kutaan ammaa model
Barnoota kireysuu
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
waliigaltee hojirratti yookaa faaydarratti taate.meeshaa beekamturratti yookaa baallamamturratti gatii murtaawaan yeroo murtooytuuf taateedha.
murtii kireesuu sharii'aa islaamaa keessatti.
ragaa kireysuun halaal tahuu.
Aisharraa odeeffamee "nabiifii abiibakri namicha baniddeyli irraa tahe tokko qacaran.akka karaa isaan qajeelchuuf jecha, inni yeroo san amantii kaafira qureyshiirra jira. geejjiba isaan lameenii itti kennan. halkan sadi booda goda sawriitti akka isaanii fidu baallaman. guyyaa sadaffaa ganama achitti yaabbii isaanii isaaniif fide" bukhaarii 2264
ogummaa kireysuun karaa godhamteef.
gosa kiraa.
gosa qaxaramaa.
qaxaramaa kophaa.
qaxaramaa waloo jechuun kan namni hedduun itti fayyadamu jechuudha. akka tumtuu, ijaartuu, halluudibduu, uffata hodhituuti. yoo kan mataa isaatiif hojjatatu tahe. nama tajaajila barbaadan kan tajaajilu tahe. kana namni isa qaxare akka nama birootiif hinhojjanne isa dhoowwuu hindandayu, kafaltiisa hanguma hojii isaatti argata.
seeraa kireeysuu.
waliigaloo lamaan
waliigaltee kennuufii qeebaluu jechuudha. akkaataan waliigalterratti ibsame seeraan kabajamaadha.
faaydaa.
isiin kafaltii namni yookaa meeshaan hojjatee kafalamuuf kiraa/ mindaa jechuudha.isiin akka maallaqa yeroo gurgurtaati fakkaatti.
ualaagaa kireysuun ittiin fayyaa taatu.
yeroo kafaltiin dirqama taatu.
yoo dursurrattiyookaa booda aansurratti, yookaa qoqqoodurratti waliigalan. namni kireeyfame kafaltii isaa yeroo hojii isaa tolchee fixe haqagodhata.
waani takka ta kireeyfamte yeroo faaydaa kireeyfamteefsan buufte kafaltii isii haqagodhatti. Abii hureyraa nabiin s.a.w. akka jedhan jedhe "Rabbiin oltahe akki jedhe nama sadi anaatu muggutaa isaaniiti guyyaa qiyaamaa. nama maqaa iyyaan nagaya kennee gane, nama bilisa gurguratee nyaate, nama kiraa hojjachiifatee guuttatee kafaltii isaa dhoorgate" bukhaarii 2227.
akkaataa waliigalteen kiraa ittidhumtu.
tokkoon gara lameenii du'uun yookaa waan kireeyfamu san gurguruun waliigalteen kiraa hindiigamtu. namni hojii dhuunfaatiif kireeffamee eegasii du'e kiraan nidiigamti. yogguu yeroon kiraa guutamte kireeyfataan waan kireeyfate nigalcha.