kutaan ammaa model
Barnoota sadarkaa maatii islaama keessatti
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
ummanni gareewwan nama dhuunfaa irraa taate tan qoodni walfakkaataan walitti qabu irraa uumamti; akka hundee fii afaanii fi seenaa, san hunda keessaa guddaan amantiidha. namoonni dhuunfaa kun manneen bultii keessaa bahan, jaarsotii fi jaartiiwwan irraa, isaanis gama isaaniitiin maatiiwwan haaraa ilmaan adeemsa kana itti fufan baaftu uuman, kanaan ummanni turee itti fufa.
jiruun bultii gaariin jireenya ummataa keessatti hundeedha, kanumarraa ka'uun hundee itti xiyyeeffatuun dirqama tahe, isiinis maatiidha.
ilmi namaa xabi'aa isaatiin uumama hawaasummaati, hawaasa hariiroon gara garaa wajjiin walitti isa hiitu wajjiin malee jiraatuun itti hin tolu, sanuma keessaa miiraa fi mararfata garii garee murtoytuu taaten kophaa qooddatutti haajama, isaanis miseensota maatiiti, maatiin islaama keessatti gamtaa hawaasummaa dhiiraa fi dubartii bultiin shari'aa walitti fidde irraa uumamtuu fi, hortee isaaniiti.
islaamni jaarmaya kana kunuunsuu wabii fudhate, fuudharratti nama kakaasuu irraa jalqabee, mirga daa'immanii eeguun, jidduu miseensota maatitti hariiroo tartiiba godhuun goolabe, jaarmayni maatii kun suuraa namummaa namaa tan akka Rabbiin barbaadetti iftu.
sadarkaa maatii islamaaa keessatti
Rabbiin oltahe dhiiraa fi dubartii hunda keessatti harkifama fedhii gama walii keessatti biqilche, harkifama kana awwaachuuf fuudha karaa shar'aa godhe, ilmi namaa heddummaachuu fi gosa isaa eeguuf. islaamni Qur'aanaa fi sunnaa Ergamaa s.a.w keessatti fuudharratti kakaase.
maatii islaamaa jaaruun utubaa lama irratti irkata
utubaa lubbuu
utubaa qabeenyaa
islaamni lamaan jaarsaa fi jaartii jaarmaya kanaaf akka hawwan kakaasa, akka tiiysan; akka diigamee miseensonni gaaddisa isaa jalatti gaaddiseeffatan addaan hin faffacaane. kanaaf obsaa fi hariiroo bultii itti fufsiisutti kakaasa, osoo jaalalti jidduu gama lameeniitii dhumtellee. Rabbiin oltahe ni ja'e: Akkaataa gaariin isaan horadhaa. Yoo isaan jibbitan (obsaa); waan tokko isin jibbitanii Rabbiin isa keessa khayrii baay’ee godhuun ni kajeelama. [Annisaa'i: 19].