barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota waan soomana balleessu.

wantoota namni soomanaa irraa dhoowwamuu qabu tan soomana balleessitu.

gosoota waan soomana furuu beekuu.

waan soomana balleessu.

wantoota namni soomanaa irraa dhoowwamuu qabu tan soomana balleessitu.

1- nyaataafii dhugaatii.

Rabbiin akkana jedhe "nyaadhaa dhugaa hanga haadni jibrii adiin guraacharraa adda isiniif bahutti fajrirraa eegasii hanga halkaniitti soomana guutadhaa".baqaraa 187

namni dagatee nyaate yookaa dhuge soomanni isaa fayyaadhaa diliin isarra hinjirtu, nabiin s.a.w. akkana jedhe " namni osoo soomana qabuu irraanfatee nyaate yookaa dhuge soomana isaa haaguuttatuu, Rabbiitu isa nyaachisee isa obaase".bukhaarii 1831 muslim 1155.

2. waan nyaataafii dhugaatii fakkaatu.

١
dawaaleefii lilmoo bakka nyaataa buutu, tan soogiddaafii soorata qaamarraa ir'ate guuttu, isiin akkuma nyaataafii dhugaatiitti laalamti, murtii isaaniiti qabdi.
٢
lilmoo dhiigaa tan nama dhukkubuuf godhamtu, dhiiyni qaama soora waan taheef murtii nyaataafii dhugaatiiti qaba.
٣
sijaaraa aarsuun gosti hundinuu soomana nifura. inni akkuma nyaataatti garaa namaa seena waan taheef.

3- qunnamtii saalaa godhuu, mataan saala dhiiraa saala dubartii keessa olseenuun, dhiirtichi maniyyii dangalaauu dhangalaasuu baatuu.

4-namtichi maniyyii beekaa dhangalaasuu, dhalaa qaqqabuun yookaa harkaan yookaa waan kana fakkaatuun.

ammoo dhangalaiinsi bishaan hormaataa kan hirriiba keessatti tahe soomana hinballeessu, namni lubbuu ufii toohachuu dandayu jaartii isaa dhungachuu nidandaya, yoo uf toohachuu hindandayin dhungachuun hintahu, akka soomana isaa hinballeessineef.

5- beekaa uf haqqisiisuu.

ammoo namni fedhii isaa malee haqqeen irraa bahe homaa isarratti hinjiru, soomanni isaa hinbadu. nabiin s.a.w. akki jedhe "namni osoo soomana qabuu haqqisaan isa injifattee haqqise qadaan isarratti hinjiru, namni uf haqqisiise qadaatu isarra jira".tirmizii 720. abuudawud 2380.

6- dhiiyni heydiifii nifaasii dubartirraa yaauu.

dubaatrtiin takka sa'aalee guyyaa kamiiyyuu keessa dhiigni heydii yookaa nifaasii irraa yaanaan soomanni nibada.yoo hedii qabaattee fajrii booda irraa dhaabbates soomanni guyyaa sanii hintahu. nabiin s.a.w. akki jedhe "dubartiin yeroo heydoyte tan salaataafii soomana dhiiftu hintaanee?". jedhe bukhaarii 1850

ammoo dhiiyni sababaa dhukkubaatiin dubartirraa yaau, ka heydii beekamtuu guyyaa muraasa jiattii hintahin, ka nifaasii dayuumsa boodaa hintahin, soomanarraa nama hindhoowwu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi