kutaan ammaa model
Barnoota mata dure salaata keessatti khushuu'a godhu.
Waayee barnootaa
kaayyoo
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
inni hundeefii dhama salaataati. hiikkaan isaa yeroo salaatan qalbiin namaa dhihaattee Rabbi yaadachuudha. ufgadiqabuun waan qaraaayata zikriifii du'aa'ii hiikkaa isii yaadachaa qalbiin jala deemuu jechuudha.
qabiin uf gadiqabanii salaatuun ibaadaa gurguddorraayi, tanaaf Rabbiin qur'aana keessatti bifa muslimtootaa hangafa jedhee ibse. Rabbiin akkana jedhe "muimintoonni milkaawan, kan salaata isaanii qalbiin ufgadiqabanii salaatan". mu'iminuun 1-2
namni qalbiin ufgadiqabee salaate mi'aa iimaanaafii ibaadaa argata. kanaaf nabiin s.a.w. akki jedhe "gammachuun ijatiyyaa salaata keessatti naaf godhamte".nasaa'ii 2940 gammachuu jechuu boqannaa qalbii mi'aa boohartii jechuudha.
waan salaata qalbiin ufgadiqabanii salaaturratti nama gargaaraa.
kuni dhiirti yeroon dursanii gara masjiidaa deemuu. sunnaalee salaata duraa fiduu. uffata bareeda malu uffachuu. suutaafii ufgadiqabiinsaan isitti deemuudha.
waan isa heewasu tan akka suuraa adda addaa ufdura kaayee salaatuudhabu. yookaa sagalee isa shaagalu dhagayaa salaatuu dhabuu. osoo mana fincaanii dhaquun isaqabee jiruu salaatti seenuu dhabuu. isaa beelayee dheebote nyaataa dhihaate biratti tahuu dhabuu. kuni hundinuu akka sammuun nama salaatuu qulqullooytuufi. gara salaata guddaa kanaa kan isa keessatti Rabbiin haasawutti yaada guutuun deebi'uufi.
nabiin s.a.w. salaata keessa gadidhaabbata hanga lafeen hundi bakka isaatti deebiutti. nama salaata jarjarsu suuta suutaan oofutti ajaje. jarjarsurraa dhoowwe. qufqufii harraagessaatti fakkeesse.
nabiin s.a.w. akki jedhe irrahamaan hanna keessatti kan salaata isaa hatu. yaa ergamaa Rabbii akkamitti salaata hata? jennaan. rukuu'aafii sujuuda isii hinguutu jedhe. ahmad 22642. namni salaata isaa keessatti xumaaniinaa hingoone khushuu'aan salaatuu hinargatu. jarjarsuun khushuu'a balleesiti. qufqufiin harraagessaa sawaaba nama dhoowwiti.
guddinaafii kabajaa Rabbii isa fuula dura dhaabbatuu yaadachuu. inni hiyyeessaafii miskiina isaa tahuu yaadachuu. ufgadiqabee ufxiqqeessee, badhaasa jannataa kan Rabbii muimintootaaf guyyaa qiyaamaa qopheesse yaadachuu, azaaba kaafiraaf qophaaye yaadachuudha. dhaabbatiinsa fuuldura Rabbii yaadachuudha.
qur'aanni akka xiinxallinuuf buufame. Rabbiin akkana jedhe "kitaaba nuti isa sirratti buufne akka aayata isaa xiinxallaniif, akka warri qalbii qabu ittiin gorfamuuf". saad 29