barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota qur'aana xiinxalluufii hiikuu

qur'aana hiikuufii xiinxalluun hojii gaariidha, waan Rabbiin jechoota isaarraa fedhe hubachutti nama muslimaa dhiheessa, itti hojjachurratti nama gargaara, boqannaa kana keessatti tafsiiraafii qur'aana xiinxalluun maal akka taheefii barbaachisummaa isaati baratta.

tafsiira qur'aanaa yoo jedhamu maaltu itti fedhamee ibsuu.qur'aana xiinxalluufii fassaruuu sadarkaafii barbaachisummaa isaa ibsuu.gosa tafsiira qur'aanaa ibsuu.irra filatamaa kitaabban tafsiiraa ibsuu.

qur'aana xiinxalluufii hiikuu

muslimni hundi qur'aana sirreessee qaraurratti jabaachuu qaba. hiikkaa fii ergaa isaa xiinxalluu qaba. ajajaafii dhoowwaa isaa hubachuu qaba. eeggasii itti dalaguu qaba akka biyya lameenittuu milkaawuuf jecha.

hiikkaa xiinxalluu.

xiinxalluun aayata wajji dhaabbachuufiigadilallaaluudha,jala deemuufii ajajamuudha.

namni qur'aana xiinxallu hiikkaa isaa beekuu qaba, akka xiinxallaan isaa suni hubannorratti taatu.

qur'aana xiinxalluun dirqama.

muslimni hundu qur'aana kana xiinxalluun dirqama. hiikaa isaa hubachuun, isaawajji jiraachuun, Rabbiin akkana jedhe "kuni kitaaba barakaatiisa sirratti gadibuufne, akka ayatoota isaa xiinxallaniif warri qalbii qaban akka gorfamaniif".saad 29. ammas nijedhe "qur'aana hinxiinxallanii moo qalbiilerra qulfii isiittu tahee?".muhammad 24.

hiikkaa tafsiiraa.

tafsiira jechuun hiikkaa qur'aanaa ibsuu jechuudha.

barbaachisummaa barnoota tafsiiraa.

barnoonni tafsiiraa haalaan barbaachisaafii bu'a qabeessa. qur'aana jecha Rabbii hubachurratti nama gargaara. hiikka qur'aana Rabbii baranii itti dalagurratti nama gargaara. kanaan jaalala Rabbii argatanii jannata Rabbii seenan. waan Rabbiin ajaje hojjatanii waan inni dhoowwerraa dhoowwaman, bekkomsa tafsiiraatiin namni dhugaafii dhara adda baafata. sirri hiikkaafii qajeelfama qur'aanaa hubata.

sahaabaan hiikkaa qur'aanaatiifii tafsiira itti yaadanii nabirraa baran.

,sahaabaan waan isaan dhibe qur'aanarraa nabiin gaafatan. abdallah binu mas'uud akki jedhe yeroo ayanni tuni buute "warreen amananii iimaana isaanii zulmii itti hinmakin...". dubbiin sahaabarratti ulfaate. nukeessaa eenyuutu lubbuu isaa hinmiidhini? jedhan. nabiin s.a.w. akki jedheen "dubbiin akka isin yaaddan sanii miti, isiin akka luqmaan ilma isaatiin jedhe "yaa ilma kiyya Rabbitti hinsharraksiisin shirkiin zulmii guddoodha" jedhaniin". bukhaarii 6937 muslim 124

,akkaataan itti tafsiiraafii hiikkaa qur'aanaa baran karaalee itti aanu kanaan taha.

١
qur'aana qur'aanaan fassaruu.
٢
qur'aana sunnaa (hadiisaan) fassaruu.
٣
,tafsiira sahaabaa r.a.
٤
,tafsiira taabiootaa

1ffaa- qur'aana qur'aanaan fassaruu

,Rabbiin isa ka qur'aana buuse, isumaatu waan itti fedhe beeka.

Rabbiin akkana jedhe "jaalalleewwan Rabbii soodaan isaanirratti hintaane isaan niis hinyaaddawan. isaanoowwan amananii kan Rabbi sodaatan tahani".Rabbiin asitti jecha jaalalleewwan Rabbii jedhu, isaanoowwan amananii kan Rabbi sodaatan tahan" jedheeti fassare

2ffaa-qur'aana hadiisaan fassaruu.

nabiin s.a.w. kan Rabbirraa ummatatti geessu isa.inni irra beekaa ilma namaati waan Rabbiin jecha isaatti fedhe.

fakkiin kana nabiin humna leenjii darbannaatti fassare, uqbaa binu amir nabiin minbararratti kan "isaaniin loluuf humnarraa waan dandeessan qopheessaa" jedhee qara'e eegasii hiikee humna jechuun leenjii darbannaati yeroo3 jedhe" muslim 1917

3ffaan- tafsiira sahaabaati.

hiikkaa qur'aanaa isaantu nama hundarra beeka. waan yeroo inni buufamu san jiranii waa hunda ijaan argaa turaniif jecha. akkasuma beekkomsaafii hubannoo guddaafii sirrii waan qabaniif, hojii gaarii waan qabaniif.

fakkeenyi kanaa jecha Rabbiiti "yoo dhukkubsatoo taatan, yookaa imalarra jiraattan, yookaa tokkoon keessan mana fincaaniitii dhufe, yooka dubartiin waltuuyxan wuduu'a irra deebi'aa godhadhaa" ibnu abbas akki jedhe, waltuuyxan jechuun qunnamtii saalaati jedhe. tafsiira xabarii 8/389

4-tafsiira taabi'iyyootaa.

warreen tafsiira sahaabarraa baratani, tabi'oonni eega sahaabaatii caaloo namaati, jalinarraa qulqullaawoodha warra isaan boodaa caalaa. afaan arabiitis zamana isaanii hinjirjiiramne qulqulluu ture. warra isaan boodaa caalaa bekkomsa sirrii qaban.

qur'aana fassaruu keessatti dirqama muslimarra jiru.

nama muslimaatiif yeroo hiikkaa qur'aanaarraa waa isa dhiban gara kitaaba tafsiiraa deebiuu qaba. jechoota warra fassaranii bebbeekamoo laallachuu qaba.

namni qur'aana fassaru yeroo fassaru Rabbirraa ergaa dabarsaa akka jiru ufbeekuu qaba. ragaa bahaadha, ragaa tana kabajuu qaba, beekkomsaan malee Rabbirratti dubbachurraa uf eeguu qaba, haraam keessa seenee guyyaa qiyaamaa akka hinxiqqaanne eeggachuu qaba. Rabbiin akkana jedhe "jedhi arabbiin kiyya baalagummaa isirraa waan mul'ateefii dhokates haraam godhe, diliis, haqaan malee roorrisus, waan ragaa itti hinbuusin Rabbitti qindeessuu, Rabbirratti waan hinbeeyne jechuu,(kana hundaa haraam godhe).airaaf 33

kitaaba tafsiiraa filatamoo.

kitaabni tafsiiraa hedduudha hundi sadarkaan fudhatama isii walqixaa miti, walcaalti kitaabban filatamoo filachuu barbaachisa.kan warri isii qopheessan seera tafsiiraa eeggatanii guutan. sanneen keessa kan itti aanan kana;-

tafsiiroowwan hangafoota.

١
tafsiira "jaamiul bayaan an taiwiili aayilqur'aan" kan imaama ibnujariir axxabarii.
٢
tafsiirul qur'aanil aziim kan imaama ivnu kasiir addimishqii.
٣
"teysiiril kariimirrahmaan fii tafsiiri kalaamil mannaan" kan shekh abdurrahmaan assaidii.
٤
attafsiirul muyassar" kan gareen ulamaaii qopheesse, Raabsaan waldaya mootii fahdii kan maxxansaa qur'aanaa kan madiinatul munawwaratti argamu.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi