kutaan ammaa model
Barnoota sunnaa nabiyyii s.a.w.
sunnaan nabii wahyii Rabbiin nabiyyicha isaa muhammaditti beeysise. isiifii qur'aanni bu'ura diin islaamaati. isaan lameen akkuma shahaadaan lameen walqabattutti walqabatan, namni sunnatti hin amanin qur'aanatti hin amanne.
hiikkaa sunnaa
sunnaa nabii jechuun waan nabitti irkifame jecha, hojii, mirkaneessaa, bifa haalaafii uumaati.
sadarkaa sunnaa islaamummaa keessatti.
sunnaan islaamummaa keessatti sadarkaa guddaa qabdi, wanni kana beeysisu kanneen itti aanu kana.
1-sunnaan bu'ura 2ffaa diin islaamaati.
sunnaan nabii isiin bu'ura seera islaamaa 2ffaadha eega qur'aana kabajamaatii. miqdaam binu maidii kariba alkandiin nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe " dhagayaa ani kitaaba (qur'aanaa) fii fakkaataa isaati isaan wajjiin kenname (Rabbiin naaf kenne), dhagayaa nidhihaata namtichi quufee ciqilee isaarratti ciqilfatee jechaadhaa (qur'aana qabadhaa, waan isa keessatti halaal tate halaaleyfadhaa, waan isa keessatti haraam tahe irraa fagaadhaa" musnada imaamu ahmad 17174 kuni badii guddaadha, hadiisa waakkannaan, dinnaan nikafara namni.
2- isiin wahyii Rabbirraa taate.
sunnaan nabii wahyii Rabbiin nabiyyii isaarratti buuseedha, Rabbiin akkana jedhe "(nabiin) fedhirraa hindubbatu, inni wahyii isatti beeysifame malee waan biraatii miti, ka humna jajjabaattu isa barsiise". najmi 3-5
3- isiin ibsa qur'aanaati.
sunnaan nabii isii keessa ibsa qur'aanaattu jira, Rabbiin akkana jedhe "yaadachiisa (qur'aana) sitti gadi buufne akka namaaf waan isaanirratti buufame ibsituuf akka isaan xiinxallaniif" nahli 44
aayatoowwan qur'aanaa seera walitti qabataan dhufte bakka heddutti, nabiitu jecha isaatiin yookaa hojii isaatiin waan qur'aana keessatti dhufe adda babaasee hiike. fakkeenyaaf Rabbiin akkana jedhe " salaata gadi dhaabaa, zakaa kennaa, saruulaaf ajajamaa akka rahmanni isinii godhamuuf". nuur 56. asitti salaata dhaabuufii zakaa kennuun akka walii galaatti ajajame, adda ibsi kanaa sunnatti dhufe, yeroo salaata 5ni ibsee, akkaataa isiitiifii seera isii guutuu ibse, akkasuma zakas adda babaasee ibse.
sunnaan nabiyyii bekkomsa Rabbiin tika isaa uf qabe keessaa tokko. Rabbiin akkana jedhe "nuti numaatu beekkomsa buuse, nuti isaaf tiiysoodha". hijri 9. zikri yookaa beekkomsa islaamaa jechuun waan nabiyyirratti buufame hunda qur'aanaafii sunnaa ufkeessaa qaba.
tika Rabbiin sunnaa tiiyse keessaa Rabbiin ulamaaii jajjaboo haalaan carraaqanii hadiisa walitti qabanii galmeessannii gingilchanii ummata islaamaatiif kuusa Rabbiin qopheesse. seera iitti gabaasniisii tiiyfamu kaayan, soba dogoggoraafii sehaa isii seente keessa baasan, taahatanii haffazanii, akkataa itti waliif daddabarsaniifii namoota isii galmeesse sirreesanii seeraan kaayan.
sunnaa (hadiisa) karaa ulamaaiiwwan isii odeessanii, tiiysanii haffazaniin Rabbiin isii tiiyse.
sunnaan nabii isiin burqaa shari'aa islaamaa kan lammaffaati qur'aanatti aanee, diin Rabbii namaaf hinguutamu yoo qur'aanaaf hadiisa walbiratti gamaa gamanatti qabatan malee.
sunnaan yookaa hadiisni burqaa bu'uraati seera shari'aa diriirsurratti, qabxiilee ahkaamaatiifii tan aqiidaa keessattis itti dalaguun dirqama.
sunnaan yeroo garii seera qur'aanaan dhufe ibsuuf dhufti, yeroo garii ufuma isiitii seera ufdandaye qabattee dhufti.isiin halaal hayyamuufii haraamirraa dhoowwuu keessatti akkuma qur'aanaati.
Ragaaleen qur'aanaatiifii hadiisaa sunnaan (hadiisni) ragaa tahurratti nuqajeelcha, bu'ura seera islaamaa tahuu keessatti sadarkaa guddaa qabaachuu ibsa. aayatootaafii hadiisota hedduutu jira tan sunnaa qabatutti ajajju. isii ragaa godhachuu ta ibsitu, ajaja nabii s.a.w. qeebaluun dirqama tahuu ta ibsitu. Rabbiin akkana jedha "waan ergamaan isinii kenne fudhadhaa, waan irraa isin dhoowwerraa dhoowwamaa".hashri 7.
miqdaam binu maidii kariba alkandiin nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "dhagayaa nidhihaata namtichi quufee ciqilee isaarratti ciqilfatee jechaadhaa (nuufii isin jidduu qur'aanaatu jira, waan isa keessatti halaal tate nihalaaleyfanna, waan isa keessatti haraam tahe irraa fagaanna) dhagayaa wanni Rasuulli haraamgodhe akkuma waan Rabbiin haraam godheeti" ibnu maajah 12. kuni badii guddaadha, hadiisa waakkannaan, dinnaan nikafara namni.
Rabbiin ergamaa isaatiif ajajmuu gabroottanirratti diqama godhe, sunnaa isaa jala deemuu jechootaafii hojiifii haala isaa keessatti. Rabbiin akkana jedhe "yoo Ranniin kan jaalattan taate na hordofaa jedhiin, Rabbiin isin jaalataa, dilii teessanis isiniif araaramaa, Rabbiin araaramaa rahmata godhaadhaa" aala imraan 31 Rabbiin akkana jedhe "isa hordifaa akka qajeeltaniif" a'iraaf 158.
irbaad binu saariyaarraa oddeefame nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "karaa kiyya qabdhaa, karaa bakka bu'oota kiyya qajeeloo tahanii qabadhaa, cimsaa qabdhaa, a'oon ciniinaa, waan haarawa diinitti dabalamerraa fagaadhaa, baasi hundi did'aadha, bid'aan hundi jallina" abuudawuud 4607
hordofuun waan nabiin jedhee ajaje yookaa hojjate qabachuudha. karaa nabirraa deemuu ajaja hojjatanii dhoowwarraa fagaachuu, islaamummatti hojjachuu irratti jiraachuu.
hordoffiin waajiba keessatti waajiba, jaalatamaa keessatti hordoffiin jaalatamaadha.
sunnaa nabii hordofuun sadarkaafii bu'aalee hedduu qabdi, san keessaa:
sunnaa qabatuufii hordofuun garee jallatte tan warra ibiddaa tahuu nabiin akeekkachise jalaa nagaya nama baasa.abdallah binu amriirraa nabiin s.a.w. " wanni ummata banii israaiilirra dhufe ummata kanarras nidhufa, tarkaanfii tarkaanfiin, hanga isaan irraa kan haadha fuudhu jiraate ummta kiyyarraayis kan san dalagu jiraatutti, ilmaan israaiil bakka 72 adda baate, ummanni tiyya bakka 73tti adda baati hundi isii ibidda seenti garee takka malee" isiin suni tami yaa ergamaa Rabbii jedhaniin, "tan waan naafii sahaabaan kiyya irra jirru irratti taate" jedhe tirmizii 2641
sunnaa qabachuun qajeelloon argamtee jallinarraa tiyfama, Rabbiin akkana jedhe "isa (nabi muhammad) hordofaa akka qajeeltaniif". airaaf 158 abii hureyrarraa odeeffame nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "ani waa lama tan isaan qabannaan hinjallanne isin keessatti dhiise, kitaaba Rabbiitiifii hadiisa kiyya". mustadraka haakim 319
hojiin gaariin qeebalamuuf sunnaa gaxxamuun dirqama taha, hojiin gabrichi hojjatu sunnaa nabiirratti tahuu qaba, aiisharraa odeeffamee nabiin s.a.w. " namni hojii ajajni keenya irratti hinjirre hojjate inni deeffamaadha (fudhatama hinqabu)" muslim 1718
namni sunnaa hordofe nabitti hariiroo tolfatee, kan sunnarraa fagaate nabiyyirraa fagaateanas binu maalik irraa odeeffamee namni sadi gara mana nabii dhufanii ibaadaa nabiirraa gaafatan, yeroo isaanitti himame tan ufii tuffatan, mee nuti nabirraa eessa jirra? kan wanni dabreefii booda aanes isaaf araaramame jedhan, tokkoon isaanii ani zalaalam halkan nin salaata jedhe, kuun ani zalaalam ninsoomana walitti dhaabee kan hinfurre jedhe, kuun ani dubartirraan fagaadha hinfuudhu jedhe, nabiin gara isaaniitti dhufee isinii warri waan akkanaa akkanaa jedhe? ammoo ani Rabbitti kakadhee isinirraa kan haalaan rabbi sodaatee eeggatu, ammoo ani ninsoomana ninfurasi, ninsalaatasii ninrafasi, dubartis ninfuudha, namni sunnaa kiyyarraa maqe narraayii miti" bukhaarii 5063.
sunnaa qabachuu keessatti balaa jallinaarraa nagaya bahuu azaaba laaleessaa jalaa nagaya bahuutu jira. Rabbiin akkana jedhe "warreen ajaja isaa faalleessan haasodaatanii mokkaraan isaantuquu yookaa azaabni laalessaa tahe isaan tuquu" nuur 63
sunnaa hordofuufii qabchuu keessa milkii ganda lameenii adduniyaafii aakhiraattu jira, Rabbiin akkana jedhe "namni Rabbiifii ergamaa isaa tole jedhe