barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree seenaa jireenya nabiyyii s.a.w. (2)

ibsa wahyiin nabirratti bu'uun jiruun isaa jijjiiramte, fuulli dachiitis hanga guyyaa qiyaamaatti jijjiirame. boqannaa kana keessatti waayee seenaa isaa tan ergama isaa boodaati baratta.

kaayyoo     hangafoota taatee seenaa nabii keessatti argamte barachuudha, ergamuu isaarraa hanga du'uu isaatti.

ergaa islaamaatiin ergamuu isaa.

durri wanni ergamarraa nabiin jalqabameenii manaama bareedaadha. hirriiba keessatti manaama argee akka barii ganamaatti isatti dhuftu malee hinhaftu. akkasitti jiini jaha dabartee sanbooda wahyiin jalqabde.

yeroo umriin nabii 40tti dhihaatu kophaa bahuun nabitti jaalatame, ji'a ramadaanaa goda gaara hiraaitti dabarsa, kophaa bahee Rabbi gabbara achitti. akkasitti waggaa sadihi turee osomaa achi jiruu wahyiin itti buute.

yerooumriin isaa waggaa 40 guute ifaan nabiyyummaa isaaf ife, Rabbiin ergaa isaatiin isa kabaje, uumamtoota isaatti isa erge, kabajaa isa gonfachiise, ergaa amanamaa isaafii gabroottan isaa jidduu isa godhe, jibriil ajaja Rabbiitiin isatti dhufe, Rabbiin rahmata uumamtootaa godhee isa erge, sodaachisaafii gammachiisaa nama hundaa godhee isa erge.

yaaminsa gara islaamaa tan makka keessaa

nabiin ajaj Rabbii fudhate ergaa isaa ummatatti geeysurratti, sunis aayata kanaan ajajame "yaa ka uffata mammaratu, ka'ii gorsaan sodaachisi". suuraa mudassir 1-2. yeroo kana nabiin hatattamaan ka'ee ummata hunda ibaadaa Rabbiitti yaame, islaamummaa Rabbiin isaan erge akka qeebalan itti yaame.

yaaminsa dhokataa

nabiin s.a.w. islaamummatti dhooysaan yaame akka warra makkaa baaragee isatti hinduulleef jecha.dura islaamummaa nama isatti dhihaatu maatii isaarraa calqabee itti yaame saahibban isaatis, nama haqaafii toltuu nijaalata jedhee yaadu hunda iccitiin irra fide.

dura nama islaamayee.

durri nama islaamayee ergama nabii fudhatee haadha manaa isaa khadiijaa binti khuweylidi, itti aanee saahiba isaa abuu bakri assiddiiqi, ilma adeera isaa aliyyii binu abiixaalibi, bilisoomsamaa isaa zeydi binu haarisah isaan hundarraayyuu Rabbi haajaalatu.

yaamisa (gorsa) ol mul'isuu

eegasii ajajni gorsa ol mu'isi jedhu Rabbirraa itti dhufe, (saaqi waan ajajmte basaq godhi) hijri 94 . kana booda nabiin yaaminsa gara islaamaatti godhu olbaasee haqa saaqee baxalaq godhe akkuma Rabbiin isa ajajetti.

yeroo nabiin s.a.w. daiwaa isaa lallabe hoggantoonni qureyshii nibalaaleeffatan dura dhaabbatan, karaa hedduun dhoowwaan, qoosaafii xiqqeessuun, tuffiifii kijibsiisuun, muslimtoota xiqqeysaniihumna hamilee isaanii gadibuusuuf, maqaa islaamummaa xureessuuf, nabiin bu'aafii faaydaa murtaaye kennaniifii akka daiwaa dhiisu abaabbalan.

godaansa gara habashaa.

yeroma mushrikoonni tooftaan tuni bu'aa hinqabduu hubatan, nabiin daiwaa isaa cimee itti fufa jechaa yogguu beekan, islaamatti duuluu murteeffatan, nabi muhammad dararuun eegalan, sahaabaa isaa kan amanan isaan wajji azzabuu gidiruufii reebuun yogguu jajjabaate, nabiin sahaabaa habashatti akka godaanan ajaje, wagga 5ffaa ergamaa murni sahaabaa dhiiraafii dubartirraa tahe habashatti godaane.

israa'aafii mi'iraaja (masjidal aqsaatti deemuufii samitti olbahuu).

osoo nabiin adeemsa kana keessa jiruu, qabsoon isaa tan haqaa marfamaa rakkifamaa fuuldura isiitti milkiin tarkaanfataa jirtuu. taateen israa'aafii mi'iraajaa argamte. halkan gara masjidul aqsaa deemanii eegasii samitti olbahuu argamte. taateen tuni nabiyyii jajjabeessuuf, isa kabajuuf, eega qabsoo hadhooytuu dheertuutii.

daiwaa makkaan alatti.

nabiin s.a.w. makkaan alattis naannawa isiitti daiwaa jalqabe, gara xaa'if deeme, yeroo diddaafii jibbaa hamtuu isaanirraa argu gara makkaa deebiee islaamummaa namootaafii gosootarra fidee beeysisutti seene yeroo hajjiidhaa.

ahdii aqabaa lameen.

ergamuu nabiirraa waggaa 3ffaatti yeroo hajjii nama 6 warra yasribaa (madiinaa) rraa nabiin itti dhaqee dubbise, islaamummaa isaanirra fidee, keessoo isaa isaaniif ibse, gara rabbiitti isaan yaame, qur'aana isaanirratti qara'e, ni isalaamawan, eegasii madiinaa ummata isaaniitti deebi'anii islaamummatti yaaman, hanga islaamummaan isaan keessa faca'etti.waggaa 12 ergamaatti hajjitti ahdiin aqabaa tokkoffaan godhamte, waggaa 13ffaa ergamaatti hajjirratti ahdiin aqabaa 2ffaan itti aante. dhooysatti turte, yeroo isiin guutamte nabiin muslimtoota isaan wajji jiran gara madiinaa godaanutti ajaje, garee gareen bahanii godaanan.

nabi muhammad madiinatti.

eega hedduun muslimtoota makkarraa godaanan nabiifii abuubakar makarraa gara madiinaa godaansaaf bahan, garuu karaa kallattii faallaa deeman ummata isaan barbaadu miliquuf jecha, goda sowrii qubatanii guyyaa sadih oolan, eegasii bahanii gara madiinaa qajeelan, garaa namni hinbeeyne kan moggaa bahraarra deemu qabatanii deeman, yeroo isaan seensa madiinaarra gayan ummanni madiinaa simanna tuutaa tan gammachuun guutamteen simatan.

yeroo madiinaa gaye durri waan nabiin hojjatee masgiida isaa jaaruudha, bu'ura hawaasummaa muslimaa gadi jajjabeesuuf warra makkaafii madiinaa obboleeyyan godhe.

eega madiinatti godaananii heerri sharii'aa islaamaa gadi bu'uun walitti dhaabbatee ittifufe, kanneen akka zakaa, soomana, hajjii, jihaada, azaana, gaaritti ajajanii hamturraa dhoowwuu, kkf seera shari'aarraa wahyiin gadibuufaman.

duula isaa s.a.w.

akka isaan islaamummaa isaaniirraa mootummaa isaaniirra deebisaniif akka ergaa diin islaam babal'isaniif Rabbiin hayyama lolaa muslimtootaaf buuse. Rabbiin akkana jedhe "warreen lolamaniif loluun hayyamame waan isaan roorrifamaniif jecha" hajji 39. isiin aayata dura hayyama lolaatiin buute, nabiin lola 27 duule lola shantamii jaha erge.

taatee jajjaboo hijraa booda argamte.

taatee hijraa gara madiinaa booda argamtee akka itti aanu kanatti tarreessina.

waggaa 1ffaa hijraa.

١
godaansa.
٢
masjiida nabii jaaruu.
٣
bu'urri mootummaa islaamaa kan duraa kaayamuu.

waggaa 2ffaa hijraa.

zakaafii soomanni fardii tahuu, duulli badrii guddoon tahuu, isii keessatti Rabbiin mu'imintoota injifachiisee kaafira qureeyshii kuffise.

waggaa 3ffaa hijraa.

lola uhud isii keessatti injifatamuun argamte sababaa ajaja nabii cabsanii gooroo rumaat irraa boojuu guurachuuf gadi bu'aniif jecha.

waggaa 4ffaa hijraa.

lola baninnadiirtu tahe. isii keessatti nabiintahuudaa baniinadiir madiinarraa ari'e, waan isaan waliigaltee isaaniifii muslimtoota jidduu diiganiif jecha.

wggaa 5ffaa hijraa.

lola banilmusxalaq, lola ahzaab, lola banii qureyzaa.

waggaa 6ffaa hijraa.

waliigaltee araaraa tan hudeybiyyaa muslimtootaafii qureyshii jiddutti.

waggaa 7ffaa hijraa.

lola kheybar, akkasuma nabiifii muslimtoonni makka seenanii umratal qadaai godhan.

waggaa 8ffaa hijraa.

lola mu'utaa muslimtootaafii ruum jiddutti.injifannoo makkaa, lola huneynii ummata gosa hawaaziniifii saqiif jiddutti.

waggaa 9ffaa hijraa.

lola tabuuk isiin lola isaa kan boodaati, waggaa kana keessa jiilli dhufee islaama seene, namoonni gamtaan islaamawan, barri kuni barra jiilaa jedhame.

waggaa 10ffaa hijraa.

hajjii dhaammannaa. isii nama muslimaa kan kuma 120 caaluutu nabiin wajji hajje.

du'a isaa s.a.w.

yeroma daiwaan guutamte, islaamummaan biyyora arabaa walgeesse, namootti gamtaa gamtaan islaamummaa seenan, addunyarra tamsauun isaa mul'atte, amantoota hundarratti oltahee mul'ate, nabiin godaansi isaa dhihaatuu beeke, walgayii Rabbii isaatiif qophaawutti seene, hojiifii jecha isaarraa aduniyaa dhumtuu tanarraa deemuun isaa dhihaatuu waan garsiisutu mul'ata.

waggaa 11ffaa hijraa nabiin Rabbii du'aan boqate, guyyaa isniinaati, ji'a rabiiul awwal guyyaa 12ti.

umrii isaa waggaa 63tti aakirame, waggaan 40 osoo hinergamini, waggaan 23 eega nabiyyii tahee ergameedha, waggaa 10 makkatti, waggaan 13 madiinatti.

nabiin aakirame garuu diin isaa nijira, keyrii takkallee ummata osoo itti hinqajeelchin hindhiifne, hamtuu takkallee irraa dhoowwu malee hindhiifne, toltuun itti qajeelche tawhiidaafii waan Rabbiin jaalatu hunda. sharriin irraa dhoowwe shirkiifii waan inni jibbu hunda.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi