barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota du'aa'ii tikaa kan shari'aa

akkuma nama birootti sababaalee addunyaa tan wal'aansaafii tan ittisaallee qabaachuun wajji muslimtichi tika shariiaa kan ittisaafii wal'aansaa niqabaata. dhukkuba gubbaatiifii kan keessaatiifis. waayee kana darsii kana keessatti baratta.

dhukkubaafii weerararra tiksituu sharii'aa baruu.

tika shari'aa.

yeroo dhukkubaafii weerararraa baaragaafii rifannootaan addunyaan guutamte kana, muslimni sababaa addunyaa qabachuun wajji sababaalee shariaa tiiysituun uftiiysa.

1- gara Rabbii waywachuu.

durri irra jabaan irra guddaan waan muiminni ittiin tiiyfamuu rakkoofii balaa keessatti gara Rabbii deebiuu waywaatuudha akka Rabbiin hamtuu irraa deebisu. nabi yuusuf yeroo jaartiin mootichaa isa kajeeltee "ma'aazallaahi" jedhe hiikkaan "Rabbiin tiiyfame" suuraa yuusuf 23. mariyam yeroo jibriil nama fakkaatee itti dhufnaan irraa sodaattee akki jette "innii auuzu birrahmaani minka" ani sirraa Rahmaaniin tiiyfama. maryam 18.

2- du'aa'ii heddummeessuu.

Rabbitti waywaachuun isaaf gadi kufanii isatti iyyachuu balaa rakkoo akka nurraa kaasu kadhanna. duaaiin dallawa muslimaati. meeshaa lolaa muslimaati. balaan murtii Rabbiitiin bu'a. kadhaa Rabbiittu namarraa deebisa. nabiin s.a.w. akki jedhe "murtii duaaii malee wanni deebisu hinjiru". tirmizii 2139.

3- qur'aana kabajamaa qabachuu.

qur'aanan uf wal'aanuu inni dawaa dhukkuba mul'attuufii dhokattuu hundaati, " qur'aanarraa waan inni fayyisaafii rahmata muimintootaaf tahe nibuufna" israai 82. iimaanaa, hubannoo fii dhuga'oomsuun wajji fayyisummaan isaa dabalaa deema. Rabbiin akki jedhe "jedhi inni qajeelchaafii fayyisaadha muimintootaaf". fussilat 44.

qur'aanni hundi isaa fayyisaadha. garuu suuraafii aayatoota muraasa sadarkaan addaa himamee jira. akka suuraa faatihaa, mu'awwizaat, aayatulkursiyyii, ibnulqayyim akki jedhe (osoo gabrichi tochee faatihaan ufwal'aanee, isirraa fayyaa keessatti faaydaa guddaa arga. yeroo makka ture nadhukkubuu turedawaafii nama nama yaalus argachuu hindandeenye faatihaan ufwal'aanuu ture, faaydaa dinqisiisaa argaa ture, nama dhukkubuuf kanan himaa ture hedduun isaanii daddafitti fayyan.

4- bakka isiif azaanamurraa salaata shananirratti tiiyfachuu.

keessaawuu salaata subhii nabiin s.a.w. nijidhe "namni subhii salaate tika Rabbii keessatti taha"muslim 657

5- yeroo warra balaa arge du'aa'ii heddummeessuu.

tiysitoota murteessoorraa yeroo dhukkubsataa fii warraa balaan itti bu'e argan Rabbi kadhachuu. hadiisatti "namni mokkoramaa argee jedhe "alhamdu lillahillazii aafaanii mimmabtalaaka bihii wa faddalanii alaa kasiirin mimman khalaqa tafdiilan" blaan suni isa hintuqu. tirmizii 3432

6-zikrii ganamaafii galgalaarratti tiiyfachuu.

zikrii Rabbiirratti tiiyfachuun adduniyaafii aakhirattis kheyrii kheyrii guddoo qabdi. zikriin ganamaaf galgalaa irra jabduu zikrii muslimtichi irratti uftiiysuuti. faaydaalee isiirraa qomti namaaf bal'achuu, onneen nama tasgabbaawuu, Rabbiin namaan wajji tahuu, ummata ol'aanu keessatti Rabbiin gabricha isaa faarsuu.

du'aa'ii zikriifii tiiysitoota sharii'aa irraa.

hirriiba dura aayatulkursiyyii qara'uu.

hadiisatti haasawaan tokko abiihureyraan nijedhe " yeroo firaasha keetittigalte aayatulkursiyyii qara'i tiiysaan Rabbirraa tahe sibiraa hindeemu, hanga bariisifattutti sheyxaannis sitti hindhihaatu, nabiin s.a.w. "dhugaa siin jedhe garuu inni haalaan kijibaadha". bukhaarii 3275

aayata lameen dhuuma suuraa baqaraa qara'uu.

abii mas'uud irraa nabiin s.a.w. "namni halkan aayata lameen dhuma suuraa baqaraa qara'e isaaf geessi". bukhaarii 5008 muslim 808

tasbiihaafii istigfaara heddummeessuu.

yoo gabrichi tasbiihaafii istigfaara heddummeesse Rabbiin balaafii hamtuu isarraa qaba. Rabbiin nijedhe "atii isaan keessa jirtuu Rabbiin kan isaan azzabu hintaane, Rabbiin isaan azzabaa hintaane isaanii istigfaaragodhuu" anfaal 33

tiiysituu shariia tan biraa.

١
usmaan binu affaan nabiin s.a.w. nijedhe" namni (bismillaahi llazii layadurru ma'a ismihii shayun fil'ardi walaa fissamaai wahuwa ssamiiul aliim ) yoggu 3 jedhe balaan tasaa isa hintuqu hanga bariisifatutti, namni yeroo bariisifatu yoggu 3 jedhe balaan tasaa hanga dhihutti isa hintuqu.
٢
abii hureyraan namni tokko nabitti dhufee yaa ergamaa Rabbii qaajjibuun eda naciniinteeti na laalessite jedheen nabiin s.a.w. nijedheen "osoo yogguu dhiisifattu (a'uuzu bikalimaatillahittaammaati min sharri maakhalaqa ) jette waatakka sinmiitu" muslim 2709
٣
abdillah binu khubeybii nijedhe (gaaf tokko halkaan roobaa dukkana hamtuu keessa Nabiin akka nuun salaatuuf barbaachaaf baanee isa agarre nijedhe "dubbadhu" ani homaa hindubbanne eegaasiiyis "dubadhu" jedhe, ani homaa hindubbanne ammas "dubbadhu" jedhe maal dubbadha jedheen, nijedhe (ganamaafii galgala qulhuwallahu ahad fii qul auuzuu lameen yoggu sadi sadi qarai waahundarraa siif geessi" tirmizii 3575
٤
abdillah binu umar nijedhe du'aa'ii nabiirraa "Allaahumma innii auuzubika min zawaali ni'imatika, watahawwuli aafiyatika, wafujaa'ati niqmatika' wajamii'i sakhaxika". muslim 2739
٥
Anas nabiin s.a.w. nijedhan jedhe "Allaahumma innii auuzu bika minalbarasi waljunuun waljuzaam, wamin sayyi'il asqaam". Abuu daawud 1554

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi