barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota hojjachuufii hiree barbaaduu.

barnoota kana keessatti hiikkaa hojjachuufii hiree barbaaduu baratta. seeraafii naamusa kanatti rarraus ni hubatta.

  • hiikkaa hojjachuufii hiree barbaaduu.
  • seeraafii naamusa hojiin walqabattu barachuu.

barbaachisummaa qabeenyaa.

ilmi namaa jiruu isaatiif barbaachisoo bu'uraa argachuuf maallaqatti haajama. kanneen akka nyaata, dhugaatii, mana, uffata, fi kkf. akkuma faaydaalee jiruu isaa tolchu hedduu maallaqaan argatutti. islaamummaan qabeenya itti yaade. akkaataa itti horataniifii baasanittis seera kaaye.

hiikaa hojiifii rizqii barbaachuu.

hojiifii rizqii barbaachuu yeroo jedhamu hunda tooftaaleefii hojii namni dalagee ittiin qabeenyaafii waan jiruun isaa ittiin dhaabbattu argatu jechuudha.qonna, daldala, hojii warshaa fii kkf dha.

murtii hojjchuufii rizqii barbaaduu.

١
hojjachuufii rizqii barbaaduun haala garii keessatti dirqama taha. akka waan jiruu isaatiifii maatii isaatiif barbaachisu barbaaduu, nama qallabuun isarratti dirqamaa qallabuuf, yookaa deeynii mugoota isarra jiraatee kafaluuf. harka namaarraa ugqabuuf jecha.
٢
hojjachuun yoo ibaadaa sunnaatiin dhaabbatu tahe jaalatamaa taha. akka hiyyeessa gargaaruufii fira maxxansuu.
٣
hijjachuun hayyamamaa taha yoo waan Rabbiin hayyametti qananiuuf tahe. akka nyaachuu dhuguu uffachuufii kanneen kana fakkaatan. hayyamamoo haajaa bu'uraarra dabalan.
٤
yoo meeshaa haraamitti fayyadaman haraam taha, yookaa dirqamoota ibaadaa yoo dhiibe, yookaa haraam keessa yoo nama buuse.
٥
yoo waan himame kanaan ala tahe hojiin jibbamaa taha, akka ibaadaa sunnaalee ibaadaarraa nama heewasuu.

yoo hojjachuun walittiin dhaaddachuufii dorgommii boonaa tahe jibbamaadha. garii ulamaa'ii biratti haraam taha.

muslimni rizqii barbachaaf carraaqu hundi barnoota kanatti rarra'u barachuu qaba, seraa hojii qabeenyaa barachuun, akka seera bittaa, kireysuu, sharikaalee, dhalaa, fii kkf seera hojii guutuu baree akka yeroo hojjatu haraam keessa hinbuune ufeegachuu qaba.

naamusa hojiifii rizqii barbaachaa.

1- namusa hojiifii rizqii barbaachaa kandirqama tahe. fardii ibaadaa Rabbii tandirqamaa takkallee laaffisuu dhabuu. inumaa karoora yeroo isaa ibaadarratti hundeessuu qaba.

2- namusa dirqamaaraa hojiifii carraaqni isaa nama biraa kan rakkisu tahuu dhabuu. walrakkisuun dhoowwaadha waan taheef.

3-hojii isaatti toltuu niyyachuu, akka ufiifii maatii isaa kadarraa tiiysuu, qabeenya ibaadarrattiin gargaaramuu, yaanni isaa walitti qabee ittiin dhaaddachuufii boonuu akka hintaane. yookaan haala fokkatoo kana fakkaatan akka hintaane.

yoo muslimtichi rizqii barbaacha keessatti niyyaa isaa qulqulleessee, irraa sadaqachuun niyyate hojii isaa kana keessatti ibaadatti lakkaawamaaf. sadarkaa guddaa ittiin argata nabiin s.a.w. akki jedhan "namni Rabbi biratti jaalatamu nama nama fayyade". awsax xabraanii 6062.

4- hojiifii maallaqa barbaaduun jiruu kaaniin walmadaaluu qaba. carraaqni karaa ittigeessu malee kaayoo miti. salmaan abbaa dardaa'iin akki jedhe "Rabbiin kee haqa sirraa qaba, lubbuun tee haqa sirraa qabdi, maatiin kee haqa sirraa qaba, warra haqa qabu hunda haqa isaa kenniif. nabitti s.a.w. dhufee dubbii tana ittihime, nabiin salmaan dhugaa baane" jedhe. bukhaarii 1968.

5- rizqii barbaacha keessatti Rabbirratti irkachuu, hiikkaan irkachuu sabaaba karaa tahe hojjachaa qalbiin Rabbirratti irkachuudha.

6- namni rizqiin Rabbuma qofarraa akka argamtu dhuga'oomsuu barbaachisa. dalagaan qoftiin horii hinfiddu. namni hojjatee dhabu hedduudha. ogummaa isii Rabbumaatu beeka.

7-waan Rabbiin isaa qoodee jaalachuu. rizqii narraa turte jedhee hiraaruu dhabuu. rizqiin hanga isaatiifii yeroo isaatiin wajji Rabbirraa murtaayee jira. muslimni naamusaafii kabajaan rizqii barbaaddata. waan Rabbiin isaa qoode nijaalata. haalaal barbaada, haraam irraa fagaata.nabiyyiin s.a.w. akki jedhe " Yaa ilmaan namaa Rabbi sodaadhaa, hojii teessan tolchaa, lubbuun takkallee rizqii isii fixxu malee hinduutu osoo irraa turtellee. Rabbi sodaadhaa barbaacha rizqii tolchaa. halaal qabadhaa haraam dhiisaa" ibnu maajah 2144

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi