barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree reeffarratti salaatuufii awwaaluu

ibsa nama duerratti salaatuun ahqa muslimni walirraa qabu. inni kabajaa diin islaam muslimaaf godhe. barnoota kana keessatti salaata janaazaatiifii awwaalcha baratta.

kaayyoo   akkataa salaata janaazaa barachuu.akkaataa awwaalchaa barachuu

murtii salaata janaazaa.

salaanni janaazaa muslima achi dhufan hundarratti dirqama. garuu isiin fardii namni walirraa bakka bu'uudha. yoo gariin isaanii irratti salaate diliin kaanirraa nibuuti. nabiin namni janaazarratti salaate sawaaba akka gaara guddaa tookko argata jechuun gammachiise. akkana jedhe "namni janaazaa takka dhaqee hanga irratti salaatamtutti isaaf qiiraaxaatu jira. namni hanga awwaalamtutti bira ture qiiraaxa lama argata" qiiraaxni lama maali jennaan "fakkaataa gaara lama gurguddaati".bukhaarii 1325 muslim 945.

sadarkaa janaazaa dhufuu

janaazaa dhufuufii jala deemuu keessa sawaaba hedduutu jira, sankeessaa hangafoonni: irratti salaatanii haqa du'aa guutuu. isaaf manguddaawuu, isaaf du'aa'ii godhuu. haqa warra isaa guutuu. musiibaa du'aan isaanitti buuterratti isaan sabbarsiisuu. namni isa gaggeessulleen sawaaba guddaa argata. janaazaafii qabrii laalanii ittiin gorfamuufii kkf.

akkaataa salaata janaazaa

1- salaanni janaazaa jamaa'aan salaatamuun jaalatamtuudha. imaamni akkuma salaata kaaniitti dura dhaabbata.

2- janaazaan ummata irratti salaatuufii qiblaa jidduu ciibsamti. imaamni mataa dhiiraa, yookaa mudhii dubartii bira dhaabbata. akkuma nabirraa s.a.w. himametti abuu daawuud 3194.

3- salaatni janaazaa takbiiraa afuri akka itti aanu kana:

-

takbiiraa duraa

namni salaatu takbiiraa duraa jedha. harka isaa hanga ceekuutti yookaa gurraatti olfuudha. eegasii gadi deebiseeti mirga gubbaa godhee qomarratti qabata. du'aa'ii istiftaahaa dhiiseeti auuzu jedhee bismillaah jedhee faatihaa qara'a. sagalee gadi qabata.

takbiiraa lamaffaa.

lammaffaa Allaahu akbar jedha. sanbooda salawaata nabirratti buusa.akkana jedha : Allaahumma salli wasallim alaa nabiyyinaa muhammad, yoo salawaata guutuu tan salaata keessatti qara'amtu san fide irra caalaa taha. sun "Allaahumma salli alaa muhammadin wa alaa aali muhammadin kamaa salleyta alaa ibraahiima wa alaa aali ibraahiima innaka hamiidun majiid. Allaahumma baarik alaa muhammadin wa alaa aali muhammadin kamaa baarakta alaa ibraahiima wa alaa aali ibraahiima innaka hamiidun majiid.

takbiiraa sadaffaa

eegasii sadaffaa Allaahu akbar jedhee nama du'e sanii Rabbi kadhata. rahmata,araarama jannata, sadarkaa kadhataaf du'aa'ima beekuun. yoo du'aa'ii nabirraa s.a.w. baramteen kadhate irra caalaadha.

du'aa'iiwwan san keessaa " Allaahummagfir lahuu warhamhu, wa aafihi waifu anhu, wa akrim nuzulahu, wa wassi'i madkhalahu, wagsilhu bilmaa'i wassalji walbaradi. wanaqqihi minalkhaxaayaa kamaa yunaqqaa ssawbul abyadu minaddanasi, wa abdilhu daaran kheyran mindaarihii, wa ahlan kheyran min ahlihii, wazawjan kheyran min zawjihii. wa adkhilhul jannaa wa aizhu min azaabilqabri wa azaabinnaar". muslim 963

takbiiraa afraffaa.

eegasii afraffaa Allaahu akhbar jedha waaxiqqo turee eegasii mirgatti salaammata.

bakka salaata janaazaa.

salaanni janaazaa masjiidatti, bakka isiif qophaayetti, qabrootatti nisalaatamti. kuni hundinu nabirraa mirkanaayee jira.

janaazaa baatuufii geggeessuu.

barbaachisaan janaazaa daddafsiisuu, irratti salaatuu dafanii, qabrittiin deemanii awwaaluu (qabruu), abii hureyraan nabiin s.a.w. nijedhe "janaazaa daddafsiisaa yoo qajeeltuu taatee toltuu isiitti dhaqqabsiiftan. yoo san hintaane hamtuudhaa gateetii keessanirraa gadi buuftan". bukhaarii 1315 muslim 944.

namni janaazaa jala deemu isii baachutti shariikuu qaba. janaazaa dhiirumatu baata malee dubartii miti, namoonni lafa deeman duraafii duuba deeman, yoo qabriin fagoo taate yookaa haajaman geejjiba yookaa konkolaataan baatuun nidandayama.

wanni yeroo reeffa awwaalan eegamuu qabu.

١
du'aa awwaalutti jarjaruu barbaachisa, eega dhiqanii, kafananii, irratti salaatan booda.
٢
qabrii gadi fageessuufii bal'isuun barbaachisaadha, ammoo irra xiqqoon isii waan ajaa dhooysu kan akka bineensi hinbanneefii lolaan hindiiyni dhoowwuudha.
٣
qabriin lahdii yookaa shaqqii itti godhanis nitaati. biyya hundaafuu waan isaa mijjatuufii akkaataa lafa isaattu isaaf taha.
٤
reeffa mirgarratti ciibsaniiti qiblatti fuula deebisan.
٥
namni qabrii ciibsu "bismillaahi wa alaa millati rasuulillaahi" jedha tirmizii 1046 ibnu maajah 1550
١
bakka janaazaa boolla keessatti wahiin cufuu barbaachisa lahdii tahuu shaqqii tahuu. bilookeetaan (inni waan dhoqerraa tolfamee goggoyfamuu) baala mukaa yookaa dhagaa yookaa waan kana fakkaataniin cufama osoo biyyee itti hindeebifne dura.
٢
namni achidhufe hunduu biyyee deebisutti shariikuu qaba. nabiin s.a.w. qabrii takka harka sadi itti facaase jechaatu himama. daaraaquxnii 1565.
٣
qabrii hanga taakkuu taakkuu takka olkaasuun barbaachisaadha akka beekamuuf jecha. akka namni hinxiqqeessineefii irra hindeemne, qabrirratti jaaruun dhoowwaadha. haraami. inni sababaa du'aa guddisanii Rabbitti sharraksiisan tahuutu mala.

awwaalcha booda.

warri awwaalcha dhufe eega awwaalan booda namticha du'eef araaramaafii sabaata kadhachuufii qaban. nabiin yeroo nama awwaalee irraa bahe bira dhaabbateet akkana jedha "obboleessa keessanii araarama kadhaa sabaatas, inni amma nigaafatama" abuu dawud 3221

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi