kutaan ammaa model
Barnoota mirga dubartoota islaama keessatti
diin islaamaa bareedaan -barsiisaa qajeelchaa isaatii fi gajeelfama isaa ogeessa saniin- dubartii muslimaa kunuunse, kabajaa isii isiif tiiyse, jabina isiitii fi gammachuu isii mirkaneessuu ifirratti fudhate, sababoota jiruu gaarii isiif mijjeesse, iddoo shakkii fi fitnaa fi hamtuu fi badii irraa halaalatti, kuni hundi guddina rahmata Rabbii oltahee irraahi dubartiif kophatti, hawaasaaf waliigalatti, kunuunsi kun bifa gara garaa qaba.
kabajaa fi iddoo caaltuu
islaamni dubartiif wabii godhe kabajaa isiitii fi namummaa isii, bakkuma kamittuu iddoo isiin maltu kenneef; haadha taatee fi jaartii fi hintalaa fi kana males taatee. ni ajaje isiif gaaromittii fi isitti tola ooluttii fi kunuunsa addaa isii kunuunsutti, akkasuma dhaaltee badduu amantii fi yaadaa fi hawaasaa tan dhimma dubartii xiqqeessitu yookin isii gdi qabduu fi tuffattu hunda itti duule.
Umar ibnu khaxxaab Rabbi irraa haa jaalatuu ni ja'e: "wallaahi nuti jaahiliyyaa keessatti dubartiif humaa yaaduu hin turre, hanga Rabbiin waahee isaanii waa buusetti, waan qoode isaaniif qoodetti" (bukhaaarii 4913, fi muslim 1479). ifni islaamaa waggaa 1400 dura ife, sadarkaa dubartii olkaase, miidhaa ummatoonni hedduun irratti raawwachuu turan irraa kaase, san keessa dubartiin abbaa qabeenyaa tahuu hin dandeessu turte, dhaalus, jaartiin yoo jaarsi isii du'e dhaalamuu yookiin gubamuu turte, akkasuma gurguramuu fi bitamuu turte, barteen tun -akka fakkeenyatti- ingiliiz keessatti bali'naan ture hanga jalqaba jaarraa diiddammaffaa.
haqummaa dhiiraa fi dubartii jidduutti
islaamni diin Rabbii aalamaati, beekaa haqa dalagaa ogeessa, haq dalaguu Rabbiitii fi ogummaa isaa keessaa waan waldhabu wal qixxeessuu dhabuudha, fi waan walfakkaatu addaan baasuu dhabuudha, kanumaaf shari'aa islaamaa ni argita tan dhiiraa fi dhalaa waan isaan keessatti walfakkaatan keessatti tan walfakkeessitu, waan isaan keessatti waldhaban keessatti tan gara gara gootu, kunis mirgaa fi dirqama xabi'aa, haajaa fi dandeettii isaan lamaaniitii wajjiin akka walsimatu godhe, uumama Rabbiin irratti uume wajjiinis. islaamni dirree hunda keessatti dubartiif iddoo isiin maltu kenneef, dhiiraa wajjiinis gahee hedduu keessatti walqixxeesse, san keessa:
aslii uumaa
tuffiin dubartootaa ummatoota dabranii namummaa guutuu keessaa hanga isii baasutti isaan geessite, aristootil ni ja'a: dubartiin dhiira irruudha, uumamni sullama uumaa keessaa sadarkaa jaletti isii dhiise, soqraaxos muka summii qabdutti isii fakkeessa, roomaa keessatti yaa'iin guddoon gaggeeffamtee achirratti murteessan: dubartiin lubbuu fi waaruu akka hin qabne, jiruu boodaa akka hin dhaalle, najisa akka taate, foon nyaachuu fi kofluu fi dubbachuu akka hin qabne! faransoonni ammoo bara 586 dhimma -yaachisaa- irraa mari'achuuf yaa'ii taa'an, siini: dubartiin nama moo namaa miti? lubbuu ni qabdi moo hin qabdu? lubbuu yoo qabaatte lubbuu bineensaati moo namaati? yoo ta namaa taate sadarkaa lubbuu dhiiraati moo sanii gadi?! dhumarrattis isiin akka nama taate murteessan, garuu dhiira tajaajiluu qofaaf uumamte. islaamni garuu aslii uumaa keessatti saalli lamaan akka walqixa tahe murteessa, Rabbiin oltahe ni ja'e: Yaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaa, Isa lubbuu takka (Aadam) irraa isin uumee, ishee irraa cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraa dhiirotaafi dubartoota baay’ee tamsaase. Rabbii isa ittiin wal kadhattaniifi firummaa (muruu) sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin isin to’ataadha. [nisaa'i: 1].
islaamni ittigaafatamummaa shari'aa keessatti dhiiraa fi dubartii walqixxeesse, galataa fi sawaaba addunyaa fi aakhirattis, Rabbiin oltahe ni ja'e: Dhiiras ta’ee dubartii irraa nama mu’umina ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna; mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina. [annahli: 97], ammas ni ja'e: Dhiiraafi dhalaa irraa namni mu’umina ta’ee hojii gaggaarii hojjate, isaan sun jannata seenu; hanga tuqaa temiraas hin miidhamanu. [annisaa'i: 124]. ergamaan Rabbii s.a.w ni gaafatame gurbaa jiidha ifirratti argu kan manaaba hin yaadanne irraa. ni ja'e: "ni dhiqata". gurbaa manaaba arge kan jiidha ifirratti hin argine irraa. ni ja'e: "dhiqachuun irra hin jiru". ummu suleymi ni jatte: dubartiinis san ni argiti, dhiqachuun irra ni jiraa? ni ja'e: "eeh, dubartoonni obboleeyyan dhiiraati" (abuudaawuud 236).
jalqaba namni ergaa rasuulatti s.a.w amanee dubartiidha, isiin haadha muu'uminoota khadiijaadha rabbi irraa haa jaalatuu, dubartoonni tuuta jalqaba gara habashatti godaante keessas turan, garee dura yasrib irraa dhuftee nabiyyiitti amante keessas duabrtoonni turan.
seenaa islaamaa keessatti dubartiin fakkeenya ifaa taatee jirti, amala isii faarfamaa, beekkumsa isii baay'ee fi ergaa islaamaa hubachuu isiitiin beekkamte, inumaa haala hedduu keessatti gama kanaan dursaa turte, muslimoonni dhimma amantii isaanii fakkeenya dubartii muslimaa beeytota beekkumsaa fi barsiisuu keessatti duree turan irraa fudhachuu turan; isaan keessaa tan akkaan beekkamtu haadha mu'umintootaa aa'ishaadha Rabbi irraa haa jaalatuu.
dubartiin ibaadaa gamtaa keessatti dhiira wajjiin hirmaatti, dirqamaan yookiin jaalatamaa yookiin hayyamaa tahuun; akka umraa fi hajjii, salaata roobaa fi iida lamaanii, salaata jummaa fi jama'aa, islaamummatti yaamutti ajajamtuudha, toltutti ajajuu fi hamturraa dhoorkuuttis, kana males fakkii mullataa shari'aan itti gaafatamummaa keessatti saala lamaan walqixxeessuu kan jiran, san keessaa waan garaa garummaa uumaa irratti qaban malee keessaa hin hafu.
islaamni itti gaafatamummaa keessatti seera walqixxummaa akka ulaagaa walii galatti mirkaneessuu wajjiin, garaagarummaa saala lamaan jidduu jirus ni eege, garaa garummaa gahee kan kanarraa ka'us, kanaaf gahee kana seera itti godhee nama hunda bakka isaan maltu kaaye, kunis wan jireenya keessatti walguututti geessu, dhiirti dubartii fi ilmaan nafaquu irraa gaafatama, isaa tiiysuu fi dhimma maatii guutuu eeguutu irra jira, dubartiinis mana isii, jaarsa isiitii fi ilmaan isii irraa itti gaafatamtuudha, itti gaafatamummaa ba'achuu qabduutu irra jira.
islaamni dubartiif mirga isii kan hawaasummaa fi mirga dhimma dhuunfaa sii wabii taheefii jira. mirgi kunis duabrtiif wabii kan tahe jalqaba ergaa irraa waggaa 1400 dura, dhaabbileen sivilii fi mirgaa tan ammayyaa osoo yaamuu hin jalqabini.
mmirga dubartii kan sivilii fi hawaasummaa
mirga dubartii dhimmoota dhuunfaatii fi heeruma keessatti
kanneen dabran mirga dubartoota islaama keessatti ibsuuf fakkeenya qofa, malee mirgi shari'aan islaamaa dubartiif kennite haalaan hedduudha.