barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota murtii Rabbiitti amanuu.

kana jechuun hundi waan argamuu toltus taatee hamtuu murtii Rabbiitiini jechuudha.Rabbiin waan fedhe hojjata, hayyama isaatiin malee waa takkalleen hintahu, wanni tokkolleen fedhii isaatiin ala hinbahu, uumama keessa wanni toohannaa isaatii ala bahu hinjiru, murtii isaatiin malee hinsossohu, kanumaan wajji gabroottan isaa wahitti ajajee wahirraa dhoowwe, hojii isaaniitiif bilisummaa kenneef, hdirqisiifamoo hingoone, fedhiifii dandeettii isaaniitiin ta argamtu taasise. Rabbiin isaaniifii dandeeytii isaaniis uume. Rahmata isaatiin abba fedhe qajeelcha, ogummaa isaatiin abba fedhe jallisa. inni waan hojjaturraa hingaafatamu, ammoo isaan nigaafataman.

qadarri maalii beekuu, barbaachisummaa isatti amanuutis beekuu.bu'aa qadaratti amanuu beekuu.

hiikkaa qadaratti amanuu.

kana jechuun hundi waan argamuu toltus taatee hamtuu murtii Rabbiitiini jechuudha.Rabbiin waan fedhe hojjata, hayyama isaatiin malee waa takkalleen hintahu, wanni tokkolleen fedhii isaatiin ala hinbahu, uumama keessa wanni toohannaa isaatii ala bahu hinjiru, murtii isaatiin malee hinsossohu, kanumaan wajji gabroottan isaa wahitti ajajee wahirraa dhoowwe, hojii isaaniitiif bilisummaa kenneef, hdirqisiifamoo hingoone, fedhiifii dandeettii isaaniitiin ta argamtu taasise. Rabbiin isaaniifii dandeeytii isaaniis uume. Rahmata isaatiin abba fedhe qajeelcha, ogummaa isaatiin abba fedhe jallisa. inni waan hojjaturraa hingaafatamu, ammoo isaan nigaafataman.

hiikkaa qadaraa.

qadara jechuun Rabbiin dur waa hunda murteessee karoorse, akkaataa beekameefii yeroo beekamte keessatti akka isiin buutu beeke. kanas nibarreesse. akkas fedhee wantoota san uume, akka inni karoorsetti tartiibaan argamte.

qadaratti amanuun arkaana iimaanaa keessaa tokko.

qadara (murtii Rabbiitti) amanuun arkaana imaanaa keessaa tokko, nabiin s.a.w. yeroo jibriil iimanarraa gaafate deebii keessatti akkana jedhe"Rabbitti amanuu keeti, akkasuma malaykaa isaa, kitaaba isaa, ergamtoota isaa, guyyaa qiyaamaatti amanuu, murtii Rabbii toltuuf hamtuu isiitti amnuu". muslim 8 ki

murtitti amanuun maal ufkeessaa qaba?

qadaratti amanuun waa afur ufkeessaa qaba:

1-beekkomsa

Rabbiin waan hunda beekaa dhuga'oomsuu, akka waliigalaatiifii dimshaashattis, Rabbiin umaamtoota isaa osoo isaan hin uumin dura beeka, hiree isaanii, umrii isaanii, jechaaf hojii isaanii, sossoha fii calii isaan hundaa beekee jira. iccitiifii mul'ata isaanii beekee jira. waarra ibiddaatiifii warra jannataatis beekee jira. Rabbiin akkana jedhe "inni allaha gabbaramaan haqaa isa malee hinjiru, beeka dhokataafii mul'ataati". hashri 22

2- barreefama.

dhuga'oomsu Rabbiin waan beekoomsa isaa tahe hunda lawhal mahfuuz irratti barreesse, Ragaan jecha Rabbiiti "rakkorra wanni lafa keessatti lubbuuwwan teessanitti bu'e hintaane kitaaba keessatti tahu malee osoo nuti isii hin mul'isiniin duratti".hadiid 23. jecha nabiyyii s.a.w. "Rabbiin murtii uumamtootaa osoo samiifii dachii hinuumin waggaa kuma shantama dura barreesse". muslim 2653

3-fedha Rabbii.

fedhii Rabbii ta fullaatuu taate tan wanni takkallee isii hindhaabnetti amanuu.dandeeytii isaa tan waa takkallee hindadhamne, hundi waan argamee fedhiifii dandeettii isaatiini. wanni inni fedhe nitaati, wanni inni hinfedhin hintaatu, Rabbiin akkana jedhe "isin hinfeetan yoo Rabbiin fedhe malee". takwiir 29.

4-uumaa

Rabbiin kan waahunda uume isa jedhanii amanuu barbaachisa. ka waa uumu isuma qofa. wanni isa malee jiru uumamtoota isaati. inni waahundarratti dandayaadha. Rabbiin akkana jedhe "waa hunda uumee likkii godhe likki godhiinsa".furqaan 2.

ilma namaatii filannoo, dandeeytiifii fedhii qaba.

qadaratti amanuun gabrichi dandeettiifii fedhii qabaachuun wal hindhabdu, qabatamaafii shari'aan kuni jiraachutti qajeelcha.

shari'arraa fedhii keessatti Rabbiin akkana jedhe "guyyaan suni guyyaa haqaati namni fedhe gara Rabbii isaa deebii haa godhatuu". nabai 39. dandeettii keessatti Rabbiin akkana jedhe "lubbuu Rabbiin dandeeytii isii malee hindirqu,isiif toltuu isiin hojjatteettu jira isirratti hamtuu isiin hojjatteetu tahe".baqaraa 286 dandeetti jechuun humna.

qabatamni jiru namni hundi fedhiifii dandeetti qaba kan isiin waan fedhe hojjatee waan fedhe dhiisu, addan baasee beeka waan fedhii isaatiin hojjatu tan akka deemuufii taa'uu ammas waan fedhii isaatiin hinhojjanne tan akka hollachuufii kufuu, garuu fedhiifii dandeeytiin gabrichaa fedhiifii dandeettii Rabbiitiin taati, Rabbiin akkana jedhe "isinirraa nama qajeeluu fedheef, isin waan feetan yoo Rabbiin gooftaan aalamaa fedhe malee". takwiir 28-29. namaaf fedhii mirkaneesseeti ammoo isiin fedhii Rabbii jalatti tahuu ibse, uumamtoonni hundi qabeenya Rabbiiti, qabeenya isaa keessatti wanni takkalleenuu fedhiifii beekkomsa isaatiin alatti hin argamu.

qadara ragaa godhachuun hintahu.

dandeettiifii filannoon namaa tan dirqamaafii ajajaafii dhoowwaan isirratti rarra'u. namni tolche waan karaa qajeelloo filateef galata argata, kan hamtuu hojjate waan karaa jallinaa filateef ni adabama, Rabbiin waan nudandeenyu malee nurra hinkeenye, nama tokkollerraa ibaadaa dhiisee qadara ragaa godhachuu hinqeebalu.

ammas namni dilii hojjachuu dura maal Rabbiin itti beekeefii itti qaddaree hinbeeku, Rabbiin dandeettiifii filannaa kenneefii jira, karaa hamaafii gaarii addaan baaseefii jira, yoo dilaaye isaatu filate dilii san, tolturra isii caalchifatee hojjate, tanaaf adaba dilii fudhata.

bu'aa qadaratti amanuu.

bu'aan qadaratti amanuu jiruu muslimaa keessatti haalaan guddaadha, san keessaa:

1- imaanni siirraawaan dhugaa kan qadaratti amanan sababaa qabchuufii, hojitti nama kakaasa namarratti irkannoorraa nama dhoowwa.

muiminnii sababa qabachuun wajji Rabbirratti irkata, sababaan takkalleenuu hayyama Rabbiitiin alatti bu'aa hinqabdu, Rabbiin isaatu sababa uume, kan bu'aa isii uumes isa, nabiin s.a.w. akkana jedhe "waan sifayyadurratti bololi, Rabbitti gargaarsifadhuu hindadhabin, yoo waa situqe osoo akkas godhee akkas taha hin jedhin, garuu wanni jettu Rabbiitu murteessee waan fedhe dalage, osoon hojii sheyxaanaati banti". muslim 2664. yogguu namni gariin yaade hojiin hinbarbaachisu waan duraan murteeffamee jiruuf jedhanii dogoggorraan nabiin s.a.w. akkana jedhe "hojjadhaa, hundinuu waan uumameef laaffifamaadhaa, eegasii aayata kana qara'e "namni kennate, Rabbi sodaatee, jecha toltuu dhugaoomse, toltuuf isa laaffifna" layli 10 bukhaariif muslimtu odeesse.

2- namni hanga isaa beekuu

hinboonu uf hintuulu, waan dura dhufuufi waan isarratti murtaaye wallaalaadha waan taheef, kanarraa kaee namni dadhabaa tahuu isaatiifii yeroo hunda Rabbitti haajamaa tahuu isaa amana. namni yoo gaarii argate dagameeti boona, yoo Rakkoofii hamtuun isa tuqe gaddeeti obsa dhaba, ilma namaa yeroo milkaaye boonurraa yeroo hamtuun isa tuuyxe gaddurraa wanni isa tiiysu qadara (murtii Rabbiitti) amanuu qofa. wanni isatti bu'e murtaaye bekkomsa Rabbiitiin tare.

3- fokkina wal waanyuuti dhabamsiisa.

mu'iminni nama hinwaanyu waan Rabbiin isaaniif kennerratti, Rabbiin isa kan isaan razzaqe, kan kana isaaniif murteesse,

4-qadaratti amanuun qalbii nama keessatti gootummaa uumee jajjabduu hundatti qabsaawa.

murannoota isii keessatti cimsa, rizqiifii ajalli qaxaroon jiruu murtooytuu tahuu hubata, namni waan isaaf barreefame malee homaa isa hintuqu, beekeeti gootoma.

5-qadaratti amanuun lubbuu muiminaa keessatti hubannoo imaanaa hedduu uuma.

yeroo hunda Rabbitti gargaarsifata, Rabbirratti irkatee isumarra uf kaaya, sababaalee hojjachuun wajji, yeroo hunda Rabbii isaatti haajamaadha, sabaatarratti gargaarsa isarraa maddisiifata.

6- qadaratti amanuun ziqii qalbii keessatti namaaf fiddi.

muimintichi nibeeka wanni isatti bu'e isrraa hinmayxuu, ta isarraa mayxe isa hintuuyxuu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi