kutaan ammaa model
Barnoota hiikkaa salaataatiifii sadarkaa isii.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
hiikkaa salaataa
salaannii ibaadaa qaamaa keessaa isii guddoodha, isiin ibaadaa walitti qabattuudha qalbii(onnee), aqlii(sammuu) fi arraba. jabinni salaataa waa hedduu keessatti mullata, san keessaa:
2. Isiin gargar baaftuu muslimootaa fi gantootaati, Akkuma ergamaan Rabbii "SAW" jedhan: "Qabatamaan Namtichaa fi shirkii jidduu Salaata dhiisuutu jira". (muslim82). ammas akkana jedhe: "waadaan nuu fi Jara jidduu jiru salaata: namni isii dhiise dhugumatti kafare" (tirmizii 2621, nasa'ii 463).
3 Rabbiin Guddatee ol tahe akka isii tiiyfannu nu ajaje akka marattuu, imala keessattii fi hogguu biyya jirrus, yeroo dhukkubaatii fi yeroo Fayyaatis, Akkuma dandeettiitti salaatamti (sagadamti) akkuma Rabbiin Ol tahe jedhe: (...........) (al baqraa 238) rabbiin Gabroottan isaa mu'umintoota akkana jedhee ibse, "isaan warra salaata isaaniirratti tiyfattoota tahani".muiminuun 9
caalmayina salaataa.
1- dilii namarraa hayxi. nabiin s.a.w. akki jedhe "salaanni shanan jum'aan hanga jum'aatti ramadaanni hanga ramadaanaatti waan isii jiddutti tahe dilirraa namarraa hayxi waan gurguddoon hin hojjataminiin" muslim 233 tirmizii 214.
2- isiin ifaa muslimaati jiruu isaa hunda isaaf ibsiti, toltutti isa yaamtee hamturraa fageessiti, Rabbiin akkana jedhe "salaanni baalagummarraafii dili jibbamturraa nama dhoowwiti" ankabuut 45. nabiin s.a.w. akki jedhe" salaanni ifaadha" muslim 223.
salaanni irra mi'ooytuu yeroo gabrichaati, waan Rabbii isaatiin maqoo baheef jecha. Rabbiin booharuu, tasgabbiifii gammachuu argata.
isiin irra gammachiistuu nabiiti, nabiin s.a.w. akki jedhe "gammachuun ijatiyyaa salaata keessa naagodhamte". nasaaii 3940
nabiin s.a.w. mu'azzina isaa kan salaatatti ummata yaamu bilaal binu rabaahiin akkana jedhe "yaa bilaal salaata iqaamaa godhii isiin nugammachiisi". abuudaawud 4985.
nabiin s.a.w. yeroo waayeen tokko isa yaachise isatti ulfaate gara salaataatti gora abuudaawuud 1319