kutaan ammaa model
Barnoota Bu'uraalee filannoo jaarsaa fi jaartii
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
islaama keessatti jaarmayni bultii jaarmaya akkaan barbaachisaa fi dhimmi isaatin ol ka'aati, shari'aan islaamaa tarkaanfiilee haaldureedhaatiin marsitee jirti, gama hundaaf waan isaa toluu fi bu'aa isaa qabu isaaf mijjeessitee jirti, bultiin akka itti fuftuu fi manni muslimaa akka tasgabbaawuuf gargaarti.
maatii jaaruu keessatti utubaan waannaan jaarsaa fi jaartiidha, shari'aanis hariiroon isaan lamaan jidduu akka toltuuf kajeelte, sun galma gahuun mallattoolee fi tola Rabbiin gabroottan isaa irratti oole irraa godhe.
Rabbiin oltahe ni ja'e: Mallattoolee Isaa irraayyi lubbuulee teessan irraa jaartiilee teessan isinii uumuun, akka gara isheetti boqottaniif jecha, gidduu keessanitti jaalalaafi mararfannaa godhe. kana keessa mallattooleetu jira. namoota xiinxalaniif. [Arruum: 21].
filannoo jaarsaa jaartii gaarii
ulaagaalee filannoo jaarsaa jaartii barbaachisaa
hundeen dhiiraa fi dubartiin hundi wayta shariika jireenyaa filatan eeguu qaban tana, tolinsi diinii fi amalaa hayyama Rabbiitiin gammachuu ganda lamaanii dhugoomsuuf wabiidha.
Nabiyyiin s.a.w jaartii gaarii diin qabdu filachurratti kakaasee jira, ni ja'e: "dubartiin waa afuriif fuudhamti: qabeenya isiitiif, ganda isiitiif, bareedina isiitiif, diin isiitiif, ta diin san qabadhu harki kee lafa haa qabatuu" (Bukhaarii 5090, Muslim 1466), dubartiin diin qabdu Rabbi sodaatti, haqa mana isiitii fi jaarsa isii eeydi bikka inni jiruu fi hin jirrettis.
jaarsa filachuu keessatti Nabiyyiin s.a.w akka ja'e: "namni amala isaatii fi diin isaa jaalattan wayta isinitti dhufe fuusisaa, yoo akkas godhuu baattan fitnaa fi badii hedduutu lafa keessatti taha" (ibnu maajah 1967), gariin salafaa jachuu turan: hintala tee yoo heerumsiifte nama diin qabu heermsiisi, yoo isii jaalate ni kabaja, yoo jibbes hi miidhu".
tasgabbii lubuu
kanaaf Nabiin s.a.w nama qaadhimatuu fedhu ajaje akkana jachuun: "gama isii laali, isin jidduu jaalalti bu'uutu kajeelama" (Tirmizii 1087). wanni itti fedhe: jaalalti isaan jidduu turuudha. ilaalchi kun ammas haqa dhiiraa fi dubartiiti; akka gamni hundinuu gama kaan baruufi lubbun isa gama isa tasgaboytufi.
Gahumsa
jaalachuu fi qeebaluu
islaamni dubartitti tole, jaalalaa fi bultii qeebaluu isii ulaagaa taasise, Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "dubartiin takka heerumte hanga ajajsiifamtutti hin heerumsiifamtu, dubris hanga hayyamtutti hin heerumsiifamtu" ni ja'an: yaa Ergamaa Rabbii hayyamni isii akkami? ni ja'e: "cal'isuu isiiti" (Bukhaarii 5136, Muslim 1419). seenaa Khansaa'a bintu khizaam keessattis "abbaan isii isii dubra hin tahin heerumsiise, isiinis san ni jibbite, Ergamaa Rabbitti dhufte s.a.w, nikaa isaa ni deebise" (Bukhaarii 5138)