barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota sadarkaa maatii islaama keessatti

barnoota kana keessatti hubannaa maatii islaama keessattii fi sadarkaa isii baranna.

  • hubannoo maatii islaama keessatti baruu.
  • islaama keessatti sadarkaa maatii ibsuu.
  • islaama keessatti sadarkaa maatii jaaruu baruu.

hubannoo ummataa

ummanni gareewwan nama dhuunfaa irraa taate tan qoodni walfakkaataan walitti qabu irraa uumamti; akka hundee fii afaanii fi seenaa, san hunda keessaa guddaan amantiidha. namoonni dhuunfaa kun manneen bultii keessaa bahan, jaarsotii fi jaartiiwwan irraa, isaanis gama isaaniitiin maatiiwwan haaraa ilmaan adeemsa kana itti fufan baaftu uuman, kanaan ummanni turee itti fufa.

jiruun bultii gaariin jireenya ummataa keessatti hundeedha, kanumarraa ka'uun hundee itti xiyyeeffatuun dirqama tahe, isiinis maatiidha.

ilmi namaa xabi'aa isaatiin uumama hawaasummaati, hawaasa hariiroon gara garaa wajjiin walitti isa hiitu wajjiin malee jiraatuun itti hin tolu, sanuma keessaa miiraa fi mararfata garii garee murtoytuu taaten kophaa qooddatutti haajama, isaanis miseensota maatiiti, maatiin islaama keessatti gamtaa hawaasummaa dhiiraa fi dubartii bultiin shari'aa walitti fidde irraa uumamtuu fi, hortee isaaniiti.

islaamni jaarmaya kana kunuunsuu wabii fudhate, fuudharratti nama kakaasuu irraa jalqabee, mirga daa'immanii eeguun, jidduu miseensota maatitti hariiroo tartiiba godhuun goolabe, jaarmayni maatii kun suuraa namummaa namaa tan akka Rabbiin barbaadetti iftu.

sadarkaa maatii islamaaa keessatti

١
maatiin islaama keessatti hawaasa namummaa nagaya qabuu fi walmadaa uumuuf utubaa jalqabaati
٢
maatiin suuraa balaqqistuu qulqulluu namoonni irraa maddanii fi hariiroon gaaddisa isii jalatti uumamtu.
٣
maatiin islaama keessatti seelii jalqabaan tan akkaataan hawaasummaa nagaya qabdu keessatti uumamtu, isii keessatti hawaasni mirga isaaf jiruu fi dirqama isarra jiru bara.
٤
maatiin islaama keessatti uumaa abbaa tan hortee isaa dheeressuu isiitu kunuunsa, galmi hortee ilmaan namaa eeguu saniin galma gaha.
٥
waan guddina sadarkaa maatii islaama keessatti ibsu keessaa, Rabbiin oltahe walitti qabama qananiilee ilmaan namarratti oolee akka taatetti lakkaawe, Rabbiin oltahe ni ja'e: Yaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaa, Isa lubbuu takka (Aadam) irraa isin uumee, ishee irraa cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraa dhiirotaafi dubartoota baay’ee tamsaase. [Annisaa'i: 1].

fuudha islaama keessatti

Rabbiin oltahe dhiiraa fi dubartii hunda keessatti harkifama fedhii gama walii keessatti biqilche, harkifama kana awwaachuuf fuudha karaa shar'aa godhe, ilmi namaa heddummaachuu fi gosa isaa eeguuf. islaamni Qur'aanaa fi sunnaa Ergamaa s.a.w keessatti fuudharratti kakaase.

maatii islaamaa jaaruun utubaa lama irratti irkata

utubaa lubbuu

waliin jireenya lubbuu, garaa laafinaa fi wal mararfata if keessaa qaba, tan jacha Rabbii oltahee tana keessatti barrooyte: Mallattoolee Isaa irraayyi lubbuulee teessan irraa jaartiilee teessan isinii uumuun, akka gara isheetti boqottaniif jecha, gidduu keessanitti jaalalaafi mararfannaa godhe. kana keessa mallattooleetu jira. namoota xiinxalaniif. [arruum: 21].

utubaa qabeenyaa

ulaagaa bultii guutuu keessatti mullatti, jaarsaa fi jaartiin hundi isaanii dirqama isaanii bahatuu; nafaqaa fi dhimma manaatii fi bu'aa ilmaanii if keessaa qaba.

islaamni lamaan jaarsaa fi jaartii jaarmaya kanaaf akka hawwan kakaasa, akka tiiysan; akka diigamee miseensonni gaaddisa isaa jalatti gaaddiseeffatan addaan hin faffacaane. kanaaf obsaa fi hariiroo bultii itti fufsiisutti kakaasa, osoo jaalalti jidduu gama lameeniitii dhumtellee. Rabbiin oltahe ni ja'e: Akkaataa gaariin isaan horadhaa. Yoo isaan jibbitan (obsaa); waan tokko isin jibbitanii Rabbiin isa keessa khayrii baay’ee godhuun ni kajeelama. [Annisaa'i: 19].

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi