barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mataduree hubannoo iimaanaa karaa deemsaan wajji.

ibsa islaamummaan bashannanaafii raahaa umaa Rabbiitti qanani'uu hindhoowwine. garuu yeroo deemu muslimni seera isaa kabajuu qaba. kuni waan barnoota kana keessatti ibsamu.

kaayyoo muslima jiruufii diin walitti hidhuu.                uumaa Rabbii keessatti dandeeytii isaa xiinxalluu.

deemsa yeroo jennu deemsa bashannanaa kan namni bakka uumaa bashannanaa deemu jechuu.

jechi rihlaa (karaa deemsa) jettu tuni qur'aana keessatti dhuftee jirti. jecha Rabbii keessatti "Qurayshota barsiisuuf, Fe’annaa gannaafi bonaa isaan barsiisuuf jecha (warra arbaa balleesse) -- qureysh 1-2. deemsa gannaa jechuun deemsa daldalaaf ganna keessa qureyshiin deemtu jechuudha. yeroo kana keessa gara yaman deemuu turan. deemsa bonaa ammoo gara shaam deemaa turan.

karaa deemsi keenya akkamitti iimaana keenya nuuf dabalti?

jiruun muslimaa haala hunda keessatti Rabbiin walitti hidhamtuudha, karaa deemsi seera shari'aa kan Rabbiin karaa nuufgodheen walqabatti. bu'aa guddaa duniyaafii akhiraattu keessa jira. kuni yoo namni isii hojirra tolchee oolecheedha.

muslimtichi amna isaa ibaadaa godhuu dandaya. akka ibaadaaf deemuuti akka hajjii, umraa, ilmii diin barachuuf... niyyaa tolee rahima maxxansuuf faa deemuu, warra isaa gammachiisuuf, ufiifii maatii isaa boqachiisuu karaa halaal kan ibaadarratti nama gargaaruun, yooka isaan waan haraamirraa fagaachuuf.

"jedhi salaanni tiyya, qaliinsi tiyya, jiruufii duuti tiyya Rabbiifi gooftaa aalamaa". an'aam 162.

amniti carraa xiinxalluu bu'a qabeessaati.

uumamni kuni aayata Rabbiitiin guutamaadha, tan guddina rahmataafii ogummaa isaatti nama qajeelchitu. Rabbiin akkana jedhe "uumuu samiileefii dachii keessatti waldabaruu halkaniifii guyyaa keessatti mallattootu jira warra qalbii qabaniif". aala imraan 190. kanaaf jecha Rabbiin uumaa tana ittiin gorfamuudhaaf lallaalutti ajaje, qanani'uu qofaaf osoo hintahinitti. Rabbiin akkana jedhe "sila isaan hinlallaallee mootummaa samiifii dachii keessatti, wantootarraa waan Rabbiin uume keessattis". airaaf 185

akkuma kophaa bahuun yeroo garii carraa boruuf maal dabarfadhe jedhanii ufqorachuu namaaf taatutti. kan Rabbi malee toohataan isarra hinjirre.

bakka qubannoota keetii yoo dhaqxe maal dalayda?

namni bakka qubannoota isaa gaye dirree keessatti tahuu kanbiroo tahuu du'aa'ii itti aanu kana qara'a.

khowlaa binti hakiim nabiin akkana jedhan jette "namni qubannoota tokko qubatee eegasii jedhe (auuzu bikalimaatillaahittaammaati minsharri maa khalaqa) hanga qubannoota isaa sanirraa deemutti homaa isa hinmiidhan". muslim 2708.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi