kutaan ammaa model
Barnoota du'aa'ii tikaa kan shari'aa
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
tiiysituu shariia tan biraa.
yeroo dhukkubaafii weerararraa baaragaafii rifannootaan addunyaan guutamte kana, muslimni sababaa addunyaa qabachuun wajji sababaalee shariaa tiiysituun uftiiysa.
durri irra jabaan irra guddaan waan muiminni ittiin tiiyfamuu rakkoofii balaa keessatti gara Rabbii deebiuu waywaatuudha akka Rabbiin hamtuu irraa deebisu. nabi yuusuf yeroo jaartiin mootichaa isa kajeeltee "ma'aazallaahi" jedhe hiikkaan "Rabbiin tiiyfame" suuraa yuusuf 23. mariyam yeroo jibriil nama fakkaatee itti dhufnaan irraa sodaattee akki jette "innii auuzu birrahmaani minka" ani sirraa Rahmaaniin tiiyfama. maryam 18.
Rabbitti waywaachuun isaaf gadi kufanii isatti iyyachuu balaa rakkoo akka nurraa kaasu kadhanna. duaaiin dallawa muslimaati. meeshaa lolaa muslimaati. balaan murtii Rabbiitiin bu'a. kadhaa Rabbiittu namarraa deebisa. nabiin s.a.w. akki jedhe "murtii duaaii malee wanni deebisu hinjiru". tirmizii 2139.
qur'aanan uf wal'aanuu inni dawaa dhukkuba mul'attuufii dhokattuu hundaati, " qur'aanarraa waan inni fayyisaafii rahmata muimintootaaf tahe nibuufna" israai 82. iimaanaa, hubannoo fii dhuga'oomsuun wajji fayyisummaan isaa dabalaa deema. Rabbiin akki jedhe "jedhi inni qajeelchaafii fayyisaadha muimintootaaf". fussilat 44.
keessaawuu salaata subhii nabiin s.a.w. nijidhe "namni subhii salaate tika Rabbii keessatti taha"muslim 657
tiysitoota murteessoorraa yeroo dhukkubsataa fii warraa balaan itti bu'e argan Rabbi kadhachuu. hadiisatti "namni mokkoramaa argee jedhe "alhamdu lillahillazii aafaanii mimmabtalaaka bihii wa faddalanii alaa kasiirin mimman khalaqa tafdiilan" blaan suni isa hintuqu. tirmizii 3432
zikrii Rabbiirratti tiiyfachuun adduniyaafii aakhirattis kheyrii kheyrii guddoo qabdi. zikriin ganamaaf galgalaa irra jabduu zikrii muslimtichi irratti uftiiysuuti. faaydaalee isiirraa qomti namaaf bal'achuu, onneen nama tasgabbaawuu, Rabbiin namaan wajji tahuu, ummata ol'aanu keessatti Rabbiin gabricha isaa faarsuu.