barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata dure akkaataa umraa.

ibsa umraan ibaadaa guddoo, isiif mu'imin gara beeytii Rabbii deema. isii hojjachuun Rabbirraa galata guddaa argata. barnoota kana keessatti hiikkaa umraa sadarkaa isiitiifii akkaataa isii nibaratta.

kayyoo    hiikkaa umraa seeraafii sadarkaa isii baruu.                akkaataa umraa baruu.

hiikkaa umraa

umraa jechuun ibaadaa Rabbiitiif makka dhaqanii xawaafanii, safaaf marwaa saiyii godhanii, eegasii rifeensa gabaabsanii yookaa haaddatanii Rabbi gabbaruudha.

murtii umraa

umraan nama dandayuuf umritti yeroo takka dirqama. eegasii hanguma dandeettiitiin irra deddeebiuun jaalatamaadha.

Rabbii akkana jedhe "hajjiifii umraa Rabbiif jecha guutaa" baqaraa 196

aaisharraa odeeffamee yaa ergamaa Rabbii dubartirra jihaada godhuun nijira? jennaan nabiin "ee isaanirra jihaada lolli keessa hinjirreetu jira, suni hajjiifii umraadha". jedhe ahmad 25322, ibnumaajah 2901

sadarkaa umraa

١
abii hureyraan nabiin s.a.w. "umraan takka hanga umraa taaniitti badii isaan jiddutti taate namarraa hayxi, hajjiin sirrooytuun jannata malee galanni isii waan birootii miti". bukhaarii 1773, muslim 1349.
٢
ibnu abbas nabiin s.a.w. " umraafii hajjii waljala oofaa isaan akka buufaan dandii sibiilaa irraa dhabamsiisutti hiyyummaafii dilii namarraa dhabamsiisa".nasaaii 2630.

yeroo umraa.

umraa yeroo hunda godhuun nitaha. ji'oota hajjii keessa caaltuudha. umraan ramadaanaa galanni isii dachaadha. hajjitti qixxaatti. ibnu abbaasirraa nabiin "umraan ramadaanaa hajjitti qixxaatti yookaa hajjii naan wajjiitti qixxaatti" jedhe. bukhaarii 1863 muslim 1256.

akkataa umaraa

١
miiqaatarraa hidhachuu.
٢
xawaafa.
٣
saiyii
٤
rifeensa mataa haaddachuu yookaa gabaabsuu.

tokkoffaa hidhachuu.

namni umraa hidhachuu barbaade uffata isaarraa qullaa taha, qaama dhiqata, mataafii areeda isaa urgeeffata, uffata ihraamaa uffata.

miiqaatatti yoo yeroon taate salaata fardii salaata, yookan raka'aa lama salaata. yeroo salaatarraa bahe umraa hidhata, umratti seenuu isaa qalbitti niyyata. eegasii "labbeyka Allaahumma umratan" jedha.

-

lammaffaa xawaafa.

yeroo masjidalharaam seenu miila mirgaa dursa, zikrii masjiida seensaa qara'a, yeroo kaibaa bira gaye osoo xawaafa hinjalqabne talbiyaa dhaaba. namni dhiiraa bobaa baafata. iinni afrii isaa bobaa mirgaa jalaan baafatee ceekuu bitaarraan darbata.

xawaafa hajarul aswadirraa jalqaba.

eegasii gara hajarul aswad achii deema, xawaafa jalqaba, hajar harka mirgaatiin tuqatee dhungata. yoo isaaf hinmijjatin harkumaan itti ishaara, beytii bitaa isaatti dhiisa. naannoo torba xawaafa. naannoo sadan duraa nifiiga. fiiguu jechuun taf taf jechuudha tarkaanfii walitti dhiheessanii.

ruknal yamaanii yeroo gaye nituqata osoo hindhungannetti. yoo isaaf hinmijjaawin itti hinakeeku nidhiisa. ruknul yamaaniifii hajarul aswad jiddutti akki jedhu "Rabbanaa aatinaa fidduniyaa hasanatan wafil aakhirati hasanatan waqinaa azaabannaar".

-

yeroma hajarul aswad biragaye allaahu akbar jedha. xawaafa hafe keessatti zikrii du'aa'ii qaraatii qur'aanaa hanguma fedhe deddumeessa.

Raka'aa lameen xawaafaa.

yeroo xawaafa naannoo torban fixe uffata isaa akka duraatt oldeebisee uffata, eegasii maqaama ibraahiim dhaqee isa duubatti raka'aa lama salaata yoo mijjateef. yookaan masjiidarraa bakkuma laafeefitti. -taduraa keessatt eega faatihaatii qul yaa ayyuhal kaafiruun, tanlammeessaa keessatt qulhuwallahu ahad- qara'a.

sadaffaa saiyii.

eegsii gara saiyii olbaha. yeroo safatti dhihaate " inna ssafaa walmarwata minsha'aa'irillaahi" qara'a. waan Rabbiin jalqabeeniin jalqaba jedha.

eegasii safarra olkoree kaibatti fuula deebi'ee harka olkaasee, Rabbi kadhata. du'aa'ii nabiirraa "laa ilaaha illallaahu wahdahuu laashariika lahuu, lahul mulku walahul hamdu wa huwa alaa kulli shey'in qadiir. laa ilaaha illallaahu wahdahuu , anjaza waidahuu, wanasara abdahuu, wa hazamal ahzaaba wahdahu" eegasii waan fedheen Rabbi kadhata. kana yeroo sadi irra deddeebi'a.

-

eegasii safarraa gadi bueeti gara marwaa deema. yeroo ifaa magarroo bira gaye namni dhiiraa nifiiga fiigicha jabaa. dubartiin ammoo suutuma deemti.

-

deemsa itti fufa hanga marwaa gayutti. isiirra olkora. qiblatti deebi'ee harka olkaasee waan safatte kadhate saniin kadhata. aayata hinqara'u, waan Rabbiin jalqabeenin jalqabas hinjedhu.

-

eegsii marwarraa gadi bu'ee gara safaa deema. niddema hanga ifaa magarroo bira gayutti nifiiga. safattis wahuma marwatti hojjate hojjata. hanga naannoo torban fixutti akkanatti itti fufa. achi deemsi naannoo takkaa as deebiin naannoo takka. saiyii keessatti zikriifii du'aa'ii waan dandaye niheddummeessa. hadasa lamaan guddaafii xiqqarraa qulqullaawuu barbaachisa.

-

afraffaa - mataa yookaa gabaabsuu.

namni umraa godhu yeroo saiyii fixe nibaha. gara mana rifeensaa deemee haaddata yookaa gabaabsa. haddatuutu irra caala.

abdallah ibnu umar irraa nabiin s.a.w. nijedhe "yaa Rabbi warra haaddateef rahmata godhi," warri gabaabse hoo yaa ergamaa Rabbii? jedhaniin. "yaa Rabbi warra haaddatee Rahmata godhi" jedhe. warra gabaabse yoo yaa ergamaa Rabbii jedhaniin. "warra gabaabsellee" jedhe. bukhaarii 1727 muslim 1301.

ammoo dubartiin rifeensa isii walittiqabdee hanga birkii qubaa takka irraa murti. namni umraa waan amma himame kana yeroo hojjate umraan isaa guutamte. wanni hidhannaan isarratti dhoowwaa tahe hundi isaaf hayyamame.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi