kutaan ammaa model
Barnoota maqaaleefii sifaata Rabbiitti amanuu
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
maqaaleefii sifaata Rabbii baruu.
muslimni sifaatarraa waan Rabbiin kitaaba isaa keessatti mirkaneesse, yookaa nabiyyiin hadiisa isaa keessatti mirkaneessetti akkaataa isaan malutti ni amanan,
Rabbiif maqaalee gaggaariifii sifaata babbareedootu jira, maqaaleefii sifaata isaa keessatti fakkaataa hinqabu....
asitti maqaalee Rabbii gaggaarii irraa garii finna.
Rahmaan Rahiim (rahmata godhaa, tola oolaa)
umar binu khaxxaab irraa odeeffamee " nabitti boojuun dhufte haati takka tan harma hoosiftu boojuu san keessa jirti turte, achuma keessatti ilmoo isii xiqqoo argatte, itti fiiydee fudhttee garattii maxxanfattee harma hoosifte, nabiin s.a.w. laalee akkana jedhe " isiin tuni ilmoo isii tana ibiddatti nidarbitii? jedhe? lakki waan dandeysuun hindarbituu jenneen, "Rabbiin hanga isiin ilmoo isiitii rahmata goote kana caalaa gabroottan isaatiif rahmata" jedhe. bukhaari 5999 muslim 2754
Rahmanni Rabbiiwaan birooti kan irra guddaati, isiin fakkeessaa fii shalaggii hundarra guddoodha, gabroonni osoo bal'inna Rahmata Rabbii beekanii silaa Rahmata isaarraa garaa hinmuratan ture.
Rahmanni Rabbii gosa lama.
nabiin s.a.w. akki jedhe "nama tokkollee hojiin isaa jannata isa hinseensisu, atillee moo jennaan ee anillee yoo Rabbiin rahmata isaatiin nahagooge malee" jedhe. muslimtu odeessee 2818
gabrichi hanguma ibaadaan isaatiifii Rabbitti dhihaachuun isaa dabalaa deemeqoonni inni rahmata tanarraa argatu dabalaa deema. akkuma Rabbiin jedhe "rahmanni Rabbii warra ibaadaa Rabbii tolchanitti dighaattuudha."Airaaf 56
Dhagayaa Argaa.
,,
,,