kutaan ammaa model
Barnoota seeraafii naamusa qaraatii qur'aanaa.
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
naamusa qaraatii qur'aanaa.
murtii hifzii qur'aanaa.
Aishaan nabiin s.a.w. akkana jedhan jette "fakkiin nama qur'aana qara'uu isa haffazee maleykaaleen kabajamoo ol'aanoo wajji taha".
murtii qur'aana qara'uu.
murtii callisanii qur'aana dhaggeeyfachuu.
hunda namaarratti qur'aanatti amanuufii itti hojjachuun dirqama, ajaj isaa raawwachuu, dhoowwaa isaarraa fagaachuu, seera isaatti hojjachuu, daangaa isaatti dhaabbachuun dirqama.
qur'aanaa qaraatirratti jajjabaachuun tiiyfachuun dirqama muslimaati.osoo qur'aanarraa waa hinqaraane guyyaan tokko isarra dabruu hinqabu, akka hin irraanfanneef jecha. Rabbiin akkana jedhe "ergaamaan Yaa Rabbi ummanni kiyya qur'aana kana oodamaa godhatan jedhe". furqaan 30
abbaa muusaarraa oddeeffame nabiyyiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "qur'aana kana tiiyfadhaa, Rabbii lubbuun too harka isaa jirtuun kakadhee isaatu gaala sakaallaa jirti caalaa futtifata (namarraa irraanfatama)". bukhaarii 5033