kutaan ammaa model
Barnoota xahaaraa dubartii muslimaa
shari'aan dubartii muslimarratti dirqama goote murtiiwwan xahaaraa isii laallatan barachuu: akka heydii fi nifaasii.
waan dubartirratti baruu fi itti dalaguun dirqmaa keessaa
janaabdarraa dhiqatuu
janaabdaan akka afaanitti: fagaachuudha. namni janaabdahe shari'aa keessatti nama maniyyii buuse ykn warratti ida'ame, dhiiraa fi dubartiinis ni ja'ama, janaabdaa wanni ja'ameef hanga xahaaratuu iddoo salaatatti akka hin dhihaanne waan dhoorkameefi, janaabdarraa dhiqatuun dirqama jacha Rabbii oltaheetiif: yoo janaabdaa qabaattan xahaaradhaa. [maa'idaa: ].
heydiin wayta dhaabbate dhiqachuu
dubartii muslimarratti dirqama wayta dhiiyni haydii irraa cite dhiqachuun; jacha Rabbii oltaheetiif: Dhiiga laguu (haydii) irraas si gaafatu jedhi Inni (iddoon isaa) xuriidha; kanaafuu yeroo dhiiga xurii keessa dubartoota irraa fagaadhaa. Hanga isaan qulqullaa’anittis isaanitti hin dhihaatinaa. Yeroo isaan qulqulleeffatan, bakka Rabbiin isin ajajeeniin isaan bira dhaqaa. Dhugumatti Rabbiin warra gara Isaa tawbataniifi qulqulleeffatan ni jaalata. [albaqaraa: 222]. jachi isaa (yeroo isaan qulqulleeffatan) jachuun: dhiqachuun jachuudha.
heydii fi istihaadaa
heydii jachuun: dhiiga gadaamessa dubartii irraa bahu dahumsaa fi dhukkubbiin maletti. istihaadaa jachuun amoo: dhiigini gadaamessa dubartii irraa bahuu yeroo isaa tan murtooyten alatti sababa dhukkubaa ykn rakkinaatiin.
yeroon heydii dubartoota biratti wal dhabdi, yeroon daangaan isii murtooyte hin jirtu jacha ulamaa irraa, jumhuurri irra dheertuun isii guyyaa kudha shan tahuu irra jiran, wanni san bira dabre dhiiga istihaadaati malee dhiiga heydiitii miti, irra caalaan haala dubartii yeroon heydii guyyaa jaha ykn torba.
nifaasiin yeroo dhaabbate dhiqachuu
warri ilmii waliif galan dubartiin nifaasii irra jirtu yeroo nifaasiin irraa dhaabbate akka dhiqattu dirqama tahuu.
hiikkaa nifaasii
inni dhiiga gadaameessaan baaftu dahumsaa wajjiin ykn isii dura guyyaa lamaan ykn sadiin, laalaa wajjiin san boodas hanga guyyaa afurtamaa. ammoo yeroon nifaasii, daangaan isii guyyaa afurtama, gad aanaa isiitiif daangaan hin jiru, dubartiin yeroon qulqullaawuu isii argite dhiqattee salaatti.
waan heydii fi nifaasiin walqabatu
walitti ida'amuun haraam tahuu
namtichi jaartii isaa tan heydirra jirtu itti ida'amuun haraami, sunis jacha Rabbii oltaheetiif: Dhiiga laguu (haydii) irraas si gaafatu jedhi Inni (iddoon isaa) xuriidha; kanaafuu yeroo dhiiga xurii keessa dubartoota irraa fagaadhaa. Hanga isaan qulqullaa’anittis isaanitti hin dhihaatinaa. Yeroo isaan qulqulleeffatan, bakka Rabbiin isin ajajeeniin isaan bira dhaqaa. Dhugumatti Rabbiin warra gara Isaa tawbataniifi qulqulleeffatan ni jaalata. [albaqaraa: 222]. akkasuma isii nifaasirra jirtu itti ida'amuun haraami waliigaltee ulamaatiin.
hiikkaan haraam tahuu
sunis jacha Rabbii oltaheetiifi: Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoota hiiktan, 'Iddaa' isaaniitiin isaan hiikaa. [axxalaaq: 1]. hiikkaan jacha Rabbii oltahee: ('Iddaa' isaaniitiin isaan hiikaa) jachuun: isii heydii takkaa nifaasii irra jirtu, ykn xahaaraa isii keessa itti ida'amee ulfaawuun isii adda hin bahin keessatti hiikuun hin tahu.
salaataa fi soomanni haraam tahuu
sunis jacha Nabiyyii s.a.w akkana ja'uufi: "hogguu heydii irra jirtu tan hin salaannee fi hin soomanne hin taanee, irrinni diin isii sani" (bukhaarii: 1951).
xawaafni haraam tahuu
jacha ergamaa Rabbiitiif s.a.w Aa'ishaan ja'e weyta hajjii keessatti heydiin itti dhufu: "sun waan Rabbiin dubartoota ilmaan aadam irratti barreesse, waan namni hajjii dalagu dalagi, kaabaan xawaafuun alatti hanga xahaarattutti" (bukhaarii 305, muslim 1211).
Qur'aana qabachuun haraam tahuu
sunis jacha Rabbiitiif ajajamuufi: warra xahaaraa malee isa hin tuqu [waaqi'aa: 79], qur'aana qara'uun isiif ni hayyamama mataa keessaa irra caalatti, nama janaabdaa malee hanga dhiqatutti. dubartiin heydiitii fi nifaasii aayata yaadatuu fi baratuu yoo barbaadde, qur'aana wahiin qabachuun isiif ni hayyamama; waan akka guwaantii fi fakkaataa isaa.
masjida keessa turuun haraam tahuu
jacha isaatiif s.a.w: "an masjida halaal hin godhu nama heydiitii fi janaabdaatiif" (abu daawuud 232), keessa dabruu fi haajaaf seenuun ni hayyamama, Aa'isharraa Rabbi irraa haa jaalatuu ni jatte: Ergamaan Rabbii naan ja'e: "sijaajaa naaf laadhu masjidarraa" ni jatte: nin ja'een: ani heydirran jira. ni ja'e: "heydiin tee harka keetirra hin jirtu" (muslim 298).
waan heydiin dirqama godhu
gahuu
gahumsaan dirqamni taha, heydiin mallattoo dubartiin gahumsaa mirkanooytuu keessaahi.
iddaa ittiin lakkaawachuu hiikkamtuuf
iddaan hiikkamtuu heydii sadihiini isii heydituuf. jacha Rabbii oltaheetiif: Dubartoonni hiikaman xurii laguu sadi ofii isaaniitiif eeguu qabu. [baqaraa: 228].
waan dubartiin heydirraa qulqullaawuu irratti qajeelchu
dhangala'oo adii
waan haada adii fakkaatu, qaama saala dubartii irraa baha guyyaalee heydii isii dhumaa keessatti. mallattoo qulqullina isiiti.
dhiigni dhaabbachuu fi qooruu
dubartiin qaama saalaa isii keessa carqii galchitee gogaa baasuu, kan dhiigaa fi gurraachomminaa fi daalachoommina kan hin qabne.
dhiqannaan dirqama lama qaba: niyyaa, rifeensaa fi qaama guutu bishaaniin walgahuu, bishaan hundee rifeensaatiin gahuun dirqama, qaama isa jala jiru hanga dhaqqabutti, rifeensi haphii fi dabbasaa tahullee.
akkaataa dhiqannaa dubartii heydii fi janaabdaa irraa
Aaa'ishaa irraa Rabbi irraa haa jaalatuu: Asmaan Nabiyyii s.a.w gaafatte dhiqannaa dubartii heydii irraa? ni ja'e: "takkaan keessan ni fuuti bishaanii fi okkotee isii, ni qulqulleeffatti qulqullina isii ni tolchiti, eegasii mataa isii irratti dhangalaasti eegasii haalaan shukkuumti hanga hundee mataa isii geessutti, eegasii bishaan itti dhangalaasti, carqii urgaa qabdu fuutee ittiin qulqulleeffatti" Asmaan ni jatte: akkamitti qulqulleeffatti? ni ja'e "Rabbiin qulqullaawe! ittiin qulqulleeffatta" Aa'ishaan ni jatte: akka waan isiin san dhooysituuti faana dhiigaa hordofta. janaabdaa dhiqachuu irraa ni gaaafatte? ni ja'ee: "bishaan fuutee qulqulleeffatta qulqulleeffannaa bareechita ykn bakkaan geessa, eegasii mataa isii irratti dhangalaasti eegasii ni shukkuumti hanga hundee mataa isii geessutti, eegasii bishaan irratti dhangalaasti" Aa'ishaan ni jatte: duabartiin ansaaraa waa toltee, qaanfiin diin barachurraa isaan hin dhoorkine" (Bukhaarii 314, Muslim 322).
hagooggiin bishaan qaama dhaqqabuu dhoorku hundi dhiqannaa ni balleessa ka sirrii akka hin taane godha, akka dubartiin dibata qeensaa bishaan akka qaama hin dhaqqabne godhu dibachuu, ykn wanti waan isii jala jiru hagoogu jiraachuu.
daalachoomminaa fi gurraachoommina
dhangala'oon garii qaama saalaa dubartii irraa baha heydii duraa fi boodas yoo heeydiin walitti dhaabbatte isumarraahi, salaataa fi waan heydiin nama dhoorku hunda dhiisuu qabdi, yoo heydiin alatti tahe ammoo dhiibbaa hin qabdu; hadiisa ummu axiyyaatiif Rabbi irraa haa jaalatuu: "daalachummaa fi gurraachummaa erga xahaarannee humatti hin lakkooynu turre" (Bukhaarii 326, Abudawuud 307 lafziin ta saati).