barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Mata duree akkaataa salaataa.

ibsa sharii'aan akkaataa salaata sirrii itti salaatan ibsite, akka Rabbi biratti qeebalamtuu taatuuf. barnoota kana keessatti akkaataa salaataati barta.

kaayyoo    akkaataa salaataa baruu.

1- niyyaa

niyyaan ulaagaa salaataati, kana jechuun namni salaatu qalbii isaa keessatti nin salaataa niyyata, isiin salaata magriibaati yookaa ishaaii tahuu beekee. qalbimatti niyyaachuutu gaya malee afaaniin hindubbatu, kana afaaniin dubbachuun dogoggora nabiifii sahaabarraa hindhufne waan taheef.

2- takbiiraa

salaataaf dhaabbata, allaahu akbar jedha, harka lameen hanga qixa ceekuu yookaa gurraa olfuudha, quba nidiriirsa, keessa harkaa gara qiblaati garagalcha.

hiikaa takbiiraa

takbiiraan jecha (Allaahu akbar) kanaan malee hintahu. hikkaan isaa guddinaafii kabajaan Rabbiif haataatu jechuudha. Rabbiin waa hundarra guddaadha. duniyaafii waan isii keessaa qananiifii mi'aa hundarra guddaadha, waayee duniyaa san hunda moggatti achi qabnee gara Rabbii guddaa haa deebinuu, salaataan uf gadi qabnee qalbiifii aqlii teenyaan isatti haadeebinuu.

3- takbiiraa booda harka isaa mirga bitarra kaayee qomarratti qabata, dhaabbata hunda keessatti akkanuma godha.

4-du'aaiilee bantuu nabirraa baramteen salaata banata, sankeessaa:" subhaanaka allaahumma wabihamdika,tabaarakasmuka, wata'aalaa jadduka wa laa ilaaha gayruka" hiikkaan (yaa Rabbi ati qulqullooyte, galanni keeti, maqaan kee barakeeffame,guddinni kee oltahe, gabbaramaan haqaa simalee hinjiru).

5- nijedha "a'uuzu billaahi mina shayxaani rrajiim" tuni isti'aazaa jedhamti, hiikkaan isii hamtuu sheyxaanaarraa Rabbittin dheeysa jechuudha.

6- nijedha "bismillaahi rrahmaani rrahiim" huukkaan maqaa Rabbiitti gargaarsifadhee barakaa irra barbaadaa jalqaba jechuudha.

....

7- suuraa faatihaa qara'a. faatihaan irra guddoo suuraa qur'aanaati, isii irratti buusuun nabiyyii isaarratti qananii lakkaawwate, nijedhe "dhugaa torban deddeebituu taateefii qur'aana kabajamaa siif kennine" hijri 87. torban deddeebituun faatihaadha. isiitu aayata torba salaata keessatti yeroo hedduu deddeebiti guyyarraa.

suuraa faatihaa haffazuun muslimarratti dirqama. isii qara'uun ruknii hafuu hintaane salaata keessatti, salaata imaamni sagalee olqabatee hinqaraane keessatti maimuumni akkasuma namni kophaa salaatu salaatuma hunda keessatti faatihaa qarauun dirqama.

suuraa faatihaa

8- eega faatihaa qaraee fixe booda yooka imaama qarau dhaggeefatee fixe aamiin jedha, hiikkaan isaa yaa Rabbi nuuf qeebali jechuudha.

9-raka'aa lameen duraa keessatti eega faatihaatii suuraa yookaa aayatoota qarauu qaba, ammoo raka'aa 3ffaa fii 4ffaa faatihama qofarratti gabaabbata.

faatihaafii qur'aana isii boodaa hunduu salaatoowwan fajrii, raka'aa lameen duraa magriibaafii ishaaii, sagalee olqabatanii qara'an. ammoo zuhriifii asrii keessatti, sadeessaa magriibaafii lameen boodaa ishaaii keessatti sagalee gadi qabatanii qara'an.

10- eegasii rukuu'aaf gadijedha allaahu akbar jechaa, harka hanga ceekuutti yookaa sanii ol olfuudha. keessa harkaa gara qiblaatti garagalcha akkuma takbiiraa duraarratti godhe.

11- rukuu'a godha, gama qiblaatti duuydaan gadi jedha, duuydaafii mataa walqixxeessa. harka lameen jilbarratti qabata, quba adda facaasa. (subhaana Rabbiyal aziim) jedha, yoggu sadi irra deddeebiuun gaariidha, dirqamni yoggu takka, rukuuini bakka Rabbiin itti guddisani.

hiikaan "subhaana Rabbiyal aziim" jechuu "Rabbii guddaa ninqulqulleessa ir'ina hundarraa", rukuu'a keessatti jedha.

12- akkuma yeroo dabreetti harka isaa keessa qiblatti deebisee olfuudhaati oljedha. Akkana jedha (sami'allaahu liman hamidahu), yoo imaam yooka kophaawaa tahe- eegasii hundinuu (Rabbanaa walakal hamdu) jedha.

nijaalatama kanneen itti dabalee jechuun (hamdan kasiiran xayyiban mubaarakan fiihi, mil'assamaawaati wamil'al ardi, wa mil'a maa shi'ita min shey'in baidu).

13- eegasii allaahu akbar jechaati sujuuda gadibu'a, humna torbarratti isaanis addaafii funyaan, harka lamaan, jilba lamaan, hirpha lamaan. harka bobaraa achi banuun jaalatamaadha, garaa sarbarraa fageessuu (banuu) sujuuda isaa keessatti, ciqilee isaa lafarraa ilkaasa

14- sujuuda isaa keessatti (subhaana Rabbiyal a'ilaa) jedha, yoggu takka dirqama yokku sadi jaalatamaadha. hiikkaan subhaana Rabbiyal ailaa Rabbii ol aanaa tahe guddina isaatiin hunda caalaa tahe, kan samiilee hundaa olitti ol tahe, ir'inaafii fokkina hundarraa kan qulqullaaye nin qulqulleessa. gabricha Rabbiif ufgadi xiqqeessee mataa isaa lafa kaaye yaadachiisuufi, guddina Rabbii isaa yaadatee gara rabbii deebiee kajeeluufi.

caalmayina sujuudaa.

sujuunni bakka du'aa'iidha jabduudha, isa keessatti eega zikrii himamte jedhee booda gabrichi toltuu annuniyaafii aakhiraatiin tanfedheen Rabbi kadhata, nabiin s.a.w. akki jedhe "irra dhihoo gama Rabbiitti yeroon gabrichi tahu yeroo sujuudu, kadhaa heddummeessaa".muslim 482

15- eegasii allaahu akbar nijetta, oljettee sujuuda lameen jidduu teessa, hirpha mirgaa dhaabdeeti tanbitaarra teessa. harka sarbama isaarra gadi diriirsa hanga jilbaatti.

akkaa teessuma salaata keessaa.

akkuma himame kanatti tauutu jaalatama salaata keessatti, tashahuda boodaa malee isii keessatti mirgaa dhaabeeti bitaa ciibsee jalaan achibaasee taa'aa isaatiin lafa gayee taa'a.

zikrii sujuuda lameen jidduu.

16- teessoo isaa tan sujuuda lameen jidduutti (Rabbigfirlii) jedha, yoggu sadi irra deddeebiuun jaalatamaadha.

17- eegasii akkuma sujuuda dabreetti kan lamaffaa sujuuda.

18- eegasii allaahu akbar jechaati sujuuda lameessaarraa gara raka'aa lammaffaati ol ka'a.

19- Raka'aa lammaffaatis akkuma tan duraatti salaata.

20-eega sujuuda lammeessaa raka'aa lammafaadhaa irraa ol jedhe akkuma sujuuda lameen jidduu taa'etti taa'a. quba daymaa tan mirgaatiin qiblatti akeeka, akkana jedha (Attahiyyaatu lillaahi wassalawaatu waxxayyibaatu, Assalaamu aleeyka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuhuu, Assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin, Ash hadu anlaa ilaaha illallaahu wa ash hadu anna muhammadan abduhuu wa rasuuluhuu.

21- yoo salaanni tan raka'aa lamaa tan akka fajriifaa taate, salaata nabi ibraahim qara'a. eegasii nisalaammata. kuni boodarra ni ibsama. ammoo yoo salaanni tan raka'aa sadihii yookaa afurii taate, olkaeeti hanga hafe salaata. garuu raka'aa 3ffaa fii 4ffaa keessatti faatihama qofa qara'a.

22- eegasii raka'aa xumuraa yoggu sujuuda 2ffaarraa ol jedhe tashahuda boodaati taa'a. akkataan isaas hirpha mirgaa dhaabee tanbitaa ciibsee jalaan achi dabarsee, taa'aan lafa gayee taa'a. tashahuda duratti qara'e san qara'a. eegasii salaata nabi ibraahiin qara'a, inni kana "Allaahumma salli alaa muhammadin wa alaa aali muhammadin kamaa salleyta alaa aali ibraahiima innaka hamiidun majiid, wa baarik alaa muhammadin wa alaa aali muhammadin kamaa baarakta alaa aali ibraahiima innaka hamiidun majiid."

eegasii kanas qarauun jaalatamaadha, "auuzu billaahi min azaabi jahannama, wamin azaabilqabri, wa min fitnatil mahyaa walmamaat, wamin fitnatil masiihiddajaal".waan fedheen kadhachuu dandaya.

23- eegasii mirgatti mil'atee "assalaamu aleykum wa rahmatullaah" jedha, bitattis akkasuma jedha. salaamtaa tanaan salaata xumuree irraa baha, nabiin s.a.w. akki jedhe hidhannaan isii takbiiraa, hiikkannaan isii tasliima, (abuu daawud 618 tirmizii 3 hiikkaan salaataa allaahu akbarii duraatiin itti seenaniiti salaamtaan irraa bahan jechuudha.

24- eega salaammatee zikrii asiigadii kana qarauun jaalatamaadha.

١
astagfirullaah yoggu3.
٢
allaahumma anta ssalaam waminka ssalaam tabaarakta yaa zaljalaali wal ikraam.
٣
Allaahumma laa maani'a limaa aixeeyta, walaa muixiya limaa manaita, walaa yanfa'u zaljaddi minkal jaddu.
٤
eegasii subhaanallah yoggu 33, alhamdu lillaah 33, Allaahu akbar 33 irra deddeebiee jedha.
٥
eegasii jecha kanaan dhibba guuta (laa ilaaha illallaahu, wahdahuu, laa shariika lahuu, lahul mulku, walahul hamdu, wahuwa alaa kulli shey'in qadiir).

namni faatihaafii zikrii salaataa hin haffazin akkam godha?

jajjabaatee faatihaa afaan arabiitiin haffazuu qaba, afaan birootiin hintaatu.akkasumaa zikriiwwan salaata keessatti jedhamu hunda jajjabaatee haffazuu qaba. isiin kunoo tanneeni:- faatihaa, allaahu akbarii, subhaana Rabbiyal aziim, sami'allaahu liman hamidahuu, Rabbanaa lakal hamdu, subhaana Rabbiyal a'ilaa, Rabbigfirlii, tashahuda, salaata nabiyyirratti buusuu, assalaamu aleykum warahmatullaahi.

hanga haffazutti wahuma beeku subhaanallaah, walhamdu lillaah, wallaahu akbar irra deddeebi'a salaata keessatti. yookaa aayatuma beeku yeroo dhaabbataa irra deddeebi'a. Rabbiin "hanguma dandeessan Rabbi sodaadhaa" jedhe. tagaabun 16.

ammoo muslimni haaroyni.

sirritti itti yaadee salaata jamaa'aarratti jajjabaachuu qaba, akka salaata isaa ummataaan wajji sirreefatuuf, imaamnis ir'ina hangatokko maimuuarraa nibaata waan taheef.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi