barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree muslimtichi dhukkuba weeraraa waliin.

ibsa muslimtichi waayee jiruu gaggeessuu keessatti kanneen birootiin adda. (dhukkuba daddabrus dabalatee) iimaana isaatiin iraanirraa adda baha. barnoonni kuni muslimtichi dhukkuba daddabruun wajji akkamitti akka ittisu ibsa.

kaayyoo     kara irra sirraawaa akkaataa ittiin muslimni dhukkuba weeraraa ittisuu beekuu.

qadaratti amanuu.

murti Rabbii toltuuf hamtuu isiittis ni amanna, isiin roga roga iimaanarra taheedha. hundi waan gabroota tuquu balaa dhukkuba balaa balleesituu murtiifii hiree Rabbiitiini. murtii Rabbii nijaalanna hinjibbinu, obsa hindhabnu. Rabbiin akki jedhe "balarraa hinbuune hayyama Rabbiitiin malee, nama Rabbitti amane qalbii isaati qajeelcha, Rabbiin waahunda beekaadha". tagaabun 11

dhukkubni mataa ufiitiin hindabartu.

muiminni wanni amanu dhukkubni humna ufiitiin hindabartu. murtiifii ajaja Rabbiitiini kanumaan wajji sababaa qabatamaa tan ittisaafii tan fayyaa qabachutti nu ajaje. waan dhukkuba fidurraa fagaachuun, bakka madda dhukkubaarraa fagaachuun. nama dhukkubetti makamuu dhabuudhaan uf eeggannoo godhuu. nabiin s.a.w. akki jedhe "dhukkubni ufiin dabruun hinjirtu, hooddanni hinjirtu, shimbira halkaniitiin hooddatuun hinjirtu, ji'a safariin hooddatuun hinjirtu, nama qomaaxaa qaburraa akka leencarraa dheeysitutti dheeysi". bukhaarii 5707

dhukkubni yeroo hunda azaabaa?

dhukkubni azaaba Rabbirraa tahe kaafiraafii munaafiqaaf, ammoo muimintootaaf rahmata. sadarkaa isaanii olfuudhuufi, balleessaa isaanii isaaniif araaramuufi, aaishaan koleerarraa nabiin gaafattee akki jedheen "inni azaaba Rabbiin abba fedhetti ergu, Rabbiin muimintootaaf rahmata isa godhe, namni tookko biyya koleeraan itti buetti obsee rabbirra kaayatee, wan Rabbiin isarratti katabe malee isa hintuuyxuu beekee taa'e fakkiin galata wareegamaa isaaf katabamu malee hinhafu" bukhaarii 3474

dhaamsa warra seeraqabeessaa dhagayuu.

muslimni yeroo hamtuu tana keessatti waan warra seeraqabeessarraa labsame dhagayuu qaba. dantaa hawaasummaa dantaa dhuunfaa dursuun itti gaafatamummaa isaa bahuu qaba. waan biyya tasgabeessee joiruu akka duritti deebisurratti walgargaaruun qaba. Rabbiin akki jedhe " toltuufii sodaa Rabbiirratti walgargaaraa, diliifii diinummarratti walhingargaarinaa" maaidaa 2.

zamana dhukkuba weeraraa waan dhoowwame.

1- olola oofuufii tamsaasuu

olola oofuu kijiba haraam taherraa tahuun beekamaadha. sodaa hawaasa keessatti uuma. kanaaf odeeffannoo dhugaa hintahin tokko facaasuun dhoowwaadha. Rabbii bifa munaafiqootaa yoo ibsu akkana jedhe "yeroo oduun nagayaa yookaa sodaa isaanitti dhufe nifacaasan, osoo isa gara ergamaatiifii gara angaawota isaanirraa tahee deebisani warreen isa gingilchan silaa nibeekan ...". nisaa'i 83.

2- midhaan dhooysanii kuufachuu.

islaamummaan kuufachuufii gowwoomsuu haraam goote. gatii qaalessuufii magaalaa nyaata ummataatiin taphachuu nidhoowwite. keessaawuu yeroo rakkoo. kuni qabeenya dharaan nyaachuudha, gantummaadha, imaanaa diiguudha, xiqqaatummaadha. nabiin s.a.w. nijedhe "namni midhaan bukhaaratti kuufate muslimtootarratti qaalessuuf inni balleesaadha". musnad 8617

3- beeka dhukkuba daddabarsuu.

karuma kamiinuu haatahu dhukkuba beekaa dhukkubsatarraa gara nama fayyaatti daddabarsuun haraami dhoowwamaadha. dilii gurgoddorraa lakkaawama. adunyattis nama adabsiisa. addabbiin isaa hanga guddinna yakka isaatiin hanga hammeenya miidha dhuunfaafii hawaasarraan geesseetiin walcaalti,

adabbii nama dhukkuba itti yaadee daddabarsuu.

١
yoo dhukkuba san hawaasa keessa facaasuu itti yaadee daddabarse, adabbii shiftootaattu isarratti raawwatama. adabbiin shiftaa cimaadha, kunoo Rabbiin akkatti ibse "Dhugumatti galanni warra Rabbiifi ergamaa Isaatiin lolanii, dachii keessa balleessuuf deemanii, ajjeefamuu yookiin fannifamuu yookiin harkaafi miilli isaanii faallaan irraa ciramuu yookiin biyya irraa ari’amuudha. Kun addunyaatti isaaniif salphina. Aakhiraatti immoo isaaniif azaaba guddaatu jira.
٢
yoo nama tokko dhukkubsuuf itti yaade itti dabarsee namtichi dhukkubsate du'e addabbii ajjeechaa lubbuuttu irratti raawwatama.
٣
yoo nama tokko dhukkubsuuf itti yaade itti dabarsee namtichi dhukkubsate ammoo hinduin, adaba jiilchu adabama.

4-dhukkuba arrabsuu.

nabiin laydaa arrabsurraa dhoowwe, jaabir binu abdilla nabiin s.a.w. ummu saaibiin akkana jedhan jedhe "laydaa hin arrabsinisiin dilii ilmaan aadamirraa hayxi akka bufaan dandii ibiddaa haqutti" muslim 2575

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi