barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota kayyata

barnoota kana keessatti waayee kaayyataa shari'aa islaamaa keessatti ibsama. seerota kanaan walqabataniidha.

kayyatni maal akka taheefii seera isaa baruu.seera shari'aa kan keewwataan walqabatu baruu.

hiikkaa kaayyataa.

isiin qabeenya namni haanamaa eeguuf kafaltiin malee bira kaayatani. akka nama saa'aa, maallaqa, konkolaataa nama bira kaayatuuti.

seera kaayyataa.

kaayyanaan waliigaltee hayyamamtuudha, garri lameen irratti waliifgale yeroo fedhetti diiguu dandaya. yoo abbaan isii barbaade deebisuufiin dirqama. yoo namni bira kaayatamte deebise abbaan kaayate fudhachuu qaba. isiin totuufii sooda Rabbiirratti walgargaaruudha.

kaayyatiinsi kara godhamuun hikmaa maal qabdi.

yeroo garii namni qabeenya isaa eeggachuu dadhaba, bakka barbaachisu itti dhabuun, yookaa dadhabuun, humna dhabuun, dhukkubsachuun, sodaaf. garuu nama biroo biradandeeytiin qabeenya san tiiysu nijiraata.

kanaaf Rabbiin nama bira waa kaayyachuu hayyame, qabeenyi akka tiiyfamuufii, namni bira kaayan sawaaba akka argatuuf, kana keessa namarratti laaffisuufii haajaa isaanii baatu keessa jira.

kayyanaan karaa godhamtuudha, qur'aana, hadiisa, ijmaa'aafii qiyaasan sabattuudha. Rabbiin akkana jedhe "Rabbiin amaanaalee akka warra isiitiif deebiftan isin ajaja". nisaa'i 58.

abiihureyrarraa odeeyfame nabiin s.a.w. akki jedhe "amaanaa nama sibirakaayateef galchi, nama sigane hinganin".abuudaawud 3535

kaayyata qeebaluu murtiin isii maali

namni isii tiiysuu nindandayatti ufbeeku kaayyata namarraa qeebaluu qaba.tolturratti walgargaaruutu keessa jira, isii tiiysuufitti sawaaba argata.

roga kaayyataa

١
kayyataa inni abbaa waan kaayamu saniiti.
٢
bira kaayamaa: inni kabira kaayamtuu ka eegu sani.
٣
kaayamtuu: isiin qabeenya kaayamtuudha.
٤
waliigaltee: isiin walirraa fuudhuu garalameenirraa taate.

bifa namni bira kaayamtee itti irraa gaafatamu.

١
yoo isii eeguu keessatti laaffise.
٢
nama biroo bira yoo kaaye, rakkinaafii hayyama abbaa saniitiin malee.
٣
yoo itti fayyadame yookaa sossoose.

akkaataa kayyamtuun amaanarraa gara kafalamtuutti jijjiiramtu.

١
akka adda baasuu hintaanetti tan birootiin walitti laaqamuu.
٢
akkaataa isii eeguu keessatti seera cabsuu.
٣
tika fakkaataa isiitiif godhamu osoo hingodhiniif bakkarraa deemuun, (eegumsa isiif barbaachisu, kan hatama jalaa isii baasu).

kaayyamtuun yoo osoo hinlaaffisin osoo daangaa itti hindabrin kayyatamaa biratti badde hinkafalu. akkataa isiif barbaachisuun tiiysu qaba. kaayataan kaayatamaa yoo isii sossoosuu hayyame liqii ittigaafatamu taati.

yoo sodaan argamee kaayatamaan karaa deemuu fedhe kaayyatamtuu abbaaf yookaa bakkabu'aa isaatti deebisuu qaba. yoo hinmijjaayin, abbaa seeraa kan haqaa bira kaaya, yoo hinmijjaayinnama amanu bira kaaya akka yeroo deebie irraafuudhuuf.

namni qabeenyi bira kaayamee, eegumsa isaarraa baasee yookaa waan adda baasuun hindandayamneen walitti makee bade yookaa dhabame nikafala.

kaayyatamaan amanamaadha, yoo laaffise yookaa daanga dabre malee hinkafalu. kayyatamtuu deebisuu, baduu fii daanga dabruu dhabuu keessatti jechi isaa kakuun wajji fudhatamaadha. yoo ragaan jiraate malee.

murtii kaayyataa.

kayyatamtuun amaanaadha kaayyatamaa biratti. yeroo abbaan barbaade deebisuun dirqama. yoo yeroo abbaan barbaade rakkoo malee hindeebisin, yoo badde, nikafala. Rabbiin oltahe nijedhe "Rabbiin amaanaa waarra isiitti akka deebiftan isin ajaja". nisaa'i 58

yoo kaayyatamtuun tan nama hedduu taatee tokko keessaa qooda isaa barbaade, yoo waan safaramu, yookaa miizaanamu, yookaa lakkaawamu taate. qoodaniiti qooda isaa kennaniif.

akkataalee kaayyatamtuun itti dhumtu.

١
kaayyatamtuu deeffachuu yookaa deebisuu.
٢
qabeenyummaa isii dabrsuu kennaan yookaa gurgurtaan.
٣
kaayatamaan yookaa kaayyataan dandeetti dhabuu.
٤
kaayyataan yookaa kaayyatamaan du'uu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi