barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota kireysuu

barnoota kana keessatti hiikkaafii seera kireysuu shari'aa islaamaa keessatti tahe baranna.

  • seeraa, hiikkaafii ogummaa kireysuu baruu.
  • ulaagaafii roga kireysuu baruu.
  • gosa kireysuufii kireyfamaa barachuu.
  • akkaataa waliigalteen kiraa itti dhumu barachuu.

hiikkaa kireeysuu.

waliigaltee hojirratti yookaa faaydarratti taate.meeshaa beekamturratti yookaa baallamamturratti gatii murtaawaan yeroo murtooytuuf taateedha.

murtii kireesuu sharii'aa islaamaa keessatti.

kireeysuun hayyamamtuudha, qur'aana hadiisaafii ijmaa'aan mirkanooyte. isiin waliigaltee gara lameenuu dirqisiiftu. jecha isitti qajeelchuun hidhamti. siifkireeyse akka jechuuti.

ragaa kireysuun halaal tahuu.

Rabbiin akkana jedhe "takkaan isaan lameenii nijette yaa aabboo qacari caalaan nama hojjachiistee jajjabaa amanamaadha". qisas 26.

Aisharraa odeeffamee "nabiifii abiibakri namicha baniddeyli irraa tahe tokko qacaran.akka karaa isaan qajeelchuuf jecha, inni yeroo san amantii kaafira qureyshiirra jira. geejjiba isaan lameenii itti kennan. halkan sadi booda goda sawriitti akka isaanii fidu baallaman. guyyaa sadaffaa ganama achitti yaabbii isaanii isaaniif fide" bukhaarii 2264

ogummaa kireysuun karaa godhamteef.

kireeysuun bu'aa hedduu jiruu isaanii keessatti namaaf buufti. isaan nama ogummaa hojii qabutti haajaman, mana jireenyaa, iddoo daldalaa, beyladaa, konkolaataafii maashinoota, yaabbii feuumsaafii hojiif barbaadan. hedduun namaa wantoota kana bitachuu hindandayu. kireysuu hayyamuu keessatti ummatarrati bal'isuutu keessa jira. qabeenya xiqqaan haajaa bahuu mijjeeysuutu keessa jira. gamni lameenuu fayyadamaa tahuun wajji. alhamdu lillaah.

gosa kiraa.

١
qabeenya mul'atarratti tahuu akka manaa, dukkaanaafii kkf.
٢
hojii beekamarratti tahuu akka akka nama qaxaree hojjachiisuu mana jaaruu yookaa lafa qotuufii kkf.

gosa qaxaramaa.

١
qaxaramaa kophaa.
٢
qaxaramaa waloo

qaxaramaa kophaa.

inni nama yeroo beekamtuuf akka isabira hojjatu namni tokko qaxarateedha. kuni nama isa qaxare san bira malee hojjachuun isaaf hinhayyamamu. yoo yeroo waliigaltee san keessatti nama biroo bira dalage mindaa isaarraa hangi nama biroo bira dalage sun irraa murama. guyya hojjachiisatti ufkennee hojii jalqaberraa kaasee kafaltii haqa godhata. yoo osoo yeroon hindhumin kireyfataan waliigaltee diige, hojjataan kafaltii isaa guutuu argatuu qaba. yoo rakkoon akka dhukkubaafii dadhabbii jiraate malee. yoggus yeroma hanga hojjatee qofa kafaltii argata.

qaxaramaa waloo.

qaxaramaa waloo jechuun kan namni hedduun itti fayyadamu jechuudha. akka tumtuu, ijaartuu, halluudibduu, uffata hodhituuti. yoo kan mataa isaatiif hojjatatu tahe. nama tajaajila barbaadan kan tajaajilu tahe. kana namni isa qaxare akka nama birootiif hinhojjanne isa dhoowwuu hindandayu, kafaltiisa hanguma hojii isaatti argata.

seeraa kireeysuu.

١
waliigaloo lamaan.
٢
waliigaltee
٣
faaydaa
٤
kafaltii

waliigaloo lamaan

warra waliigalu lameen qaxaraafii qaxaramaa waliigaltee merkaneessuu dandayu jechuudha.

waliigaltee.

waliigaltee kennuufii qeebaluu jechuudha. akkaataan waliigalterratti ibsame seeraan kabajamaadha.

faaydaa.

isiin waan kireessuun barbaadameefi. bu'aa namni kenny yookaa beyladaa yookaa meeshaa tahuu dandaya. isirratti waliigalteen hidhamti.

kafaltii.

isiin kafaltii namni yookaa meeshaan hojjatee kafalamuuf kiraa/ mindaa jechuudha.isiin akka maallaqa yeroo gurgurtaati fakkaatti.

ualaagaa kireysuun ittiin fayyaa taatu.

١
warri waliigaltee raawwatu lameen seera guutaa thuu. beekaa gowwaa hintahin, ufbaraa sabiyyii hintahin, kan maraataa hintahin tahuudha. garri lachuu waligaltee hijitti hiiku kan dandayu tahuu qaba.
٢
faaydaan beekamu akka mana jireenyaa, yooka tajaajila humna namaa.
٣
kafaltiin /mindaan beekamuu.
٤
faaydaan hayyamamtuu haraam hintahin tahuu. muziqaa sirbituu kireessuun hintahu, mana mataskaanaaf kireeysuun hintahu. yooka dukkaana mana farshootiif kireysuun hintahu.
٥
meeshaa yookaawaan kireyfame beekuu, arguun yookaa ibsaan, faaydaa isiirratti tahuu isirratti osoohintaane. isii kennurratti dandayamaa tahuu, faaydaa hayyamamaa tan kennitu tahuu, qabeenya abbaa kireessuu tahuu, yooka tan isaaf hayyamamte tahuu.
٦
kireysuun jaalala gama lameeniitiin tahuu.
٧
waliigaltee kennuufii fudhachuun gara lameen jidduu jiraachuu.
٨
yeroon kiraa beekamuu baatii waggaa kkfakkaatuun.
٩
wanni kireeyfamu ir'ina isitti fayyadamuu dhoowwurraa nagaya tahuu.

yeroo kafaltiin dirqama taatu.

yeroo walii galtee kafaltiin dirqama tahuu jalqabdi. yeroon kireeffanna dhumarratti kennuun dirqama.

yoo dursurrattiyookaa booda aansurratti, yookaa qoqqoodurratti waliigalan. namni kireeyfame kafaltii isaa yeroo hojii isaa tolchee fixe haqagodhata.

waani takka ta kireeyfamte yeroo faaydaa kireeyfamteefsan buufte kafaltii isii haqagodhatti. Abii hureyraa nabiin s.a.w. akka jedhan jedhe "Rabbiin oltahe akki jedhe nama sadi anaatu muggutaa isaaniiti guyyaa qiyaamaa. nama maqaa iyyaan nagaya kennee gane, nama bilisa gurguratee nyaate, nama kiraa hojjachiifatee guuttatee kafaltii isaa dhoorgate" bukhaarii 2227.

akkaataa waliigalteen kiraa ittidhumtu.

١
wanni kireeyfame suni baduu, akka manaa konkolaataafii kanneen kana fakkatu.
٢
yeroon kiraa dhumuu.
٣
waliigaltee keessaa bahuu, tokkon gara lameenii saahiba isaatiin waliigaltee keessaa nabaasi jedheenii ufbaasuu.
٤
rakkoon waan kireeyfame sanirra dhufuu kan karaa kireyfataatiin hintahin. akka manni diigamuu, meeshaaleen baduufi kkfakkaatan.

tokkoon gara lameenii du'uun yookaa waan kireeyfamu san gurguruun waliigalteen kiraa hindiigamtu. namni hojii dhuunfaatiif kireeffamee eegasii du'e kiraan nidiigamti. yogguu yeroon kiraa guutamte kireeyfataan waan kireeyfate nigalcha.

gurgurtaafii kireysuu jidduu garaagarummaan jiru maali?

١
kan kireeysu suuta suutaan kafaltii fudhata, kan gurguru ammoo yeroma duraati bakka takkatti guutee fudhata.
٢
waan kireeysuun tahu hunda gurguruun hintahu. fakkeenyaaf nama bilisa kireeyfachuun (kuulii dalaysiisuun) nitaha, garuu bituun hintahu.
٣
kireeysuun tajaajila bitachuu malee qaama waan sanii bitachuu miti, garuu bittaan wahuma san bitachuudha.
٤
kireeysuun waaitti dabaluu fooyyessuufii raawwachuu niqeebalti, bittaan garuu raawwachuu qofaan taati.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi