barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota waqfii

barnoota kana keessatti maalummaa waqfiitiifii seera islaamaa keessatti akkaataa isii baranna.

hiikkaa waqfiitiifii ogummaa isiin karaa godhamteen beekuu.seera waqfiin walqabtu beekuu.

gariin warra Rabbiin itti bal'isee qabeenya isaa waan dhaabbataa kan bu'aan isaa itti fufu karaa Rabbii keessatti kennachuu barbaada. akka sawaaba isaa jiruu isaaniitiifii du'a boodan argataniif jecha. akka haajamtoonni irraa fayyadamaniif jecha.

hiikkaa waqfii

Sawaaba Rabbirraa barbaachaaf jecha hundee qabeenyaa hanbisanii faaydaa isaa karaa kheyriitti sadaqachuudha.

murtii waqfii.

waqfiin jaalatamtuudha, sadaqaa caaltuudha. caaltu gosa toltuu, jaalatamtuufii gargaarsaati. tan bu'aa heddummaattu tan faaydaan walgeessuudha. hojii du'a boodallee addaan hincinne waan taateef jecha.

ogummaa waqfii.

waqfii Rabbiin karaa godhe faaydaa bu'aa adduuniyaaf akhiraatiif. gabrichi jaalal Rabbii barbaachaaf qabeenya isaa waqfii godhee sawaaba guddaa argata. toltuun isaa du'a isaa boodallee ittifufti. warri waqfiin irratti godhamtes qabeenya sanitti fayyadama, abbaa waqfii godheef du'aa'ii godha. tokkummaan hawaasaa nicima.

inni caalaa sadaqaati. sadaqaa itti fufaa karaa kheyrii keessatti tahe waan taheef.

Rabbiin akkana jedhe "toltutti hingeessan hanga waan jaalattanirraa kennattanitti". ala imraan 92

Abdallaa ibnu umar irraa abbaan isaa umar kheybaritti dachii argate, nabiyyitti dhaqee dachii kheybaritti argadhe, qabeenya hangas bareedaa takkaa hinarganne. mee maalitti na ajajja? jedheen. yoo feete hundee hanbiifteeti sadaqatta" jedheen. umar nisadaqate hundeen isii hingurguramuhinkennamu, hindhaalamu. hiyyeeyiifi, firaafi, bilisomfamtootaafi, warreen karaa Rabbii kessattiifi,keysummaafii nama karaa deemuufi. namni isii hooggane haala beekamaan yoo nyaate dhoowwaa miti, yoo saahiba isaa osoo hinsinqeeffatinitti nyaachises nitaha". jedhee waqfii godhe. bukhaarii 2772 muslim 1632

gosa waqfii

١
faaydaa diinirratti waqqafuu.
٢
faaydaa duniyaarratti waqqafuu.

faaydaa diinirratti waqqafuu.

akka nama masgiida , madrasaa barattootarratti waqqafeeti. yooka mana dadhabdootaataaf, hiyyeeyyii yatiimaafii gursummayaaf waqqafeeti.

faaydaa duniyatiif waqqafuu.

akka mana jaaree dhaaltota isaatiif waqqafuuti. yookaa ooyruu waqqafee midhaan isii isaaniif godhuuti.

waqfiin waalama kessaa tokkoon hidhama.

١
jechaan akka waqqafe jechuu, yooka hidhe jechuu, mijjeesse jechuudha.
٢
hojiin waqfii godhuu akka masgiida jaaree ummataaf itti salaatuu hayyamuuti. yookaa qabrii qopheessee itti awwaalamuu ummataaf hayyamuuti. yookaa madrasaa jaaree ittibaradhaa jechuuti. yookaa bi'irii qotee baasee ummataan irraa dhugaa jechuuti.

ulaagaa waqfii.

١
namtichi waqqafuu mijjaawaa tahuu, qabaataa waan waqfiigodhuu tahuu.
٢
kan waqqafamu qabeenya beekamaa lakkaawamaa qabeenya abbaa waqqafuu tahuu.
٣
wanni waqqafamu waan mul'atu kan hundee hanbisanii itti fayyadamuun mijjatu tahuu.
٤
waqfiin tolturratti tahuu akka masgiidaa, firaafii hiyyeeyirratti tahuu.
٥
waqfiin gara beekamatti tahuu, akka masgiida akkasii, keeysummaa, hiyyeessa, nama beekamaa irratti tahu.
٦
waqfiin zalaalam tahu, yerootahuu dhabuu, raawwatamaa kan hinrarraafamin tahuu. yoo jiruu isaarratti rarraase wasiyyaa taati.

waqfiin hanga murtaaye hinqabdu, akkuma hiyyumaafii durummaa namaatiin waldhabdi. namni dureessa tahee nama isa dhaalu hinqabne qabeenya isaa hunda haawaqqafuu. namni qabaataa tahee dhaaltuu qabu cina waqqafee cinaa dhaaltotaaf haagodhuu.

waqfiin yeroon hindaaggefamu zalaalam Rabbumaaf godhama. namni dachii mana ooyruu takka waqfii godhe qabeenya isaarraa baate, gurguruufii kennus hindandayu. hindhaalamtu hindeeffamtu, dhaaltonni isaa isii gurguruu hindandayan. isiin dhuunfanna dhaalamaa isaaniirraa baate.

namni tokko jecha waqfii yoo dubbate, yookaa hojiin waqqafe, waqfiin mirkanaaye. warri waqfii ittigodhan qeebalutti hinhaajamu. bulchas hayyamsiisutti hinhaajamu. waqfiin mirkanooynaan waan waqfummaa isaa faallessu itti hojjachuun hintahu.

namni yeroo waqfii godhu waan bareedduu haagodhuu, tan irra caaltuufii tan isa biratti jaalatamtuutaate. Rabbiin gaariidha, waan gaarii malee hinqeebalu.

caaltuun waqfiidhaa tan ummata hedduu walgeessu, tan yeroo dheertuu turtu. akka waqfii masgiidaa, darasootaa, mujaahidootaa, firaa, hiyyeeyyii muslimaafii dadhabdoota isaanii.

seera waqfii irraa.

١
waqfiin dureessarratti, hiyyeessarratti, firarratti, alagarratti, garerratti dhuunfarratti nitaati.
٢
waqfii garee addaddaarratti godhuun nitahahiyyeeyyii, ulamaa'ii fii darasoota.
٣
waan yoo ittifayyadaman baddu waqfii godhuun hintahu, akka nyaataa, dhugaatii, maallaqa,. waan gurguruun hintaanes akka qadeeffamaafii saamamaa.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi