barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota jireenya Rabbiitti amanuu.

jireenya Rabbii sirritti dhuga'oomsuu.

Ragaalee jireenya Rabbii beekuu.

hiikkaa Rabbitti amanuu.

inni jireenya Rabbii sirritti beeku.gooftummaa isaa, Rabbummaa isatiifii maqaafii sifaata isaa dhuga'oomsuudha.

sujuudni mul'ata Rabbiif ufgadiqabuu keessa isa guddaa tokko.

uuma Rabbiin irratti nama uume.

jireenya Rabbii beekuun waan uumaadhaan nama keessa jiruudha, ragaa barbaachaaf ufdirquu hinbarbaachisu. kanaaf hedduun namaa ilaalchaafii amantaan isaanii adda adda taatus jireenya Rabbii nidhuga'oomsan.

nuti onnee teenya keessatti jireenya Rabbii nidhuga'oomsina. yeroo rakkoo gara isaati deebina, haala Rabbitti amanuu kan Rabbiin qalbii teenya kaassa kaayeetu kanatti nukakaasa. garuu isii tana haquufii nama wallaalchisuuf gariin namoota jallatanii yaalanii jiran.

kunoo nuti ni agarra ni dhageenya, Rabbiin kadhataaf ni awwaata, nikeennaaf, kadhaa irraa qeebala. kuni jiraachuu isaatti shakkii malee nuqajeelcha.

Ragaan Rabbiin jiraachuu hedduudha mul'attuudhasi.

.

/

/

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi