barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota maalummaa jiruufii du'aa.

Rabbiin wanni nu uumee jiruu duniyaa tanarratti nu argamsiiseef nu qoratuufi. waayeen namaa du'aan hinxumuramu. garuu jiruu duniyaa ta qorannaattu xumurama. sanbooda akhiraatu jalqaba. bakka namni bu'aa hojii isaanii itti argatani. barnoota kana keessatti maalummaa du'aafii jiruu baratta.

maalummaa du'aafii jiruu barachuu.                 seeraafii naamusa du'atti rarrau barachuu.

maalummaa jiruufii du'aa.

duuti xumura waayee namaatii miti. garuu sadarkaa haarawa jalqaba jiruu guutuu aakhiraat. islaamummaan akkauma haqa jiruu namaa dhalootarraa kaasee seeraan kabaje. seera hayxi nama dueetiifii firaafii maatii isaa itti eegamu lafa kaayee jira.

Rabbiin jiruu duniyaa tana keessatti wanni nu'uumeef numokkoruufi, nuqoratuufi. Rabbiin akkana jedhe "(Rabbiin) isaa du'aafii jiruu uumekamii keessantu irra hojii tolchaa isin mokkoruuf" mulki 2. namni amanee rabbi sodaate jannata seena. namni jallinaafii badii filate ibidda seena.

jiruun ilma namaa duniyaa tana keessatti hangamillee dheerattu nidhumti. jiruu zalaalam tan dhuma hinqabne aakiratti. Rabbiin akkana jedhe "gandi aakhiraa isiitu jiruudha osoo kanbeekan tahanii". ankabuut 64

Rabbiin irra kabajamaa uumaa isaa nabi muhammadiin s.a.w. akka namni kamu du'utti akka inni du'u itti hime eegasii hundi Rabbi biratti walitti qabamee akka jiddutti murteeffamu itti hime. akkana jedheen "atis niduuta, isaanis du'oodha, eegasi isin guyyaa qiyqqmaa Rabbii keessan biratti walittifalamtan" zumar 30-31

nabiin s.a.w. fakkii isaatiifii nama hundaatuu duniyaa keessatti akka fakkii nama karaa deemu kan gaaddisa mukaatti boqatee, achi jala xiqqo rafee eegasii kaee deemeeti. nabiin s.a.w. akkana jedhe "naafii duniyaan maal waliiti? ani duniyaa keessatti akka nama karaa deemuuti, kan gaaddisa takka jalatti boqate, kan eegasii isii dhiisee deeme". tirmizii 2377 ibnu maajah 4109

akkuma Rabbiin dhaamsa nabi yaiquub ilmaan isaatiif dhaame nuuf odeessetti akkana jedhee " Rabbiin diin isiniif filee jira,isinii islaamawoo malee hindu'inaa" baqaraa 132.

namni tokkolleenuu qaaxaroon du'a isaa yoomii hinbeeku. eessattiis hinbeeku. tokkolleenuu jijjiiruu hindandayu. kanaaf namni waabeeku yeroo umrii isaa hunda toltuu ibaadaafii waan gaariin guutuu qaba.Rabbiin akkana jedhe " ummta hundaaf qaaxarootu jira. yeroo qaaxaroon isaanii geesse sa'aa takkas hindursan, boodas hin aansan". airaaf 34.

nama lubbuun isaa baatee due hunda qiyaamaan isaa dhaabbatte. gama aakhiraa deemsa jalqabeera. isiin beekkomsa fagoo kan namni akkaataa isii addaan babaasee sammuun beekuu hindandeenyeedha.

shari'aan seera ilma namaa akkuma dhalootarraa hanga guddinnaatti seera keesseefii irraa dubbattetti, yeroo duellee seera nama duee akkaataa haqa isaa ibsitee jirti. miira maatiifii fira isaallee waan eegu heertee jirti. galanni Rabbii diin nuuf guuteef haagayu. kan qananii nuuf guute. kan diin guddaa kanatti nuqajeelche.

seeraafii naamusa du'aan walqabatu.

1- yeroo sakaraataa.

namni dhukkubsataa gaafatu fayyaa isaf kadhata, akka dhukkubni sun dilii isaa irraa haqu kadhachuufii qaba. nabiin dhukkubsataan akki jedhe "laa baisa xahuurun inshaa Allaah". bukhaarii 3616.

yeroo dhukkubsataa gaafatan jecha bareedaa dhukkubsataa booharsu, kan fayyaa abdachiisu, tahuu qaba. carraa saniin dhukkubsataa gara diin yaamuu, Rabbiifii guyyaa aakhiraa isa yaadachiisuu barbaachisa. ogummaafii gorsa gaariin. nabiin kanaaf fakkii godhe. anas ibnu maalik akki jedhe mucaa yahuudaa tokko kan nabiin s.a.w. khaddamu ture, nidhukkubsate, nabiin s.a.w. itti dhaqee gaafate. mataa isaa bira taa'ee islaamayi jedheen. abbaa isaa kan isa bira jiru laale, abban isaa abbaa qaasim tole jedhi jedheen, mucaan ni islaamaye. nabiin s.a.w. isa biraa bahe haala kan jedhu taheen "galanni kan Rabbii ibiddarraa isa baraareeti". bukhaarii 1356.

2- nama ruuhiin bahaa jirtu shahaadaa qabsiisuu.

nama mallattoon du'aa irraa mul'attee ruuhiin bahuu jalqabde, jecha tawhiidaa yaadachiisuun gurrarratti jechuun barbaachisaadha. laa ilaaha illallaah irratti jedhan karaa laafaan. nabiin akki jedhe "du'aa keessan laa ilaaha illallah qabsiisaa". muslim 916

isiin irra caalaa waan namni jiruufii yeroo du'aatis jedhuudha. namni isiin jecha isaa kan boodaa taate milkii guddaa argate. nabiin s.a.w. akkana jedhe "namni jechi isaa kan xumuraa laa ilaaha illallaahu tahe jannata seena". abuudaawud 3116.

3- du'aaf deemaa qiblatti garagalchuu.

nama du'atti jiru qiblatti garagalchuun barbaachisaadha. nabiin s.a.w. akki jedhe "masgiinni makkaa qiblaa teessani jiruufii du'aanis". abuudaawuud 2875. cinaacha mirgaarratti ciibsaniiti fuula qiblatti deebisan akka lahdii keessaatti.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi