barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota seeraafii naamusa qaraatii qur'aanaa.

qur'aanni kabajamaan jecha Rabbiiti. namni isa qara'u naamusaafii kabajaa isaa beekuu qaba. seeraafii naamusoota kana garii asitti baratta.

seeraafii naamusa qur'aana kabajamaa beekuu.

murtii hifzii qur'aanaa.

١
qur'aana guutuu haffazuun fardii namni walirraa bakka bu'u, ummata hundarratti, yoo namni hangi barbaachisu haffazze kan hafe dilii jalaa nibaha.
٢
hundi namaa waan ittiin salaatu haffazuun dirqama mataatii suni faatihaadha.
٣
qur'aanarraa waanlaafe haffazuun muslimarratti barbaachisaadha, hanga dandayameen dabalachuun haalaan jaalatamaadha, sawaaba guddaa qaba.

Aishaan nabiin s.a.w. akkana jedhan jette "fakkiin nama qur'aana qara'uu isa haffazee maleykaaleen kabajamoo ol'aanoo wajji taha".

murtii qur'aana qara'uu.

nama muslimaatiif qaraatii qur'aanaa heddummeessuun barbaachisaadha, Rabbiin akkana jedhe "isaanoowwan kitaaba Rabbii qara'an, kan salaata gadidhaaban, mul'isanii dhooysanii waan nuti isaanii kenninerraa sadaqatan, warra daldala kasaaraa hinqabne kajeelaniidha".

murtii callisanii qur'aana dhaggeeyfachuu.

cal'isanii qur'aana dhaggeefachuun dirqama, salaata fardiitiifii khuxbaa jum'aa keessatti, Rabbiin akkana jedhe "yeroo qur'aanni qara'ame isa dhaggeefadhaa cal'isaa akka rahmanni isiniif godhamuuf". a'iraaf 204

bakka kanneeniin alattis callisanii qur'aana dhaggeeyfachuun barbaachisaadha, jaalatamaadha, naamusaafii kabajaa jecha Rabbiti waan taheef.

murtii qur'aanatti dalaguu.

hunda namaarratti qur'aanatti amanuufii itti hojjachuun dirqama, ajaj isaa raawwachuu, dhoowwaa isaarraa fagaachuu, seera isaatti hojjachuu, daangaa isaatti dhaabbachuun dirqama.

aliyyi nabiin akkana jedhan jedhe "namni qur'aana qara'ee haffazee halaal isaa qabatee haraam isaarraa fagaate, Rabbiin isaan jannata isa seensisa, maatii isaa keessaa nama kudhanif araarsaa isa godha, hunda isaanii kan azaabni itti murtaaye". tirmizii 2905

abba abdurrahaan irraa abdullaah irraa nijedhe "nabirraa ayata qur'aanaa kudhan yeroo baranne kurnan san booda buutetti hindabarru hanga waan isii keessaa barannutti".haakim 2047

Qur'aana qaraurratti jajjabaachuu fii dhiisuu dhabuu.

qur'aanaa qaraatirratti jajjabaachuun tiiyfachuun dirqama muslimaati.osoo qur'aanarraa waa hinqaraane guyyaan tokko isarra dabruu hinqabu, akka hin irraanfanneef jecha. Rabbiin akkana jedhe "ergaamaan Yaa Rabbi ummanni kiyya qur'aana kana oodamaa godhatan jedhe". furqaan 30

abbaa muusaarraa oddeeffame nabiyyiin s.a.w. akkana jedhan jedhe "qur'aana kana tiiyfadhaa, Rabbii lubbuun too harka isaa jirtuun kakadhee isaatu gaala sakaallaa jirti caalaa futtifata (namarraa irraanfatama)". bukhaarii 5033

naamusa qaraatii qur'aanaa.

qaraatiin qur'aanaa akka qeebalamtuu taatee sawaaba itti argataniif naamusa eegachuun barbaachisu qabdi. san keessaa kan qaraatii duraatiifii kan yeroo qaraatitti jiraniiti.

naamusa qaraatii qur'aanaa.

١
isii Rabbiif qulqulleessee jaalalaafii sawaaba Rabbii ittiin barbaaduu. Rabbii akkana jedhe "amantaa Rabbiif qulqulleessanii Rabbi gabbarutti malee waa hin ajajamne,". bayyinaa 5. kuni qaraatii duraafii yeroo qaraatitti jiranis barbaachisaadha.
٢
hadasa xiqqaafii guddarraayis qulqulleefachuu, Rabbiin akkana jedhe "qulqulleeffatoota malee isa hintuqan".waaqi'ah 79.
٣
afaan isaa karaa qur'aanaa waan taheef siwaakkatee qulqulleessuu, huzeyfarraa nabiin halkan yeroo salaata tahajjudaatiif ka'an afaan siwaakaan qulqulleessu".bukhaarii 1136, muslim 155
٤
yeroo qara'u qiblatti garagaluu isiin caaltuu kallattii waan taateef, abiihureyrarraa nabiin nijedhe "waahundi caalaa qabdii caalaat teessumaa qiblatti garagaluudha".xabraanii 2354 sanada bareeddaan.
٥
auuzu jechu Rabbiin akkana jedhe "yeroo qur'aana qaraate sheyxaana darbamarraa Rabbitti maganfadhu".nahli 98.
٦
jalqaba suuraarraa yoo qaraatii jalqabe bismillaahi rrahmaanii rrahiim qara'uu. anas akki jedhe guyyaa tokko nabiin wajjiin osoo taa'aa jirruu gaggaba xiqqaa tookko gaggabee

naamusa yeroo qur'aana qara'anii.

١
qur'aana suuta tolchee qara'uuRabbiin akkana jedhe "qur'aana suuta tochii qara'i qara'iinsa".muzammil 4.
٢
tajwiidaan sirreessee qara'uu. anas qaraatii nabiirraa gaafatamee akki jedhe "niharkisa, eegasii bismillaahirrahmaani rrahiim qara'e bismillaahii nidheeresse, Rahmaan nidheeresse, Rahiim nidheeresse".bukhaarii 5046
٣
sagalee tolfatanii qara'uu. baraa'i binu aazibirraa nabiin s.a.w. akkana jedhe "qur'aana sagalee keessaniin bareechaa". abuudawud 1468
٤
yeroo aayata rahmataa bira gaye rahmata kadhachuu, aayata azaabaa irratti azaabarraa maganfachuu, aayata tasbiihaa biratti tasbiiha godhuu, sujuudarra yoo dhufe sujuuduu, hadiisa huzeyfaa kan nabiin wajji salaatuu isaa ibsu keessatti akkana jedhe. "eegasii suuraa aala imraan banate niqara'e, suuta qara'a, aayata tasbiihaarra yogguu dhufe tasbiiha godha, aayata kadhaarra yeroo gaye nikadhata, aayata maganfannaarra yeroo dhufe nimaganfata". muslim 772.
٥
sujuuda qaraatiirra yogguu dhufan sujuuduun jaalatamaadha, aaisharraa nabiin sujuuda qur'aanaa salaata halkanii keessatti irra deddeebiee jedha, "fuulli kiyya sujuude Rabbii isa uumeefkan malaafii humna isaatii ijaafii gurra itti dhooseef".abuu daawuud 1414
٦
yeroo isa qara'u sodaa Rabbiitiifii ufgadi qabuu barbaachiisa Rabbiin akkana jedhe "kuni kitaaba barakeeffamaa nuti isa sirratti buufne, akka aayata isaa xiinxallaniif warri qalbii qabu akka ittiin gorfamuuf". saad 29

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi