barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota maqaaleefii sifaata Rabbiitti amanuu

qur'aanni gabroottan Rabbii isaaniitiin walbarsiisaa, akka maqaaleefii sifaata isaatiin Rabbi beekan ajaja. kana aayata heddutti irra deddeebi'a, muslimni Rabbii isaa akkasitti beekee beekkomsarratti isa gabbaruu qaba.

tawhiida maqaafii sifaataa baruu,amantii warra sunnaafii jamaa'ah waayee maqaafii sifaataa baruu.maqaalee Rabbii garii hiikkaa baruu

maqaaleefii sifaata Rabbii baruu.

qur'aanni gabroottan Rabbii isaaniitiin walbarsiisaa, akka maqaaleefii sifaata isaatiin Rabbi beekan ajaja. kana aayata heddutti irra deddeebi'a, muslimni Rabbii isaa akkasitti beekee beekkomsarratti isa gabbaruu qaba.

muslimni sifaatarraa waan Rabbiin kitaaba isaa keessatti mirkaneesse, yookaa nabiyyiin hadiisa isaa keessatti mirkaneessetti akkaataa isaan malutti ni amanan,

Rabbiif maqaalee gaggaariifii sifaata babbareedootu jira, maqaaleefii sifaata isaa keessatti fakkaataa hinqabu....

"jedhiin allaaha kadhadhaa yookaa Rahmaan kadhadhaa kama fetaniinuu kadhattan isaaf magaalee gaggaariitu jira".

asitti maqaalee Rabbii gaggaarii irraa garii finna.

Rahmaan Rahiim (rahmata godhaa, tola oolaa)

maqaaleen kuni lamaan kan Rabbiin bantuu kitaaba isaa ittiin jalqabe. kan dura Rabbiin gabroottan isaatti uf beeysiseeni, mata duree mul'ataa jalqaba suuraa hundaati taasise, qajeelloofii ibsa qur'aanaa jalqabuuf jecha keenya (bismillaahi Rahmaani Rahiim)n taha.

Rabbiin keenya lubbuu isaarratti rahmata murteesse, Rahmanni isaa waa hundarra bal'atte, Rahmanni uumamtoonni waliif godhan, rahmanni haati ilmoofgootu, nyaata uumamtootaaf laaffisuun, hundinuu faan Rahmat Rabbiin uumamtoota isaatii godhu. Rabbiin akkana jedhe "mee gara faana Rahmata Rabbii laali dachii du'a isii booda akkamitti akka jiraachisu" ruum 50

umar binu khaxxaab irraa odeeffamee " nabitti boojuun dhufte haati takka tan harma hoosiftu boojuu san keessa jirti turte, achuma keessatti ilmoo isii xiqqoo argatte, itti fiiydee fudhttee garattii maxxanfattee harma hoosifte, nabiin s.a.w. laalee akkana jedhe " isiin tuni ilmoo isii tana ibiddatti nidarbitii? jedhe? lakki waan dandeysuun hindarbituu jenneen, "Rabbiin hanga isiin ilmoo isiitii rahmata goote kana caalaa gabroottan isaatiif rahmata" jedhe. bukhaari 5999 muslim 2754

-

Rahmanni Rabbiiwaan birooti kan irra guddaati, isiin fakkeessaa fii shalaggii hundarra guddoodha, gabroonni osoo bal'inna Rahmata Rabbii beekanii silaa Rahmata isaarraa garaa hinmuratan ture.

Rahmanni Rabbii gosa lama.

١
Rahmata uumaamtoota hundaati, nama bineensa qaamota jiru adduniyarratti laaffisiinsi isaaniif argamu, Rabbiin kadhaa maleeykaarraa yogguu nuuf dubbatu akkana jedhe "yaa Rabbii keenya wahundarra Rahmaataafii beekkomsaan bal'attee jirta". gaafir 7.
٢
Rahmata muimintootaaf kophaa taate, isaaf ajajamuu isaaniif mijjeessa kheyrii isaaniif laaffisa, Rahmata isaatiin irratti isaan jabeessa, araaramaaf dhiifamaan rahmata isaa isaaniif guuta, ibiddarraa nagaya isaan baasee jannata isaan seensisa, Rabbiin akkana jedhe "mu'imintootaaf Rahmatagodhaa tahe, salaammannaan isaanii guyyaa isatti dhaqan salaam jechuudha, galata kabajamaa isaaniif qopheessee jira" ahzaab 43-44)

nabiin s.a.w. akki jedhe "nama tokkollee hojiin isaa jannata isa hinseensisu, atillee moo jennaan ee anillee yoo Rabbiin rahmata isaatiin nahagooge malee" jedhe. muslimtu odeessee 2818

gabrichi hanguma ibaadaan isaatiifii Rabbitti dhihaachuun isaa dabalaa deemeqoonni inni rahmata tanarraa argatu dabalaa deema. akkuma Rabbiin jedhe "rahmanni Rabbii warra ibaadaa Rabbii tolchanitti dighaattuudha."Airaaf 56

Dhagayaa Argaa.

Rabbiin sagalee hunda dhagaya, afaan waldhabuufii haajaan adda adda tahuun wajji, jechi lallabaniifii ta hasaasanis isa biratti tokkoma, yeroo gariin wallaaltotaa oduu isaan gadi qabatanii dhooyfatan Rabbiin hindhagayuu yaadan, Rabbiin isaaniin lolee isaan xixee aayata isaa kana buuse "sila isaan nuti icitii fii maqoo isaanii hindhageenyu sehanii, miti (nidhageenya) ergamtoonni keenyas isaan bira jiru, nibarreessanis". zukhruf 80

Rabbiin waan hunda arga osoo xiqqaattellee dhokattuun takkalleen isarraa hindhokattu, Nabi ibraahiim abbaa isaarratti morme waan inni taabota hindhageenyeefii hingarre gabbareef jecha, akkana jedheen akka qur'aanni ibsetti "yaa aabboo maaliif gabbarta waan hindhageenye, waan hingarre, kan waatakka sirraa hindeebifne?". maryam42.

aa

,,

,,

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi