garitti hinkafarru.

nabiyyii s.a.w. iimaanarraa akkana jedhan "Rabbiiti amanuu malaaykaa isaatti, kitaabban isaatti, ergamtoota isaatti, guyyaa boodaatti amanuu keeti, akkasuma murtii Rabbii gaariifii hamtii isiitti amanuu keeti." muslim 8

Aayatootaafii muijizaa nabiyyootaa.

Rabbiin ragaaleefii ibsitoolee adda addaa tan akka muijizaaleefii aayatootaatiin tan namni hindandeenyeen nabiyyoota isaa jajjabeesse. dhugaa tahuu isaanii mirkaneessuufii nabiyyummaa isaanii sabachiisuuf. muijizaa jechuun waan aadarraa addaa tan namni hindandeenye jechuudha, akka namni biroo fakki san fiduu hindandeenye garsiisuuf Rabbiin harka nabiyyoota isaarratti fida,

muijizaalee nabiyyootaa keessaa:-

١
uleen nabi muusaa jawwetti jijjiiramuu.
٢
nabi iisaan ummata isaatiif waan nyaataniifii waan manatti kuufatan himuu isaa.
٣
jiini adda dhoohuu nabii keenya muhammadiif s.a.w.

ergamtootatti amanuun maal ufkeessaa qaba?

1-ergamiinsi isaanii dhuugadha Rabbirraa tahe ergaaleen hundi Rabbii tokkicha gabbarurratti waliif galti jedhanii dhuga'oomsuu.

Rabbiin akkana jedhe"dhugumatti ummata hunda keessatti nabiyyoota ergine akka Rabbi gabbartanii jalliftootarraa fagaattan jechuudhaan".nahli 36

seeronni nabiyyootaa damee halaaliifii haraam keessatti waldhabuun nimala, akka ummata saniif mijjaawutti tahuu mala. Rabbiin akkana jedhe

2-nabiyyootaaf ergamtoota hundatti amanuu.

nabiyyootaafii ergamtoota Rabbii hundatti amanuu dirqama. nabiyyootarra warreen Rabbiin maqaa dhawe akkasumatti itti amanna, isaan akka muhammad, ibraahiim, muusaa, iisaa, nuuh, rahmanni isaan hundarratti haabubu. ammoo warreen maqaa isaanii hin himaminwarra akka waliigalaatti dubbatame akkasumatti itti amanna. namni ergamuu tokkoo isaaniitti kafare hunda isaaniitti kafara.

3-muijizootaafii seenaa isaaniirraa waan himametti amanuu.

seenaafii muijizoota nabiyyootaarraa waan hadiisaafii qur'aanarraa beekamaa tahe itti amanna, akka bahar nabi musaaf atta dhoohuu.

4-seera nabiyyii nutti ergamee nabi muhammad itti hojjachuu, inni caalaafii booddee isaaniiti.

amaloota ergamtootaarraa:

1- isaan nama.

garaagarummaan isaaniifii nama biroo jidduu jiru isaan Rabbiin wahyii itti buusee isaan erguudhaan namarra isaan caalchise, siin duratti namoota wahyii isaanitti buufne malee waa kan biroo hinergine". anbiyaa 7. Rabbiin akkana jedhe "jedhiin ani nama akka keessaniiti Rabbiin keessan Rabbii tokkicha jechuutu gara kiyyatti wahyii godhame" anbiyaa 110. isaan angoo Rabbuummaarraa homaa qooda hinqaban, garuu isaan namuma uumaa zaahiraatiifii haalaaf amalaanis sadarkaa guuturra gayaniidha. isaan shanyii qulqulluufii filatamturraayi, qalbii guutuufii arraba faxina ibsituu qabn, kanaaf nabiyyuummaa baadhatuufii ulfinnaa ergaatiin dhaabbachuu dandayan.wanni Rabbiin nabiyyoota namarraa godheef akka ummanni itti hidhachuufii jala deemuu dandayuufi.

2- Rabbiin ergaadhaan isaan kophxeesse.

nama biroorra Rabbiin wahyii itti buusuudhaan isaaniif sadarkaa kenne. Rabbiin akkana jedhe "Rabbiin namaafii malaykarraayis ergamtoota filata, Rabbiin dhagayaa argaadha. hajji 75. nabiyyummaan waan collummaa lubbuutiin carraaqanii argatanii miti, faxinummaafii hayyuummaanis hin argatamtu. isiin filmaata Rabbiitiini.Rabbiin ummata hundaa keessaa anbiyoota filate. Rabbiin akkana jedhe "ergaa isaa eessa akka kaayu (eenyu akka ergatu) Rabbiitu beeka".an'aam 124.

3-isaan waan Rabbirraa ummatatti geessan keessatti tiiyfamoodha (kijibaafii dogoggorarraa).

Rabbirraa ergaa geessuu keessatti hin dogoggorre, akkasuma waan Rabbiin isaan ajaje raawwachuu keessattis hindogoggorre".

4-dhugaa

nabiyyoonni haasawaafii hojii isaanii keessatti warra dhugaati, kijiba hinqaban. Rabbiin akkana jedhe "kun waan Rabbiin baallamee ergamtoonni dhugaa dubbatan". yaasiin 52

5- obsa

ergamtoonni gara diin Rabbii nama yaaman gammachiisaa sodaachisaa, kanarratti rakkoofii miidhaan hedduun isaanirra geesse. diin Rabbii olkaasuuf obsanii baatan, Rabbiin akkana jedhe "akka ergamtootarraa warri murannoo obsanitti obsi".ahqaaf 35.

ergamtootatti amanuun bu'aa guddaa qabdi sankeessaa:

١
Rabbiin gabroottan isaatiif rahmata godhee isaan kunuunsee beekuu, kanaaf karaa sirriitti isaan qajeelchuuf nabiyyoota ilmaan namaatiif erge, akkamitti akka Rabbi gabbaran akka isaanii ibsaniif jecha, qalbiin namaa ufumaan kana beekuu hindandayu. Rabbiin nabi muhaammaditti dubbatee akkana jedhe "Rahmata umamtootaaf taasifnee malee waa sinergine". anbiyaa 107
٢
qananii guddoo tanarratti Rabbi galateeffachuu.
٣
nabiyyoota jaalachuu isaan kabajuufii waan isaaniin maluun isaan faarsuu,isaan Rabbi gabbaranii, ergaa isaa geessanii gabroottan isaatiif toltuu hojjatan.
٤
ergaa nabiyyichi Rabbirraa fide hordofuu, isiin Rabbi tokkichoomsanii isuma qofa gabbaruudha, seera isaatti hojjatuudha, muimintootaaf jiruu isaanii keessatti toltuufii qajeelloon milkiin biyya lamaanii isaaniif mirkanooyti.

Rabbiin akkana jedhe "namni qajeelloo tiyya hordofe hinjallatu hinhoongoyus. namni faaruu tiyyarraa garagale jiruu rakkoottu isaaf taha". xaahaa 123,124

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi