barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mata duree ta'iziyaafii gadda nama du'erratti

ibsa ta'iziyaa, nama duerratti gadduufii qabrii ziyaaruun naamusaafii seera mataa isaa dandaye qabdi. muslimtichi eeggatuu qaba. barnoota kana keessatti garii isii nibaratta.

kaayyoo  naamusa taiziyaatiifii qabrii ziyaaruu barachuu.

ta'iziyaa

balaa isaanitti buerratti warra namni irraa du'eefi fira isaa taaiziyaa godhuun sabbarsiisuun barbaachisaadha. jecha gaarii isaan sabbarsiisuun kan du'aaf araarama kadhaan keessa jirtuun. nabiin gaafa intala isaa zeynabirraa ilmoon duute akkana jedheen "wanni fudhate tama Rabbiitii, wanni kennes tama isaati, waahundi isa biratti qaaxaroo maqaa dhawamaa taheen taate. haa obsituu haa Rabbirratti hisaabbattuu". bukhaarii 1284 muslim 923

fira nama du'ee eega awwaalaniifii osoo hin awwaalles taaiziyaa godhuun nitaha.bakkayyuttu, mana qabrii, masjida, bakka hojii kkf hundattuu.

taaziyaa guddisanii sharaa dhaabuun, nyaata gamtaa godhanii itti wal afeeruun karaa nabiitiifii sahaabaatii miti. akkasuma isiin waan gammachuufii walitti qabamaafii afeerriin walsimaatuu miti gammachuu waan hintahiniif.

gadduufii gufufuu nama du'erratti.

booyinsi rahmata umaati, gaddaafii rifannoota ittiin ibsani. ilmi isaa ibraahiim duunaan nabiin nibooye" bukhaarii 1303 muslim 2315

nama du'erratti gadduu islaamummaan seera itti keesse:

١
booyicha ufdirquun, sagalee olfuudhanii booyuun dhoowwaadha. waan faallaa shari'aa kan akka ufkabaluu,uf tumuu, uffata dhoosuu, fii kanneen kana fakkatu hunduu haraami.
٢
dubartiin fira isii kan duerrattu gufufuun guyyaa sadihii ol dhoowwaadha, jaarsa isii malee isa ji'a afuriifii guyyaa kudhan gadditi.
٣
gufufa jaartii: dubartiin jaarsi irraa du'e yeroo iddaa keessa jirtu san seera kana qabdi:

zamanni iddaa tan jaarsi irraa du'ee

ji'a afuriifii guyyaa kudhani, yoo ulfa taate dayuudha.

,dubartiin yeroo iddaa du'a jaarsa isii keessa jirtu maaltu isirraa barbaachisa?

١
yeroo kana urgeeffaturraa faayaan bareechifachurraa uffata boonaarraa hinnaafii waan qaamaan miidhagsan hundarraa fagaachuu qabdi.
٢
uffata beekaamaa namni hundi uffatu uffachuu dandeessi, bifa fedheenuu haatahuu, waan uffata miidhaginaafii boonaa hintahiniin, qaama dhiqachuu rifeensa dhawachuu, halkan osoo hintahin guyyaa qofa haajaaf manarraa bahuu, nama alagaa hawatuun maletti haajaaf itti haasawuu nidandeessi.

ziyaaraan qabrii sadihitti qoodamti

١
ziyaaraa jaalatamtuu
٢
ziyaaraa hayyamamtuu
٣
ziyaaraa dhoowwamtuu

1- ziyaaraa jaalatamtuu

isiin ziyaaraa qabrii tan du'a, qabrii, ganda aakhiraa yaadachuuf taate, nabiin s.a.w. nijedhe "dur qabrii ziyaarurraan isin dhoowwee ture ammammoo ziyaaraa, oduu biraatti "isiin aakhiraa isin yaadachiifti" muslim 977 tirmizii 1054. isiin qabrii biyya san keessa jirtu ziyaaruudha. tan karaa deemsaafii yaabbiin keessa hinjirre. deemsi safaraa masgiida sadeenitti malee hintahu.

2- ziyaaraa hayyamamtuu.

ziyaaraa waan hayyamamaa taheef garuu tan du'a yaadachuun keessa hinjirre. ta waan haraam ufkeessaa hinqabne, akka qabrii firaa yookaa jaalallee ziyaaruuti osoo aakhiraa yaadachuu itti hin niyyatin.

3- ziyaaraa haraam dhoowwaa.

isiin ziyaaraa waan dhoowwaa tahe ufkeessaa qabdu. akka qabrirra taa'uu , irra deemuu, sagalee olfuudhanii iyyuu, ufkabaluufii uftumuu, yooka bid'aan wajji jiru. akka nama qabrii saniin kadhachuu, yookaa dhungachuufii barakaa irra barbaaduu. yookaa shirkii akka nama due san haajaa baasuu kadhachuu, isa dirmachiifachuu.

muslimni yeroo qabrii ziyaaru niyyaan isaa kanneen taati.

١
1ffaa aakhiraa yaadachuufii warra dabreen gorfamuu.
٢
2ffaa araaramaafi rahmata kadhataniifii du'atti tola ooluu. du'aan ittiin gammada akkuma namni jiraan yoo ziyaaranii waa kennaniif gammadutti.
٣
3ffaa namni ziyaaru mata isaatiif bu'aa buusa, sunnaa ziyaaraa hordofuufii ajrii argachuun.

yeroo qabrii ziyaaran irra deemuun yookaa irra taa'uun dhoowwaadha kabajaa nama du'ee saniif jecha. kana adaba isaa ibsee nabiin akki jedhe " tokkoon keessan qabrirra taa'urra barbadaa ibiddaarra taa'ee uffata isaa gubdee qaama isaatti dabruutu irra isaaf laafaadha" muslim 971

du'aaii yeroo qabrii ziyaaranii.

du'aa'ii yeroo qabrii ziyaaranii keessa "assalaamu aleykum daara qawmin muiminiin, wainnaa inshaa Allaahu bikum laahiquun," muslim 974. "assalaamu aleykum ahladdiyaar minal mu'iminiina walmuslimiin, wa innaa inshaa Allaahu lalaahiquun, wa yarhamullaahu almustaqdimiina minnaa wal mustaikhiriin, wa innaa inshaa Allahu lalaahiquun, as'alullaaha lanaa walakumul aafiyaa".muslim 975

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi