barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota laailaaha illallaahu ragaa bahuu.

Islaamummaan jecha tawhiida laa ilaaha illallaahuuf sadarkaa guddaa keenniteef. isiin dirqama duraa kan muslimtootaati. namni islaamummaa seenuu fedhe isii amanuufii jechuu qabaa.

-Hiikkaa shahaadaa laa ilaaha illallaahu beekuu.-Sadarkaa laa ilaaha illallaahuu beekuu.-Roga (arkaana) laailaaha illallaahuu beekuu.

Islaamummaan jecha tawhiidaa laa ilaaha illallaahuuf sadarkaa guddaa goote.

Sadarkaa laa ilaaha illallaahu.

١
Isiin dirqama duraa kan muslimtootaati, namni islaamummaa seenuu fedhe isii itti amanee haa jedhuu.
٢
Namni isii dhuga'oomsee fuula Rabbii barbaachaaf jedhe ibiddarraa nagaya isa baafti, nabiin s.a.w. akkana jedhe "Rabbiin nama isiin fuula Rabbii barbaachaa laa ilaaha illallaahu jedhe ibiddarratti haraam godhe
٣
Namni jecha kanarratti due itti amanee, inni warra jannataati. nabiin s.a.w. akkana jedhe "namni osoo laa ilaaha illallaahu beekuu due jannata seena".

Kanaaf jecha laa ilaaha illallaahu baruun dirqama guddadha.

Hiikkaa laa ilaaha illallaah .

Kan haqaan gabbaramu Rabbii tokkicha malee hinjiru jechuudha, jechuun gabbaramiinsa waan Rabbi hintahinirraa dhabamsiisuudha, Rabbi qofaaf isii mirkaneessuudha.

Ilaaha jechuun gabbaramaa qalbiin namaa isa sodaattee isaaf gadijettee isatti amantu jechuudha. kan isa kajeeltee isuma qofa kadhattuudha. namni waan biroo sodaatee kajeelee uf gadiqabee kadhate waan san Rabbi godhate jedhama.hundi waan Rabbii gaditti namni gabbaree dhara. Rabbii tokkicha malee inni Allaaha mootii aalamaati.

isuma qofaatu ibaadaa haqa godhate, inni kan qalbiin guddinaaf kabajaan isa gabbartu, isa sodaachaa, ufgadi qabaa, irratti irkataa, isa kadhachaa, isa gabbartuudha. Rabbi malee kan biroo hingabbaramu. isamalee kanbiroo hingargaarsifatamu, isarratti malee hinirkatamu, isaaf malee hinsalaatamu, isaaf malee hinqalamu, ibaadaa hunda isaaf qulqulleessuun barbaachisaadha, akkuma Rabbiin s.w. jedhe "waa hin ajajmne jarri Rabbiif qulqulleessanii isa gabbarutti malee". albayyinaa 4 .

namni ibaadaa Rabbiif qulqulleessee Rabbi gabbare,hiikkaa laa ilaahaillaallaah hojirra oolche, milkii guddoo argata, gammachuufii jiruu gaarii bareedduu argata. lubbuun nama gammachuufii tasgabbii guutuu argachuu hindandeessuyoo Rabbi tokkichoomse malee, Rabbiin ol tahe akkana jedhe "dhiiraafii dubartirraa namni gaarii dalage Rabbitti amane jirruu gammachuu isa jiraachifna". nahli 97.

Utubaalee laa ilaaha illallaah.

١
Rogni duraa laa ilaaha haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hinjiru jechuudha, shirkii dhabamsiisuudha. waan Rabbii gaditti gabbaramu hunda mormuun dirqama tahuudha. nama tahuu, bineensa tahuu, taabota tahuu, urjii tahuu, yooka kanbiroo tahuu.
٢
Rogni lamaffaa illallaahu jechuunibaadaa Rabbi qofaaf mirkaneessuudha. ibaada isuma qofaaf godhuu, tanneen akka salaataa, du'aa'ii tawakkulaafii k.k.f.

Gosti ibaadaa hundinuu Rabbii tokkicha shariika hinqabne qofaaf godhamti namni isarraa waaqoodee Rabbi malee kan birootiif dabarsee godhe Rabbitti qindeesse, Rabbiin akkana jedhe "namni Rabbii wajji gabbaramaa biroo kan ragaan itti hinjirre gabbaruqorannoon isaa Rabbirratti taheera. kaafirtoonni hinmilkaawan".muiminuun 117.

hikkaan (laa ilaaha illallaahu) ayaata kana keessatti ibsamee jira."namni xaaguutatti kafaree Rabbitti amane haada Rabbi jabaa qabate", (baqaraa 256). namni xaaguuta (waan Rabbi malee gabbaramu)tti kafare jechuun hiikkaa laa ilaaha (haqaan gabbaramaan hinjiru jechuuti. "kan Rabbitti amane" jechuun hiikka illallaahu (Rabbiin malee) jechuuti.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi