barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota sadarkaa qur'aanaa

qur'aanni kabajamaan sadarkaalee hedduu guddina isaa ibsitu qaba.barnoota kana keessatti kana baranna.

garii sadarkaalee qur'aanaa beekuu.

sadarkaa qur'aanaa

qur'aanni sadarkaa gurguddoo qaba sanirra tanneen itti aantu tana.

caalminni qur'aana baruufii barsiisuu keessatti tahe.

usmaan binu affaan nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "caalaan keessan nama qur'aana baratee barsiise" bukhaarii 5027

warri qur'aanaa isaan jaalallee fii filatamoo Rabbiiti.

anas binu maalik nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe" Rabbiin namarraa jaalallee qaba". isaan suni eenyu yaa ergamaa Rabbii? jennaan "warra qur'aanaati, isaan jaalallee Rabbiiti filatamoo isaati". ibnu maajah 215

harfii takka qur'aanarraa qarauun sawaaba dachaa hedduu qaba.

abdallaa binu masuud nabiin s.a.w. akkana jedhan"namni harfii takka qur'aana Rabbiirraa qarae toltuu takkatu isaaf tahe, toltuun kudhanii isii fakkaattuun heddummeyfamti, alif laam miim harfii takka hinjedhu alif harfii takka laam harfii takka miim harfii takka". tirmizii2910

bakka walgayanii qur'aana qara'aniitti maleykaafii ziqiifii fii rahmataatu bu'a,

abii hureyraan nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "ummanni mana manneen Rabbiirraa tahetti walitti qabamanii qur'aana Rabbii qara'anii walbarsiisan ziqiin qalbii isaanirratti buutu malee hinhafan, rahmanni isaan hagooydu malee, maleeykaan isaanitti marsitee isaan dabaaltu malee hinhafan, Rabbiin ummata isa bira jiru keessatti faaruun isaan dubbatu malee hinhafan".muslim 2699

qur'aanni guyyaa qiyaamaa araarsa warra isaatiif taha.

abii muaamaan nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "qur'aana qara'aa inni guyyaa qiyaamaa warra isaatiif araarsaa taheeti dhufaa".muslim 804

hayyuun qur'aanaa maleykaa wajjiin taha, kan guggufatummoo galata lama qaba.

aishaan nabiin s.a.w. akkana jedhan jette "namni qur'aana sirritti beeku maleykaa kabajamoon wajji taha, kan osoo inni itti ulfaatuu guggufataa qa'rau ammoo galata lama dachaa qaba". muslin 798

qur'aannii warra isaa ol fuudha.

umar binulkhaxxab nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "Rabbiin qur'aana kanaan ummata olfuudha, kanneen biroo ammoo gadibuusa".muslim 817.

namni qur'aana haffaze hanguma qur'aana haffazeen sadarkaa jannata keessa olkora.

abdallah binu amri binul aas nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "saahiba qur'aanaatiin nijedhama qara'i olkori suuta qara'i akka duniyatti suuta qara'aa turtetti, manni kee bakka aayata dumaa qaraatetti taha". abuudawud 1464

saahibni qur'aanaa guyyaa qiyaamaa faaya kabajaa uwwifama.

1abii hureyraan nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "saahibni qur'aanaa guyyaa qiyaamaa nifidama, qur'aanni nijedha yaarabbi faaya uwwisi, koofiya kabajaa uwwifama, eegasii nijedha yaarabbi dabaliif eegasii faaya kabajaa uwwifama, eegasii yaa Rabbii irraa jaaladhu jedha Rabbiin irraa jaalata, isaan nijedhama qara'i olkori, takka takkaa aayataarratti toltuu dabalata". tirmizii 2915.

1Rabbiin haadhaaf abbaa nama qur'aanaa kabjaa addaat godhaaf.

sahli binu mu'aaz abbaa isaarraa nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "namni qur'aana qara'ee seera isaatti hojjate haadhaaf abbaan isaa kofiyaa mootummaa uwwifaman guyyaa qiyaamaa, kan akka aduun mana duniyaatti iftu caalaa ifu, kaitti hojjatemmoo malhayyaa?". abuu dawud 1453.

;qur'aana baruufii haffazuun aduniyaafii waan isii keessa jirurra caalti.

uqbaa binu aamir nabiin nuu barandaa tattaau nurratti gadi bahanii akkana nuun jedhan " isinirraa eenyuutu guyyarraa ganama gara baxhaana yookaa aqiiq dhaqee kormaa gaalaa qooqaa lama diliifii fira muruun maletti fidachuu jaalatu isinirraa jiraa?". nuhundinuu nifeena yaa Rasuula Rabbii jenneen. "tokkoon keessan gara masjiidaa ganamee, aayata lama qur'aanarraa barachuu yookaa qarauutu kormaa gaalaa lama isaaf caala, aayanni sadi gaala sadihirra caala, afuris afurirra caala, lakkoofsa isanii gaalarra caalan". muslim 803

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi