barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree gannaafii qulqullina

ibsa yeroo gannaa xahaaraan murtii addaa qabdi boqannaa kana keessatti baratta

kaayyooqabbana gannaa keessatti akkamitti qulqulleeffatanii nibarta.kopherra haxaawuu nibarta.akkaataa taymuumaa nibarta.

bishaan roobaa xahaara.

bishaan roobaa qulqulluu qulqulleessaadha. Rabbiin akkana jedhe "bishaan qulqulleessaa samirraa buufne". furqaan 48 akkasuma wanni uffataafii kophee warraa salaatuutti facauu bishaan kararraa fii horofni xahaara.

qabbana gannaa keessa wuduua tolfachuu.

yeroo bishaan qorraa yookaa oowwaa wuduu'a tolchuun waan Rabbittiin dhihaatani. nabiin s.a.w. akki jedhe " mee waan Rabbiin dilii namarraa haquun isinii himuu, kan sadarkaa ol namaa fuudhuun?" ee yaa ergamaa Rabbii jennaan. "wuduu'a yeroo jibbisiisaa tolfachuu, tarkaanfii gara masjiidaa heddummeessuu, salaata taan booda taan eeggachuu, kana wardiyyaa dhaabbachuun" muslim 251. wuduua tolchuun hoongaan gayuudha.

dogoggorarraa humnoota qaamaa dhiqachurraa laafuu.qabbana bishaanii dheefaaf jecha, garii namaa kanfuula guutee hindhiqanne garta, yoo kan haxaawu, yookaa harkaaf miila ka guutee hindhiqanne.kuni sirrii miti, dirqamni yoodandaye wuduu'a guutee godhachuudha. yookaan owwifachuun ufgargaaruu dandaya.

bishaan wuduu'aaf oowwifachuun ganna keessa nihayyamama. sawaaba hin irrisu. qaamarraa bishaan ufhaquun wuduu'a booda nitaha. kunis sawaaba hin irrisu. yoo kana dhiisuun kan dararamu taate.

tayammuma.

tayamuma jechuun namtichi harka lameeniin biyyee dhawtee eegasii fuula isaa haxaawuudha, eegasii ganaa mirgaa eegasii ganaa bitaa irra haxaawuudha.

taymuumni yoom godhatama?

tayamuumni yeroo bishaan dhaban, yooka xiqqaa jiru dhugaatiif itti haajaman, yookaa dhukkubaaf bishaan dadhabaniidha.

Kopherra haxaawuu

kopherra haxaawuun kaphee kallorraa tolfamte tan hirpha lameen uwwiftu uffateexahaaraa lameen guuturratti isaa wuduu'a qabu. booda yeroo wuduu'a godhatu yogguu mataa fii gurra haxaawe kophee baafatee miila dhiqachuun dirqamaa miti, kophema gara gubbaa haxaawa.

kopherra haxaawuuf ulaagaan isaa kanneeni

١
kopheen xahaara tahuu
٢
kopheen miila dhooysuu
٣
eega wuduu'a guuttate booda isii uffachuu.

yeroon kopherra haxaawan

halkaniifii guyyaa (saa'aa 24) nama biyya jiruuf.
halkan sadihiifii guyyaa sadihi (72) nama karaa demuuf.

yeroon kopherra haxaawuu kan jalqabu wuduu'a dura kopherra haxaawanirraa kaaseeti.

nama osoo wuduu'a hinguuttatin uaffateef kopherra haxaawuun hintahu, namni yeroon irra haxaawan dhumtes hintahu, nama qaama dhiqachuun itti dirqamaatiifis hintahu. (janaabaafii waan kana fakkaatuun) inni baafatee qaama dhiqatee miilas dhiqachuun dirqama.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi