barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota guyyaa qiyaamaatti amanuu

dhugaan dhuga'oomsuu Rabbiin qabrirraa nama kaasee eegasii isaan herregee hojii isaaniirratti galata isaaniif galcha, hanga warri jannataa jannata qubatee warri ibiddaatis ibidda qubatutti, guyyaa boodaatti amanuun arkaana imaanaa keessaa tokko. isaan malee iimaanni hinguutamu. Rabbiin akkana jedhe "ammoo toltuu jechuun nama Rabbiifii guyyaa boodaatti amane". baqaraa177

guyyaan qiyaamaa maalii hikmaan inni argameef maalii beekuu.garii mallattoolee qiyaamaa beekuu.waan takko tokko kan guyyaa qiyaamaatti amanuun walqabatu beekuu.

hiikkaa guyyaa qiyaamaatti amanuu.

kana jechuun Rabbiin nama hunda qabrii isaaniirraa nikaasa, eegasii isaan qorateetii hojii isaaniirratti galata isaaniif galcha, hanga warri jannataa jannata qubatutti, warri ibiddaatis ibidda qubatutti. guyyaa qiyaamaatti amanuun tokkoo arkaana imaanaati.imaanni isaan malee fayyaa hintahu. Rabbiin akkana jedhe "ammoo toltuun nama Rabbiifii guyyaa boodaatti amane". baqaraa 177.

guyyaan boodaa maali inni?

guyyaan boodaa guyyaa namni qorannaafii galataaf kaafamu, namni jannata yookaa azaaba ibiddaa qubata. kanaan wanni moggaafameef guyyaan isa booda hinjiru waan taheefi. maqaalee hedduu qur'aanaafii hadiisaan dhufte qaba. guyyaa dhaabbannaa jedhama, waan amriin ulfaattuun isa keessa argamtuuf jecha. sanirraa takka namni guuftaa aalamaatiif dhaabbachuudha. yerottiillee nijedhama, guyyaa murtiillee nijedhama, guyyaa galataas nijedhama, kanneen males maqaalee biraa qaba.

qur'aanni maaliif guyyaa qiyaamaatti amanuu jajjabeesse?

qur'aanni guyyaa qiyaamaatti amanuu jajjabeesse, bekka hundatti irratti dammayse, akkaataa afaan arabii hundaan dhufuu isaa mirkaneesse, isatti amanuufii Rabbitti amanuu bakka heddutti walitti hidhee dubbate, cimina isaa ibsuufii akka namni hinirraanfanneef jecha. waan isa keessatti taheef imaanaafii hojii gaariin akka qophaawaniif jecha.

guyyaa akhiraatti amanuu bu'aa Rabbiifii ogummaa isaatti amanuu mirkaneessurraayi.kana jechuun:-

Rabbiin zulmii hin mirkaneessu, zaalima adabu malee hindhiisu, midhamaaf kafalu malee hindhiisu, kan toltuu hojjatee galataafii badhaasa kennuuf malee hindhiisu, hunda saahiba haqaa haqa isaa nikkennaf, nuti duniyarratti nama zaalima tahee namatti roorrisaa jiraatee sanumarratti du'e kan hin adabamin garra. akkasuma nama miidhamaa tahee jiraatee akkasumaati du'e kan hayxi isaa isaaf hinbahin garra. Rabbiin roorroo hinqeebalu jennee kuni maali duuba? hiikkaan kanaa jiruu amma jiraannu tana malee jiruu biroottu jira jechuudha. beellamni biroo irraa hafiinsi honjjirre ka isa keessakan tolche toltuu kan balleesse hamtuu galata argatu nidhufa. kan saahibni haqaa hundi haqa isaa argatu.

mallattoolee qiyaamaa.

guyyaa qiyaamaatti amanurraati mallattoolee qiyaamaa dhuga'oomsuun. isiin waan guyyaa qiyaama duratti argamaati, tan bu'uun isii dhihaachutti akeektu. mallattooleen qiyaamaa lamatti qoodamti.

1-mallattoolee xixiqqoo.

isiin mallattoo yeroo dheertuu qiyaamaa dura dhuftu, isii keessaa:- warri qullaa yaauu, ka miila qullaa, tiiysiteen re'ee qal'aa jaarmaya deeressuu keessatti waldorgomuudha. akka hadiisa jibriil keessatti dhufetti: mee qiyaamarraa naaf himi jedheen? gaafatamaan gaafatarra hinbeeku jedheen. mee mallattoolee isiirraa naaf odeessi jedheen. gabrittiin gooftittii isii dhaluudha , warreen hiyyeeyyi qullaa, miila qullaa yaa'u, tiiysitoota re'ee kan jaarmaya fooqii dheereffachuu keessatti waldorgoman arguu keeti. jedheen." muslimtu gabaase.

2-mallattoollee gurguddoo.

isiin amrii gurguddoo yeroo qiyaamaan dhihaatte mul'attuudha. isiin mallattoolee 10. akka hadiisa huzeyfaa binu useydii irra himame akkana jedhe: osoo nuti walgorsinuu nabiin s.a.w. nurratti olseene, maal walgorsitan? nuunjedhe. waayee qiyaamaa walgorsina jenneen. akki nuun jedhe isiin hinbuutu hanga isii dura mallattoo 10 argitanitti. nihime aara, dajjaal, bineensattii, aduun dhihaan olbahuu, iisaa ilma maryam bu'uu, yaijuujiif ma'ijuuj dhufuu, dachiin bakka sadihiin gadicituu, citiinsa bahaa, citiinsa dhihaan, citiinsa biyya arabaatiin, kan boodaa ibidda karaa tyamaniin baatee ummata kara dirree qiyaamaatti ooftuudha".muslim 2901

guyyaa qiyaamaatti amanuun maal ufkeessaa qaba?

muslimtichi guyyaa qiyaamaatti amanuun waan hedduu ufkeessaa qaba sankeessaa:

1-kaafamuufii walitti qabamuu:

kuni nama dhume qabrirraa kaasuu, lubbuu qaama isaaniitti deebisuu, namni Rabbii aalamaatiif dhaabbata. eegasii bakka takkatti walitti qabaman, miila qullaa qaama qullaa akka dur uumamanitti, kaafamiinsatti amanuun waan qur'aanaafii hadiisni itti qajeelche, aqliifii uumaan sirrooytuunis kanumatti qajeelchiti, Rabbiin warra qabrii akka kaasu nidhuga'oomsina. lubbuun qaamatti deeffamti, namni gooytaa aalamaatiif dhaabbata.

Rabbiin akkana jedhe "eegasii isn san booda niduutan, eegasii isin guyyaa qiyaamaa nikaafamtan". muiminuun 15-16. kanarratti kitaabni samirraa buute hundi waliifgalte. kuni ogummaanis kana murteessiti. Rabbiin ilma namaatiif bakka itti walitti qabamanii waan nabiyyoonni itti fidanirratti galata isaaniif galchu isaaniif godhe. Rabbiin akkana jedhe "waan taphaaf isin uumne kan gama keenyatti hindeebine uf seetanii?". muiminuun 115.

2-qorannaafii miizaanatti amanuu.

aRabbiin umamtoota hojii isaanii tan jiruu duniyaatti hojjananirraa isaan qorata, namni warraa tawhiidaa tahee Rabbiifii rasuulaaf ajajame qorannaan isaa laafaadha. namni warra shirkiitiifii dilirraa tahe qorannaan isaa ulfaataadha.

hojiin nimazzanamti miizaana guddaadhaan, toltuun saanaa tokkorra kaayamti, hamtuun saanaa kaanirra kaayamti, namni toltuun isaa hamtuu isaarra ulfaatte warra jannataati, kahamtuun isaa toltuu isaarraa ulfaatte warra azaabaati. Rabbiin kee nama tokkollee hin miidhu, Rabbiin akkana jedhe "guyyaa qiyaamaa miizaana sirriiti keenya, lubbuun takkalleen waatakka hin miidhamtu, (hojiin isaanii) osoo hanga ulfina fiirii raafuu takkaallee tahee nifinna, herregdoota tahutti nuti gayoodha". anbiyaa 47.

3-jannatafii ibiddaa.

jannanni ganda qananii tan zalaalami, muimintoota isa sodaataniif isaaf ergamaa isaatiif ajajmaniif Rabbiin qopheesse, qananiin hundi achi keessa jirti, wanni jaalatamaa tan lubbuun jaalattuufii tan ijji itti gammaddu, waan gaggaarii hunda.Rabbiin gabroottan isaa nikajeelchise, akka ibaadaa keessatti jajjabaatanii jannata argachuu keessatti waldorgoman, jannata bal'inni isii akka bal'inna samiifii dachii tahe, Rabbiin akkana jedhe "gara araarama Rabbii keessanirraa taheetti dorgomaa, gara jannata bal'inni isii akka bal'inna samiifii dachii tahetti wal dorgomaa, isiin Rabbi sodaattotaaf qophooyte". aala imraan 133.

ammoo ibiddi ganda azaaba walitti dhaabbataati, kaafirtootaaf Rabbiin qopheesse, kan Rabbitti kafaranii ergamaa isaa morman, isii keessa azaaba laalaa fii qixaaxa haalaan hamaa akka itti himan hinqabneetu jira. azaaba kaafirootaaf qopheesserraa gabroota isaa sodaachiisee Rabbiin akkana jedhe "ibidda qabsiifamni isii namaafii dhagaaggee tahe sodaadhaa, kaafirtootaaf qophooyte". baqaraa 24.

Yaa Rabbi janna sikadhanna, jechaafii hojii isitti nu dhiheeysu si kadhanna, ibidarraa sitti maganfanna, jechaafii hojii isitti nudhiheysurraa sitti maganfanna.

a

a

a

-

a

a

a

a

a

a

a

a

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi