kutaan ammaa model
Barnoota Mata duree akkaataa salaataa.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
1- niyyaa
salaataaf dhaabbata, allaahu akbar jedha, harka lameen hanga qixa ceekuu yookaa gurraa olfuudha, quba nidiriirsa, keessa harkaa gara qiblaati garagalcha.
hiikaa takbiiraa
3- takbiiraa booda harka isaa mirga bitarra kaayee qomarratti qabata, dhaabbata hunda keessatti akkanuma godha.
....
suuraa faatihaa haffazuun muslimarratti dirqama. isii qara'uun ruknii hafuu hintaane salaata keessatti, salaata imaamni sagalee olqabatee hinqaraane keessatti maimuumni akkasuma namni kophaa salaatu salaatuma hunda keessatti faatihaa qarauun dirqama.
suuraa faatihaa
10- eegasii rukuu'aaf gadijedha allaahu akbar jechaa, harka hanga ceekuutti yookaa sanii ol olfuudha. keessa harkaa gara qiblaatti garagalcha akkuma takbiiraa duraarratti godhe.
11- rukuu'a godha, gama qiblaatti duuydaan gadi jedha, duuydaafii mataa walqixxeessa. harka lameen jilbarratti qabata, quba adda facaasa. (subhaana Rabbiyal aziim) jedha, yoggu sadi irra deddeebiuun gaariidha, dirqamni yoggu takka, rukuuini bakka Rabbiin itti guddisani.
hiikaan "subhaana Rabbiyal aziim" jechuu "Rabbii guddaa ninqulqulleessa ir'ina hundarraa", rukuu'a keessatti jedha.
12- akkuma yeroo dabreetti harka isaa keessa qiblatti deebisee olfuudhaati oljedha. Akkana jedha (sami'allaahu liman hamidahu), yoo imaam yooka kophaawaa tahe- eegasii hundinuu (Rabbanaa walakal hamdu) jedha.
nijaalatama kanneen itti dabalee jechuun (hamdan kasiiran xayyiban mubaarakan fiihi, mil'assamaawaati wamil'al ardi, wa mil'a maa shi'ita min shey'in baidu).
13- eegasii allaahu akbar jechaati sujuuda gadibu'a, humna torbarratti isaanis addaafii funyaan, harka lamaan, jilba lamaan, hirpha lamaan. harka bobaraa achi banuun jaalatamaadha, garaa sarbarraa fageessuu (banuu) sujuuda isaa keessatti, ciqilee isaa lafarraa ilkaasa
sujuunni bakka du'aa'iidha jabduudha, isa keessatti eega zikrii himamte jedhee booda gabrichi toltuu annuniyaafii aakhiraatiin tanfedheen Rabbi kadhata, nabiin s.a.w. akki jedhe "irra dhihoo gama Rabbiitti yeroon gabrichi tahu yeroo sujuudu, kadhaa heddummeessaa".muslim 482
15- eegasii allaahu akbar nijetta, oljettee sujuuda lameen jidduu teessa, hirpha mirgaa dhaabdeeti tanbitaarra teessa. harka sarbama isaarra gadi diriirsa hanga jilbaatti.
akkaa teessuma salaata keessaa.
16- teessoo isaa tan sujuuda lameen jidduutti (Rabbigfirlii) jedha, yoggu sadi irra deddeebiuun jaalatamaadha.
17- eegasii akkuma sujuuda dabreetti kan lamaffaa sujuuda.
18- eegasii allaahu akbar jechaati sujuuda lameessaarraa gara raka'aa lammaffaati ol ka'a.
19- Raka'aa lammaffaatis akkuma tan duraatti salaata.
20-eega sujuuda lammeessaa raka'aa lammafaadhaa irraa ol jedhe akkuma sujuuda lameen jidduu taa'etti taa'a. quba daymaa tan mirgaatiin qiblatti akeeka, akkana jedha (Attahiyyaatu lillaahi wassalawaatu waxxayyibaatu, Assalaamu aleeyka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuhuu, Assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin, Ash hadu anlaa ilaaha illallaahu wa ash hadu anna muhammadan abduhuu wa rasuuluhuu.
22- eegasii raka'aa xumuraa yoggu sujuuda 2ffaarraa ol jedhe tashahuda boodaati taa'a. akkataan isaas hirpha mirgaa dhaabee tanbitaa ciibsee jalaan achi dabarsee, taa'aan lafa gayee taa'a. tashahuda duratti qara'e san qara'a. eegasii salaata nabi ibraahiin qara'a, inni kana "Allaahumma salli alaa muhammadin wa alaa aali muhammadin kamaa salleyta alaa aali ibraahiima innaka hamiidun majiid, wa baarik alaa muhammadin wa alaa aali muhammadin kamaa baarakta alaa aali ibraahiima innaka hamiidun majiid."
23- eegasii mirgatti mil'atee "assalaamu aleykum wa rahmatullaah" jedha, bitattis akkasuma jedha. salaamtaa tanaan salaata xumuree irraa baha, nabiin s.a.w. akki jedhe hidhannaan isii takbiiraa, hiikkannaan isii tasliima, (abuu daawud 618 tirmizii 3 hiikkaan salaataa allaahu akbarii duraatiin itti seenaniiti salaamtaan irraa bahan jechuudha.
24- eega salaammatee zikrii asiigadii kana qarauun jaalatamaadha.
jajjabaatee faatihaa afaan arabiitiin haffazuu qaba, afaan birootiin hintaatu.akkasumaa zikriiwwan salaata keessatti jedhamu hunda jajjabaatee haffazuu qaba. isiin kunoo tanneeni:- faatihaa, allaahu akbarii, subhaana Rabbiyal aziim, sami'allaahu liman hamidahuu, Rabbanaa lakal hamdu, subhaana Rabbiyal a'ilaa, Rabbigfirlii, tashahuda, salaata nabiyyirratti buusuu, assalaamu aleykum warahmatullaahi.
hanga haffazutti wahuma beeku subhaanallaah, walhamdu lillaah, wallaahu akbar irra deddeebi'a salaata keessatti. yookaa aayatuma beeku yeroo dhaabbataa irra deddeebi'a. Rabbiin "hanguma dandeessan Rabbi sodaadhaa" jedhe. tagaabun 16.
sirritti itti yaadee salaata jamaa'aarratti jajjabaachuu qaba, akka salaata isaa ummataaan wajji sirreefatuuf, imaamnis ir'ina hangatokko maimuuarraa nibaata waan taheef.