barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata dure salaata keessatti khushuu'a godhu.

ibsa khushuuini lubbuu salaataati, inni bifa isii keessaa tan irracaaltuuti, barnoota kana keessatti hiikkaa khushuu'aatiifii waan isarratti nama gargaaru baratta.

kaayyoo  hiikkaa khushuu'a salaata keessaa baruu.                waan khushuu'arratti nama gargaaraa baruu.

salaata qalbiin salaatuu.

inni hundeefii dhama salaataati. hiikkaan isaa yeroo salaatan qalbiin namaa dhihaattee Rabbi yaadachuudha. ufgadiqabuun waan qaraaayata zikriifii du'aa'ii hiikkaa isii yaadachaa qalbiin jala deemuu jechuudha.

qabiin uf gadiqabanii salaatuun ibaadaa gurguddorraayi, tanaaf Rabbiin qur'aana keessatti bifa muslimtootaa hangafa jedhee ibse. Rabbiin akkana jedhe "muimintoonni milkaawan, kan salaata isaanii qalbiin ufgadiqabanii salaatan". mu'iminuun 1-2

namni qalbiin ufgadiqabee salaate mi'aa iimaanaafii ibaadaa argata. kanaaf nabiin s.a.w. akki jedhe "gammachuun ijatiyyaa salaata keessatti naaf godhamte".nasaa'ii 2940 gammachuu jechuu boqannaa qalbii mi'aa boohartii jechuudha.

waan salaata qalbiin ufgadiqabanii salaaturratti nama gargaaraa.

1- salaataaf dursanii qophaawuu.

kuni dhiirti yeroon dursanii gara masjiidaa deemuu. sunnaalee salaata duraa fiduu. uffata bareeda malu uffachuu. suutaafii ufgadiqabiinsaan isitti deemuudha.

2-waan nama heewasu hunda ufirraa fageessuu.

waan isa heewasu tan akka suuraa adda addaa ufdura kaayee salaatuudhabu. yookaa sagalee isa shaagalu dhagayaa salaatuu dhabuu. osoo mana fincaanii dhaquun isaqabee jiruu salaatti seenuu dhabuu. isaa beelayee dheebote nyaataa dhihaate biratti tahuu dhabuu. kuni hundinuu akka sammuun nama salaatuu qulqullooytuufi. gara salaata guddaa kanaa kan isa keessatti Rabbiin haasawutti yaada guutuun deebi'uufi.

3-xumaaniinaa salaataa.

nabiin s.a.w. salaata keessa gadidhaabbata hanga lafeen hundi bakka isaatti deebiutti. nama salaata jarjarsu suuta suutaan oofutti ajaje. jarjarsurraa dhoowwe. qufqufii harraagessaatti fakkeesse.

nabiin s.a.w. akki jedhe irrahamaan hanna keessatti kan salaata isaa hatu. yaa ergamaa Rabbii akkamitti salaata hata? jennaan. rukuu'aafii sujuuda isii hinguutu jedhe. ahmad 22642. namni salaata isaa keessatti xumaaniinaa hingoone khushuu'aan salaatuu hinargatu. jarjarsuun khushuu'a balleesiti. qufqufiin harraagessaa sawaaba nama dhoowwiti.

4- isa fuula isaa dura dhaabatu guddina isaa yaadachuu.

guddinaafii kabajaa Rabbii isa fuula dura dhaabbatuu yaadachuu. inni hiyyeessaafii miskiina isaa tahuu yaadachuu. ufgadiqabee ufxiqqeessee, badhaasa jannataa kan Rabbii muimintootaaf guyyaa qiyaamaa qopheesse yaadachuu, azaaba kaafiraaf qophaaye yaadachuudha. dhaabbatiinsa fuuldura Rabbii yaadachuudha.

namni salaatu Rabbiin isa arga, isa dhagaya, isaaf awwaata, isaaf kennaa beekukhushuuini hanguma cimina yaadannoo isaatiin isaaf argama. warra Rabbiin faarse keessa seenutti dhihaata. Rabbiin akkana jedhe "isiin (salaanni) ulfaattuudha warra Rabbi sodaatanirratti malee, isaanna isaan Rabbii isaaniitiin walitti dhufoodhaa hubatan malee, isaan gama isaa deebi'oodhaa hubatan malee". baqaraa 45-46

5-aayata qara'amuufii zikriiwwan salaata keessaa xiinxalluu itti hojjatamuu.

qur'aanni akka xiinxallinuuf buufame. Rabbiin akkana jedhe "kitaaba nuti isa sirratti buufne akka aayata isaa xiinxallaniif, akka warri qalbii qabu ittiin gorfamuuf". saad 29

akkamitti xiinxallama

xiinxalluun nama salaatuuf hintahu yoo hiikkaa ayata du'aa'ii fii zikrii qarauu beeke malee. yeroo san xiinxalluu dandaya eessa akka jiruufii maalirra akka jiru. hiikaa aayataafii zikrii sanii laalee bakka isaatiin walmadaalchisee. achirraa khushuu'aafii ufgadiqabuun sodaan uumama, ijji isaa booyuunis nimala. akka nama duudaa jaamaatti osoo hinxiinxalline aayatni irra hindabartu. Rabbiin akkijedhe "isaanoowwan yeroo aayata Rabbiitiin yaadachiifaman jaama duuda tahanii irra hindabrini". furqaan 73

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi