kutaan ammaa model
Barnoota mata duree sunnaan galmaawufii kitaabban isii bebbeekamoo
ulamaaiin islaamaa sunnaa barreessuu itti yaadanii hojjatan, isii eeguufii tiiysutti umrii isaanii fixan, sahiiha isiitiifii daiifa isii addaan baasan, haala warra isii odeessee ibsan, akkaataa seenaa ilma namaa keessatti fakkii hinqabnetti.
sunnaa nabii (hadiisa) kitaabaan galmeessuu jechuun hiikkaan isaa maali?
inni jechaan, hojiin, mirkaniin waan nabi muhammadirraa dhufe barreessanii kitaabaan walitti qabuudha.
sunnaa kitaabaan galmeessuun sadarkaa hedduu keessa dabarte: kunoo akka itti aanu kanatti.
sadrkaa duraa:
zamana nabiitiifii sahaabaa hadiisa katabuu. suni jaarraa 1ffaa hijraati. jalqaba islaamaatti nabiin hadiisa barreessuu nidhoowwe akka qur'aanaan walitti hinmakamneef jecha.
abii saiid alkhudriin nabiin s.a.w. "narraa hinbarreessinaa. namni qur'aana malee waan biroo narraa katabe haa haquu. ammoo narraa odeessaa suni rakkoo hinqabuu". muslim 3004.
hadiisni nabii qomatti haffazamti turte, afaanumaan walirratti qara'anii walirraa baran. eegasii boodarra nabiin garii sahaabaatiif barreessuu hayyame.
abdillah binu amri " waan nabirraa dhagaye hunda barreessuun ture, akkan haffazuuf jecha. qureyshi nadhoowwite, akkamitti waan nabirraa dhageesse hunda barreesita/ nabiin ilma namaatii yeroo aaree waa dubbataa, yeroo nagayaatis waa dubbataa, achumaan barreessuu dhiise. dubbii tana nabitti hime. quba isaatiin afaan isaatti akeekee akki jedhe "Rabbii lubbuun tiyya harka isaa jirtuun kakadhee haqa malee wanni biroo askeessaa hinbahu barreessi" naan jedhe. sunana abii daawuud 3646.
hadiisa waliid binu muslim awzaairraa odeesse abiihureyraan akki jedhe "yeroo Rabbiin makkaan nabiyyii isaatiif bane, ummata keessa dhaabbatee, Rabbi galateeffatee faarsee, eegasii namichi abuu shaah jedhaniin tokko kaee yaa ergamaa Rabbii naaf barreessaa jedhe, nabiin abuu shaahiif barreessaa jedhe waliid awzaaii gaafadhee maali wanni inni naaf katabaa jedhe? khuxbaa nabirraa dhagaye sani jedhe" bukhaarii 2434 muslim 1355
sadarkaa lammaffaa
hadiisni xumura jaarraa 2ffaa jaarraa taabi'iyyootaatti kitaabaan qopheeffame. barressaan tuni tan akka waliigalaatti sunnaa walitti qabdeedha. garuu tarree tartiiba murtaaye hinqabu ture. durri nama waan kana itti yaadee umar abdul'aziizi. isaatu ibnu shihaab azzuhriifii abiibakri binu hazmiin akka hadiisa walitti qaban ajaje. garahundatti barreesse akkana jedhee "hadiisa nabii barbaadaa walittiqabaa, haffazaa, ani ilmiin dhkachuufii ulamaaiin dhumuu sodaadha".
durri nama ajaja isaatiin hadiisni kitaabaan galmeeffamee imaamuzzuhriidha, suni akka waliigalaatti jalqaba sunnaafii hadiisni kitaabaan galmawuuti.
sunnaan kitaaba ufdandayee kophaa bahe taatee katabamte. akkaataa boqannaa barnootaatiin iimanaan, bekkomsa, qulqullinna, salaata, fii kanneen biroo. yookaa karaa masaaniidaatiin masaaniida abuubakar itti aansee kan umar akkanatti.
sadarkaa kanatti yeroo kana kitaabni muwaxxai imaamu maalik binu anas barreeffame. sadarkaan tuni tartiiba sunnaa eeguufii jechoota sahaabaafii taabi'ootaa hadiisaan wajji walitti qabanii galmeessuun beekamte.
sadarkaa hadiisa nabii qofa kophaa baasanii kitaabaan qopheessuuti, osoo jecha sahaabaatiifii taabi'ii waa xoqqo hanga haajaa malee itti hin dabalin, walitti qabanii tartiibaan kitaabessuutii. sadarkaan tuni jarraa 3ffaa hijraa jalqabarratti jalqabamte, irra beekamaan waan isii keessatti katabamee musnada imaamu ahmad musnada humeydii tiifii kan biroollee.
eegasii walakkaa jaarraa 3ffaatti hadiisa kitaabaan qopheessuu babal'ate. imaamu bukhaariin kitaaba sahiiha bukaarii qopheesse, imaamu muslim kitaaba sahiiha muslim qopheesse, sunanni abii daawud, tirmizii, nasa'ii, ibnu maajah, sunana daaraamii, kan biroollee kitaabban hadiisaa bebbeekamoon katabaman.
kitaaba hadiisaa hedduu keessaa jahaatu haalaan beekame. sunis sahiiha bukhaari, sahiiha muslim, sunana abiidaawuud, ibnu maajah, nasaaii, tirmizii.
akkasuma sunana daaraamii, musnada imaamu ahmad, muwaxxai imaamu maalik.
ibsa kitaaba jahan.
kitaaba sunnaa beekamoo ummanni qeebalte keessaa jahan kana:
1- sahiiha bukhaarii (256 h)
inni kitaaba sahiiha, hadiisa rasuulaa kan bukhaarii bira gaye walitti qabateedha. aqiidaa, ibaadaa, hojmawa, duula, tafsiira, fadliiwwan ufkeessaa qaba. sahiiha qofa tahuu ufqabsiise. inni qur'aana booda irra sahiiha kitaabaati.
2 sahiiha muslim 261 h
inni kitaaba walitti qabatarraayi, barreessaan isaa sahiiha tahuu ufqabe, garuu ulaagaan sahiihummaa isa biratti tan bukhaariiraa laaftuudha, inni kitaaba lammaaffaa kan bukhaaritti aanuudha.
sunana abii daawuud 275 hij.
inni kitaaba kutaalee fiqhiirratti kaayamerraayi, sahiihaafii hasanis kitaaba isaa keessatti walitti qabe, da'iifa waa xiqqo malee hinfimnne.
4- sunana tirmizii 279 hij.
inni kitaaba hadiisa abba katabe sanbira gaye aqiidaa, ibaadaa,hojmaya duula tafsiiraafi fadhlii walitti qabateedha.sahiihummaa qofa ufhinqabsiifne, isa keessa sahiiha, daiifa, hasan tu jira.
5-sunana nasaii (303 hijraa)
innis akkasuma kutaalee fiqhiirratti kaayame, isa keessa sahiiha hasaniifii daiifaatu jira.
6- sunana ibnu maajah (273 h)
innis akkasuma kutaalee fiqhiirratti kaayame, isa keessa sahiiha, hasan, daiifa jira. gariin daiifaa deeffamaadha.
haafiz abul hujjajul mazziin akki jedhe (742 hij)
sunnaa nabii rabbiin nama isii haffazu beytota isiif kaaye, hayyoota hubatoo tahan, kan isirraa qulqulleessan jallina jallistootaa, tooftaa warra dharaa, micciirraa wallaaltotaa hunda kan isirraa eegan. gosa hedduun kitaaba isii qopheessan, gosa hedduun akkataa adda addaatiin. akka isiin tiiyfamtu akka hinbanne godhuuf. irra caalaan irra filataamaa fii irra beekamaan kan hunda biratti fudhatama qabu sahiiha bukhaariiti abbaa abdaallaahii muhammad ismaaiil. ittiin aansee sahiiha muslimi abbaa huseen muslim binu hujjaaj neysaabuuricha. ittiin aansee kitaaba sunana abii daawuud suleymaan binul as'ash sajastaanicha. ittiin aanee jaami'a tirmiziiti abbaa iisaa muhammad binu iisaa. eegasii sunana nasaaii abbaa abdurrahmaan ahmad binu shu'eeybii. eegasii sunana ibnu maajah abbaa abdallaahi muhammad binu yaziid, qazwiinicha. inni booda kuni sadarkaa jara kaanii gayuu baatullee.
kitaabni jahan hangaafoonni kuni hundinuu waan cimina addaa kan kophaa ittiin beekamu qaba.san warra beytotaatu beeka. kitaabni jahan tuni ummata keessatti baramtuudha, biyya islaamaa keessa tamsaatuudha, barattoonni hundi irraa baratanii faaydaan isii guddaadha." tahziibil kamaal 1/1470.
namni muslimaa tokko sadarkaa hadiisaa addaan baasee beekuu qaba, kuni kan tahu gara beeytota hadiisaa deebiuudhaani, waayee hadiisaa matniifii sanada isaa barataniijjiran waan taheef. kan fudhatamuufii kan deeffamus.
waayee kanarratti kitaaba hedduutu jira kan kanarratti qophoofte. akkuma tooraafii aoppiin internet irratti argamtutti, tan dhuga'oomfamtu tan hadiisa sahiihaafii da'iifa adda namaaf baaftu.
tooraafii appii hadisa sahiihaafii daiifa adda baafachurratti nama gargaartu
mawsuu'aa hadiisa, tan toora addurarussunniyyaatti argamtu, tan hadiisa kuma dhibboota qabdu, seera warra hadiisa odessee ibsuun wajji kuni liinkii isiiti asirra cuqaasuun banachuun nidandayam. https://dorar.net/hadith