kutaan ammaa model
Barnoota mata duree reeffarratti salaatuufii awwaaluu
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
salaanni janaazaa muslima achi dhufan hundarratti dirqama. garuu isiin fardii namni walirraa bakka bu'uudha. yoo gariin isaanii irratti salaate diliin kaanirraa nibuuti. nabiin namni janaazarratti salaate sawaaba akka gaara guddaa tookko argata jechuun gammachiise. akkana jedhe "namni janaazaa takka dhaqee hanga irratti salaatamtutti isaaf qiiraaxaatu jira. namni hanga awwaalamtutti bira ture qiiraaxa lama argata" qiiraaxni lama maali jennaan "fakkaataa gaara lama gurguddaati".bukhaarii 1325 muslim 945.
sadarkaa janaazaa dhufuu
1- salaanni janaazaa jamaa'aan salaatamuun jaalatamtuudha. imaamni akkuma salaata kaaniitti dura dhaabbata.
2- janaazaan ummata irratti salaatuufii qiblaa jidduu ciibsamti. imaamni mataa dhiiraa, yookaa mudhii dubartii bira dhaabbata. akkuma nabirraa s.a.w. himametti abuu daawuud 3194.
-
takbiiraa duraa
takbiiraa lamaffaa.
takbiiraa sadaffaa
takbiiraa afraffaa.
salaanni janaazaa masjiidatti, bakka isiif qophaayetti, qabrootatti nisalaatamti. kuni hundinu nabirraa mirkanaayee jira.
barbaachisaan janaazaa daddafsiisuu, irratti salaatuu dafanii, qabrittiin deemanii awwaaluu (qabruu), abii hureyraan nabiin s.a.w. nijedhe "janaazaa daddafsiisaa yoo qajeeltuu taatee toltuu isiitti dhaqqabsiiftan. yoo san hintaane hamtuudhaa gateetii keessanirraa gadi buuftan". bukhaarii 1315 muslim 944.
wanni yeroo reeffa awwaalan eegamuu qabu.
warri awwaalcha dhufe eega awwaalan booda namticha du'eef araaramaafii sabaata kadhachuufii qaban. nabiin yeroo nama awwaalee irraa bahe bira dhaabbateet akkana jedha "obboleessa keessanii araarama kadhaa sabaatas, inni amma nigaafatama" abuu dawud 3221