barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota gabbaramaa haqaa tahuu Rabbiitti amanuu.

mirkaneessanii dhugaoomsuudha Rabbiin kan ibaadaa mul'attuuf dhokattu hunda haqa godhate isa jedhani.

-hiikkaa gabbaramummaa Rabbii beekuu.-barbaachisummaa gabbaramummaa Rabbii beekuu.

hiikkaa gooytummaa Rabbiitti amanuu.

Rabbiin kan ibaadaa hunda haqa godhate isa qofa jedhanii dhuga'oomsuudha.ibaada hunda Rabbiif qulqulleessuudha. tanneen akka kadhaa,sodaa, irkannoo, gargaarsifannaa, salaata, zakaa, soomana,. kan haqaan gabbaramu Rabbi malee hinjiru.Rabbiin akkana jedhe "gooftaan keessan gooftaa tokko haqaan gabbaramaan isa malee hinjiru, inni rahmata godhaadha. baqaraa 163

Rabbiin gooftaan gooftaa tokko tahuu ibseera.gabbaramaa tokkicha isa malee gabbaramaa qabaachuun hintahu, isa malee kanbiroo hingabbaramu.

Dhugaan gabbaramaan keesan Allaah Isa Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jirre qofaInni waan hunda beekumsaan wal ga’eera. xaahaa 98

gooftummaa Rabbiitti amanuun akkaan barbaachisaadha.

gooftummaa Rabbiitti amanuun akkaan barbaachisaa tahuun karaa hedduun mul'atti.

1- inni hoonga namaafii jinniin isaaf uumamani.

jarri lachuu Rabbi tokkichoomsanii isa gabbaruuf malee waan biraatiif hin uumamne. Rabbiin akkana jedhe "namaafii jinnis haa nagabbaraniif malee (waan birootiif) hin uumne. zaariyaat 56

2 immaanni kuni kan anbiyoonni ergamaniifis isa.

kitaabbiileen samii kan buufamaniifis. wanni kanarraa barbaadame Rabbiin gabbaramaan haqaa isa tahuu mirkaneessuu, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafaruu, Rabbiin akkana jedhe "Gooftaan keessan gooftaa tokko, namni walitti dhufiinsa Rabbii isaa kajeelu hojii gaarii haa hojjatuu, gabbariinsa Rabbii isaatti tokkollee hinqindeessin" alkahfi 110

akkuma dhaamsa nabii keessatti dhufetti kan mu'aaz ibnu jabaliif yeroo yamanitti ergu dhaamsa godhe keessatti, akkana jedheen "ati ummata warra kitaabaatti dhayxa, durri waan ati itti isaan yaamtuu Rabbi gabbaruu haatahuu" bukhaarii1458 muslim 19

3.inni dirqama duraa kan namarra jiru.

4.gooytumma Rabbiitti amanuun inni erga hiikkaa laa ilaaha illallaahuuti.

ilaah jechuun gabbaramaa jechuudha, kan haqaan gabbaramu Rabbi malee hinjiru, gosa ibaadaarraa takkalleewu isaaf malee hingoonu.

5.gooytummatti amanuun inni hiikkaa Rabbiin kan uumu isa kan taligu isaa kan dhuunfatu isaa jechuuti.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi