barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota hiikkaa salaataatiifii sadarkaa isii.

salaanni islaamummaa keessatti sadarkaa guddaa qabdi, isiin ruknii utubaa islaamaati, jiruu muslimaa keessattis utubaa guddaadha, barnoota kana keessatti hiikkaa salaataa sadarkaafii caalmayinna isii baratta.

kaayyoohiikkaa salaataa baruu.sadarkaa salaanni islaamummaa keessati qabdu baruu.sadarkaafii yaachisummaa salaataa baruu.

hiikkaa salaataa

hiikkaan salaataa akka afaaniitti kadhaadha. salaanni jidduu gabrichaafii Rabbii isaa walitti hiiti. hiikkaa gabrummaa cimtuu ufkeessaa qabdi. rabbitti waywaachuufii isatti gargaarsifachhu ufkeessaa qabdi. salaata keessatti Rabbi kadhata, isaan maqoowa, isa faarsa. lubbuun isaa niqulqullooyti, maalummaa isaatiifii maalummaa duniyaa irratti jiraatuu tana niyaadata. guddinna Rabbii isaa rahmata inni isaa godhe yaadata.yeroo san salaanni diin Rabbiirratti isa gadi jabeessiti, zulmii, badiifii dilirraa isa fageessiti, Rabbiin akkana jedhe "salaanni baalagummaafii badii fokkaturraa nama dhoowwiti" ankabuut 45.

sadarkaa salataa

salaannii ibaadaa qaamaa keessaa isii guddoodha, isiin ibaadaa walitti qabattuudha qalbii(onnee), aqlii(sammuu) fi arraba. jabinni salaataa waa hedduu keessatti mullata, san keessaa:

1. Utubaalee islaamaa kheeysaa lammaffaadha, akkuma ergamaan Rabbii SAW je'an: islaamummaan waa shan irratti ijaaramte: Haqaan gabbaramaan Allaah malee hin jiru je"anii Ragaa Bahuudha, salata gad dhaabuudha... (bukhaarii 8, Muslim 16) . utubaan jaarmiyaa hundee inni irratti irkatu kan isii malee jarmiyni hin dhaabanne.

2. Isiin gargar baaftuu muslimootaa fi gantootaati, Akkuma ergamaan Rabbii "SAW" jedhan: "Qabatamaan Namtichaa fi shirkii jidduu Salaata dhiisuutu jira". (muslim82). ammas akkana jedhe: "waadaan nuu fi Jara jidduu jiru salaata: namni isii dhiise dhugumatti kafare" (tirmizii 2621, nasa'ii 463).

3 Rabbiin Guddatee ol tahe akka isii tiiyfannu nu ajaje akka marattuu, imala keessattii fi hogguu biyya jirrus, yeroo dhukkubaatii fi yeroo Fayyaatis, Akkuma dandeettiitti salaatamti (sagadamti) akkuma Rabbiin Ol tahe jedhe: (...........) (al baqraa 238) rabbiin Gabroottan isaa mu'umintoota akkana jedhee ibse, "isaan warra salaata isaaniirratti tiyfattoota tahani".muiminuun 9

caalmayina salaataa.

caalmayina salaataa keessatti ragaaleen qur'aanaafii hadiisaa hedduutu dhufe, san keessaa:

1- dilii namarraa hayxi. nabiin s.a.w. akki jedhe "salaanni shanan jum'aan hanga jum'aatti ramadaanni hanga ramadaanaatti waan isii jiddutti tahe dilirraa namarraa hayxi waan gurguddoon hin hojjataminiin" muslim 233 tirmizii 214.

2- isiin ifaa muslimaati jiruu isaa hunda isaaf ibsiti, toltutti isa yaamtee hamturraa fageessiti, Rabbiin akkana jedhe "salaanni baalagummarraafii dili jibbamturraa nama dhoowwiti" ankabuut 45. nabiin s.a.w. akki jedhe" salaanni ifaadha" muslim 223.

3- isiin dura waan gabrichi irraa gaafatamuuti guyyaa qiyaamaa, yoo isiin tolte hojiin isaa tan haftes niqeebalamti, yoo isiin deeffamte hojiin haftes nideeffamti, nabiin s.a.w. akki jedhe guyyaa qiyaamaa jalqaba wanni gabrichi irraa qoratamu salaata, yoo isiin tolte hojiin isaa tan haftes nitolti...". muijamul awsax kan xabraanii 1859.

salaanni irra mi'ooytuu yeroo gabrichaati, waan Rabbii isaatiin maqoo baheef jecha. Rabbiin booharuu, tasgabbiifii gammachuu argata.

isiin irra gammachiistuu nabiiti, nabiin s.a.w. akki jedhe "gammachuun ijatiyyaa salaata keessa naagodhamte". nasaaii 3940

salaanni boqannaa nabiiti s.a.w.

nabiin s.a.w. mu'azzina isaa kan salaatatti ummata yaamu bilaal binu rabaahiin akkana jedhe "yaa bilaal salaata iqaamaa godhii isiin nugammachiisi". abuudaawud 4985.

nabiin s.a.w. yeroo waayeen tokko isa yaachise isatti ulfaate gara salaataatti gora abuudaawuud 1319

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi