kutaan ammaa model
Barnoota mirga dubartoota islaama keessatti
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
diin islaamaa bareedaan -barsiisaa qajeelchaa isaatii fi gajeelfama isaa ogeessa saniin- dubartii muslimaa kunuunse, kabajaa isii isiif tiiyse, jabina isiitii fi gammachuu isii mirkaneessuu ifirratti fudhate, sababoota jiruu gaarii isiif mijjeesse, iddoo shakkii fi fitnaa fi hamtuu fi badii irraa halaalatti, kuni hundi guddina rahmata Rabbii oltahee irraahi dubartiif kophatti, hawaasaaf waliigalatti, kunuunsi kun bifa gara garaa qaba.
kabajaa fi iddoo caaltuu
Umar ibnu khaxxaab Rabbi irraa haa jaalatuu ni ja'e: "wallaahi nuti jaahiliyyaa keessatti dubartiif humaa yaaduu hin turre, hanga Rabbiin waahee isaanii waa buusetti, waan qoode isaaniif qoodetti" (bukhaaarii 4913, fi muslim 1479). ifni islaamaa waggaa 1400 dura ife, sadarkaa dubartii olkaase, miidhaa ummatoonni hedduun irratti raawwachuu turan irraa kaase, san keessa dubartiin abbaa qabeenyaa tahuu hin dandeessu turte, dhaalus, jaartiin yoo jaarsi isii du'e dhaalamuu yookiin gubamuu turte, akkasuma gurguramuu fi bitamuu turte, barteen tun -akka fakkeenyatti- ingiliiz keessatti bali'naan ture hanga jalqaba jaarraa diiddammaffaa.
haqummaa dhiiraa fi dubartii jidduutti
aslii uumaa
islaamni ittigaafatamummaa shari'aa keessatti dhiiraa fi dubartii walqixxeesse, galataa fi sawaaba addunyaa fi aakhirattis, Rabbiin oltahe ni ja'e: Dhiiras ta’ee dubartii irraa nama mu’umina ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna; mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina. [annahli: 97], ammas ni ja'e: Dhiiraafi dhalaa irraa namni mu’umina ta’ee hojii gaggaarii hojjate, isaan sun jannata seenu; hanga tuqaa temiraas hin miidhamanu. [annisaa'i: 124]. ergamaan Rabbii s.a.w ni gaafatame gurbaa jiidha ifirratti argu kan manaaba hin yaadanne irraa. ni ja'e: "ni dhiqata". gurbaa manaaba arge kan jiidha ifirratti hin argine irraa. ni ja'e: "dhiqachuun irra hin jiru". ummu suleymi ni jatte: dubartiinis san ni argiti, dhiqachuun irra ni jiraa? ni ja'e: "eeh, dubartoonni obboleeyyan dhiiraati" (abuudaawuud 236).
jalqaba namni ergaa rasuulatti s.a.w amanee dubartiidha, isiin haadha muu'uminoota khadiijaadha rabbi irraa haa jaalatuu, dubartoonni tuuta jalqaba gara habashatti godaante keessas turan, garee dura yasrib irraa dhuftee nabiyyiitti amante keessas duabrtoonni turan.
seenaa islaamaa keessatti dubartiin fakkeenya ifaa taatee jirti, amala isii faarfamaa, beekkumsa isii baay'ee fi ergaa islaamaa hubachuu isiitiin beekkamte, inumaa haala hedduu keessatti gama kanaan dursaa turte, muslimoonni dhimma amantii isaanii fakkeenya dubartii muslimaa beeytota beekkumsaa fi barsiisuu keessatti duree turan irraa fudhachuu turan; isaan keessaa tan akkaan beekkamtu haadha mu'umintootaa aa'ishaadha Rabbi irraa haa jaalatuu.
dubartiin ibaadaa gamtaa keessatti dhiira wajjiin hirmaatti, dirqamaan yookiin jaalatamaa yookiin hayyamaa tahuun; akka umraa fi hajjii, salaata roobaa fi iida lamaanii, salaata jummaa fi jama'aa, islaamummatti yaamutti ajajamtuudha, toltutti ajajuu fi hamturraa dhoorkuuttis, kana males fakkii mullataa shari'aan itti gaafatamummaa keessatti saala lamaan walqixxeessuu kan jiran, san keessaa waan garaa garummaa uumaa irratti qaban malee keessaa hin hafu.
islaamni itti gaafatamummaa keessatti seera walqixxummaa akka ulaagaa walii galatti mirkaneessuu wajjiin, garaagarummaa saala lamaan jidduu jirus ni eege, garaa garummaa gahee kan kanarraa ka'us, kanaaf gahee kana seera itti godhee nama hunda bakka isaan maltu kaaye, kunis wan jireenya keessatti walguututti geessu, dhiirti dubartii fi ilmaan nafaquu irraa gaafatama, isaa tiiysuu fi dhimma maatii guutuu eeguutu irra jira, dubartiinis mana isii, jaarsa isiitii fi ilmaan isii irraa itti gaafatamtuudha, itti gaafatamummaa ba'achuu qabduutu irra jira.
islaamni dubartiif mirga isii kan hawaasummaa fi mirga dhimma dhuunfaa sii wabii taheefii jira. mirgi kunis duabrtiif wabii kan tahe jalqaba ergaa irraa waggaa 1400 dura, dhaabbileen sivilii fi mirgaa tan ammayyaa osoo yaamuu hin jalqabini.
mmirga dubartii kan sivilii fi hawaasummaa
mirga dubartii dhimmoota dhuunfaatii fi heeruma keessatti
kanneen dabran mirga dubartoota islaama keessatti ibsuuf fakkeenya qofa, malee mirgi shari'aan islaamaa dubartiif kennite haalaan hedduudha.