barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Hiikkaa

Barnoota kana keessatti hubannoo hiikkaatii fi murtiilee isatti rarraatu garii baranna.

  • Hubannoo hiikkaa barachuu.
  • Tolina islaamaa waan murtii hiikkaatiin walitti rarra'u keessaa hanga takka barachuu.
  • Bu'aa fi miidhaa hiikkaa ibsuu.
  • Gosoota hiikkaa barachuu.
  • Hubannoo iddaa fi garii waan isaan walqabatuu barachuu.

Beellama ulfaataa

Islaamni jireenya maatii tiiiysuuf bolole, hariiroo bultii beellama Qur'aanni ulfaataa ja'een tiisse, beellamni ulfaataan kun hidhaa nikaahaati.

Islaamummaan hariiroo bultii tiissuu mirkaneessuu irraa, jaarsonni akka jaartiilee isaanii qabatan akka hin hiikne otoo jibbanii yookiin waa irraa jibbanillee, Rabbiin oltahe ni ja'e: Akkaataa gaariin isaan horadhaa. Yoo isaan jibbitan (obsaa); waan tokko isin jibbitanii Rabbiin isa keessa khayrii baay’ee godhuun ni kajeelama. [Annisaa'i: 19]. akka beellamni ulfaataan citinsaaf hin saaxilamneef, jaarsaa jaartii jiddu bu'uuf yaaluu Islaamni jajjabeessee dhoorke, jaartii jaarsa irratti balleessuun, Abii hureyraa irraa Rabbi irraa haa jaalatuu Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "namni jaartii jaarsa irratti shawwade nurraahii miti" (Abuudaawuud 2175).

Qabatamummaa islaamaa

Islaamummaan hariiroon bultii akka itti fuftuuf osuma kajeeluu, garuu inni amantii qabatamaati, waan uumama namaa faalleessuu fi fedhii isaanii cabsuu fi isaan irratti dhiphisuun hin dhufu, inumaa haala fi miiraa fi haajaa isaanii eega, Rabbiin oltahe jireenyi bultii itti fufuun haala hedduu keessatti dhumuu irra barbaachisaa akka tahe ni beeka, hiikkaan yeroo garii barbaachisaa fi inumaa yeroo garii dirqama akka tahe ni beeka; kanaaf hiikkaa hayyamuu keessa ogummaa guddoo fi nama irratti ballisuutu keessa jira, akkuma miidhaa fi jabinni keessa jirutti.

Hiikkaan karaa godhamuu

Hiikkaan karaa godhamuu keessatti barruun hedduun Qur'aana kabajamaa fi sunnaa Nabii keessatti dhuftee jirt, aayatootaa fi hadiisonni murtii isaa seera qabsiisuu fi naamusa isaa ibsuuf dhufan, suuraa Qur'aanaa keessa takka suuraa hiikkaa ja'amte.

hiikkaa jachuun akka afaanitti

inni hidhaa hiikuu fi gadi lakkisuudha.

Hiikkaa akka shari'atti

inni jacha adda godhameen hatattamattii fi irkisuun hidhaa bultii hiikuudha; jachi adda godhame: kan ifa tahe; akka jacha hiikkaa, akeekkaan; akka jacha fagaataa fi haraamii fi gadi lakkisuu faadha, bikka jachaa ni bu'a; barruu fi akeekni hubatamu, addaan baasuu keessatti jachi "kullii" fi qaadiin "addaan baase" jachuun jacha hiikkatti ni dhaqqaba.

Bu'aa hiikkaa keessaa

١
utubaa nagayaa tan maatii duraa keessa hi jirre irratti maatii lama haarawa jaaruuf karaa banuu, tolli Rabbii ballaadha, Rabbiin oltahe ni ja'e: Yoo isaan lameen adda ba’an, Rabbiin hundaayyuu tola Isaa irraa ni duroomsa. Rabbiin (kenni isaa) bal'aa, ogeessa ta'eera. [Annisaa'i: 130].
٢
badiilee gurguddoo bultii jibbaan guuttamte itti fufuu keessatti argamuu dandeessu hanbisuu, sunis waan Rabbi haa oolchuu badii keessa bu'utti geessisuun malu irraahi.
٣
bultii duraa irraa barumsa fudhachuu, waan hedduu keessa deebi'anii laaluu, hanqina lubbuun qabdu ibsuufii, isii injifachuuf yaaluu, waan bultiin lammadaa akka milkooytu godhu.
٤
walitit bu'iinsaa fi mormii fi, waan isiin itti geessitu jibbaa fi amala baduu fi jidduu walii baduu dhaabuu.
٥
miseensota maatiitii fi lubbuu isaanii fi eenyummaa isaanii, sababa mana tasgabbii fi nageenya hin qabne keessa jiraachuu diigamuu irraa baraaruu, kun waan daa'imman irratti daran miidhaa tahu.

Miidhaa hiikkaa keessaa

١
jaarmeyni maatii faca'uu, goojjoon silaa jaalalaa fi wal mararfachuu irratti jaaramte baduu.
٢
yoo haadha abbaan hiikkaa booda amala sirreeffachuu baatan; diinummaa itti fufuunii fi galumsa ilmaan isaanitti galu muruun, ilmaan karaa dhiibbaa walirrattiin godhan godhachuu fi kana males, sababa isaa ilmaan rakkina lubbuutiif saaxilaman, jallina yaadaa fi amalaatiifis, faanti isaa badduun hanga dhuma umriitti guddatti.
٣
diinummaa fi jaarsaa jaartii jiddutti wal muruu, kunis gama maatii isaan lameenitti dheerachuu dandaha, sababa sanii geenguun muramaa ni ballatti, kuni haawaasni walqabachuu fi walitti hidhamuu irraa waan islaamni barbaaduun fallaadha.

Gosoota hiikkaa

١
hiikkaa deebii.
٢
hiikaa fagaataa fagina xiqqaa.
٣
hiikkaa fagaataa fagina guddaa.

hiikkaa deebii

inni hiikkaa gurbaan jaartii isaa irratti yeroo duraatii fi lammadaa jaartii isaa irratti buusu, isa keessatti waan iddaa keessa jirtuun mirgi isii deebifachuu isaaf jira, isii hayyamsiiuun alatti, hidhaa harawatti haajamuun alatti.

hiikkaa fagaataa fagina xiqqaa

innis waan yeroo duraatii fi lammadaa tahu garuu erga iddaan dhumte booda, asitti hidhaa haarawaan malee isaaf deebi'uun hin tahu.

hiikkaa fagaataa fagina guddaa

innis yeroo sadaffaaf hiikuudha, jaarsi jaartii deebisuu hin dandahu erga isiin jaarsa biraa heerumtee hiikkatte yookiin irraa du'e booda mahrii fi hidhaa haarawaan malee, osoo walii galtee jaarasa duraatiif deebisuutiin hin tahinitti.

murtiileen deebii fi fagina xiqqaa fi fagina guddaa wajjiin wal qabatan fakkii mullattuu tolina shari'aa islaamaa argisiifti; hiikkaan dhuma dubbiitii miti, deebii fi fagina xiqqaa fi guddaa keessatti jaarsaa jaartiin keessa deebi'anii laaluu fi booddee itti yaaduuf carraa fi yeroo ni argatan, tasgabbiin rakkina irraa fagaatanii, akkasuma fagina guddaa keessatti duabartiin erga jaarasa isii kan lammadaa irraa hiikkattee, gamni lamaan walitti deebi'uun akka dandahamtuu fi filannoo gaarii akka tahe arguutu mala, inuma yeroo hedduu muuxannoon tun sababa bultii hundee jabduu irratti deebisanii dhaabuu taati,

iddaa

isiin -du'aa yookiin hiikkaan- erga adda bahanii yeroo shari'aan daangeessite tan dubartiin heeruma malee hanga dhumtuu eeguu qabdu.

jaartiin iddaa isii mana jaarsa isitti fixachuu mirga qabdi, nafaqaan isii isarratti jirti, akkasuma isii iddaa keessa jirtu jaarsi yoo irraa du'e dhaaluuf mirga qabdi, iddaa isii keessatti dhiiraaf qaadhimamuunis irratti haraam taha.

ogummaa iddaan karaa godhamuu keessa jirtu

١
gabbartii, mulimtichaa fi muslimtittiin amrii isaanii Rabbitti kannanii jiran, hogguu Rabbiin waa murteesse ajajamuuf dura bahan; gabrummaa mullisuuf jacha.
٢
gadaamessi dubartii ulfa kamuu irraa bilisa akka tahe mirkaneessuuf.
٣
jaarsi jaartii isaa hiikkaa booda akka itti deebi'uuf carraa gahaa kennuufii.
٤
jaarsa du'eef gadduu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi