barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree zakaa maalummaafii ergama isii.

ibsa zakaan roga sadaffaa arkaana islaamaati, barnoota kana keessatti hiikkaa isii kaayyoo isiitiifii ogummaa ajajma isii baratta.

kaayyoo                   hiikkaa zakaa baruu.                   kaayyoo zakaan ajajamteef baruu.                   warra zakaa fudhatu baruu.

zakaa

zakaan roga sadaffaa islaamaati, isiin dirqama qabeenya keessa kaayame. kan Rabbiin qabaattonni harka beekamaa taheen qabeenya isaaniiraa qoodanee rakkataa hiyyeessaafii kkf akka gargaaran ajajeedha. isiin waggarraa kennamti.

kayyoo zakaa

1- qabeenya jaalachuun xabiiaa ilma namaati. tanaaf nijabbeeffata. lubbuu namaa fokkinna doynummaaraa qulqulleessuuf Rabbiin zakaa baasuu dirqama godhe. rakkoo jaalala duniyaa ummatarraa wal'aanuuf. Rabbiin akkana jedhe "qabeenya isaaniirraa sadaqaa isaan qulqulleesitu tan isaan xahaartu irraa fuudhi..." tawbah 103

2- zakaa kennuun hariiroo ummataati tolcha, lubbuun ilma nama nama isiitti tola oole jaalachurratti kaayamte. kanaan maatiin hawaasa muslimaa waljaalachaa walqabachaa jiraatan. akka gidaara jabaa tokkootti waljajjabeessanii jajjabaatan. yakki hannaafii saaminaa nixiqqaatti.

3- zakaan gabrummaa Rabbii namaaf mirkaneessa. Rabbiif ajajmuu namaaf guuta, qabaataan yeroo zakaa qabeenya isaa baasu ajaja Rabbii hojirra oolacha, ajaja isaati raawwata, isii baasuu keessatti galata Rabbii isaa kennee galchuutu keessa jira. Rabbiin galata sanirratti mindaa isaaf galcha. Rabbiin akkana jedhe "yoo nagalatoonfattan isiniifin dabala". ibraahiim 7.

4- isii kennuudhaan gargaarsi hawaasummaa walqabachuun sabaa argamti. isii baasuudhaan sirni gareen takka qabeenya tuullattee hawaasni guddaan biraa rakkachuu dhabama. akkuma Rabbiin jedhe "qabeenyi dureeyyii isinirra tahe qofa jidduu deddeebituu akka hintaaneef..." hashri 7.

zakaan eenyuuf qoodamti?

seerri islaamaa nama zakaan qoodamtuuf ibsee jira. garee sanirraa tokkof kennanis nitaha, hedduuf adda qoodanis nitaha. akkasuma waldayaafii dhaabbata tola oolaa islaamaa kan rakkataa biraan gayutti baasuunis nitaha. irra caalaan biyyuma keessa jiranitti baasuudha.

warreen zakaan kennamuuf (kanneen isii haqa godhatan).

١
hiyyeyyii: hiyyeesa hedduu inni nama homaa hinqabne. yookaa waan waggaaf isaa barbaachisu cinaa gadi ka argatu jechuudha.

Rabbiin warra zakaan kennamtuuf yeroo ibsu akkana jedhe "sadaqaan (zakaan) hiyyeeyyiif, rakkattootaafi, warreen isirra haojjataniifi, warra qalbiin laafteefi, warra gabrummaarraa bahuuf, deeynawaafi, qabsaawota karaa Rabbiitiifi, kara deemaafi" tawbaa 60

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi