kutaan ammaa model
Barnoota mata duree seenaa jireenya nabiyyii s.a.w. (2)
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
ergaa islaamaatiin ergamuu isaa.
yeroo umriin nabii 40tti dhihaatu kophaa bahuun nabitti jaalatame, ji'a ramadaanaa goda gaara hiraaitti dabarsa, kophaa bahee Rabbi gabbara achitti. akkasitti waggaa sadihi turee osomaa achi jiruu wahyiin itti buute.
yerooumriin isaa waggaa 40 guute ifaan nabiyyummaa isaaf ife, Rabbiin ergaa isaatiin isa kabaje, uumamtoota isaatti isa erge, kabajaa isa gonfachiise, ergaa amanamaa isaafii gabroottan isaa jidduu isa godhe, jibriil ajaja Rabbiitiin isatti dhufe, Rabbiin rahmata uumamtootaa godhee isa erge, sodaachisaafii gammachiisaa nama hundaa godhee isa erge.
nabiin ajaj Rabbii fudhate ergaa isaa ummatatti geeysurratti, sunis aayata kanaan ajajame "yaa ka uffata mammaratu, ka'ii gorsaan sodaachisi". suuraa mudassir 1-2. yeroo kana nabiin hatattamaan ka'ee ummata hunda ibaadaa Rabbiitti yaame, islaamummaa Rabbiin isaan erge akka qeebalan itti yaame.
yaaminsa dhokataa
dura nama islaamayee.
eegasii ajajni gorsa ol mu'isi jedhu Rabbirraa itti dhufe, (saaqi waan ajajmte basaq godhi) hijri 94 . kana booda nabiin yaaminsa gara islaamaatti godhu olbaasee haqa saaqee baxalaq godhe akkuma Rabbiin isa ajajetti.
yeroma mushrikoonni tooftaan tuni bu'aa hinqabduu hubatan, nabiin daiwaa isaa cimee itti fufa jechaa yogguu beekan, islaamatti duuluu murteeffatan, nabi muhammad dararuun eegalan, sahaabaa isaa kan amanan isaan wajji azzabuu gidiruufii reebuun yogguu jajjabaate, nabiin sahaabaa habashatti akka godaanan ajaje, wagga 5ffaa ergamaa murni sahaabaa dhiiraafii dubartirraa tahe habashatti godaane.
osoo nabiin adeemsa kana keessa jiruu, qabsoon isaa tan haqaa marfamaa rakkifamaa fuuldura isiitti milkiin tarkaanfataa jirtuu. taateen israa'aafii mi'iraajaa argamte. halkan gara masjidul aqsaa deemanii eegasii samitti olbahuu argamte. taateen tuni nabiyyii jajjabeessuuf, isa kabajuuf, eega qabsoo hadhooytuu dheertuutii.
daiwaa makkaan alatti.
ahdii aqabaa lameen.
eega hedduun muslimtoota makkarraa godaanan nabiifii abuubakar makarraa gara madiinaa godaansaaf bahan, garuu karaa kallattii faallaa deeman ummata isaan barbaadu miliquuf jecha, goda sowrii qubatanii guyyaa sadih oolan, eegasii bahanii gara madiinaa qajeelan, garaa namni hinbeeyne kan moggaa bahraarra deemu qabatanii deeman, yeroo isaan seensa madiinaarra gayan ummanni madiinaa simanna tuutaa tan gammachuun guutamteen simatan.
yeroo madiinaa gaye durri waan nabiin hojjatee masgiida isaa jaaruudha, bu'ura hawaasummaa muslimaa gadi jajjabeesuuf warra makkaafii madiinaa obboleeyyan godhe.
akka isaan islaamummaa isaaniirraa mootummaa isaaniirra deebisaniif akka ergaa diin islaam babal'isaniif Rabbiin hayyama lolaa muslimtootaaf buuse. Rabbiin akkana jedhe "warreen lolamaniif loluun hayyamame waan isaan roorrifamaniif jecha" hajji 39. isiin aayata dura hayyama lolaatiin buute, nabiin lola 27 duule lola shantamii jaha erge.
taatee jajjaboo hijraa booda argamte.
waggaa 1ffaa hijraa.
waggaa 2ffaa hijraa.
waggaa 3ffaa hijraa.
waggaa 4ffaa hijraa.
wggaa 5ffaa hijraa.
waggaa 6ffaa hijraa.
waggaa 7ffaa hijraa.
waggaa 8ffaa hijraa.
waggaa 9ffaa hijraa.
waggaa 10ffaa hijraa.
yeroma daiwaan guutamte, islaamummaan biyyora arabaa walgeesse, namootti gamtaa gamtaan islaamummaa seenan, addunyarra tamsauun isaa mul'atte, amantoota hundarratti oltahee mul'ate, nabiin godaansi isaa dhihaatuu beeke, walgayii Rabbii isaatiif qophaawutti seene, hojiifii jecha isaarraa aduniyaa dhumtuu tanarraa deemuun isaa dhihaatuu waan garsiisutu mul'ata.
waggaa 11ffaa hijraa nabiin Rabbii du'aan boqate, guyyaa isniinaati, ji'a rabiiul awwal guyyaa 12ti.
umrii isaa waggaa 63tti aakirame, waggaan 40 osoo hinergamini, waggaan 23 eega nabiyyii tahee ergameedha, waggaa 10 makkatti, waggaan 13 madiinatti.
nabiin aakirame garuu diin isaa nijira, keyrii takkallee ummata osoo itti hinqajeelchin hindhiifne, hamtuu takkallee irraa dhoowwu malee hindhiifne, toltuun itti qajeelche tawhiidaafii waan Rabbiin jaalatu hunda. sharriin irraa dhoowwe shirkiifii waan inni jibbu hunda.