barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota mirga ilmaanii

barnoota kana keessatti mirga ilmaan haadhaa abbaa irraa qaban baranna.

  • ilmaan isaanii kennuun haadhaa abbaa irratti tola Rabbiin oole ibsuu.
  • shari'aan qulqulluun guddisa ilmaaniitiif yaaddawuu ibsuu.
  • irra barbaachisaa mirga ilmaan haadhaa abbaa irraa qaban barsiisuu.

Rabbiin qalbii haadhaa abbaa hortee gaarii argachuu fi tan nageenyaa fi fayyaa qabdu hawwuu irratti uume, tun hawwii abbaa keenya Aadamii fi jaartii isaati nageenyi isaanirratti haa jiraatu, Rabbiin oltahe ni ja'e: Inni Isa lubbuu takka irraa isin uumee ishee irraa qindii isii taasisee, akka isheetti booharuuf (mukuu bahuuf). Yeroo inni ishee qunnamu ulfa salphaa ulfoofte, (salphina isaa irraa bakka feete) ittiin deemte, Yeroma isheen ulfaattu Rabbiin Gooftaa isaanii kadhatan "yoo Ati (ilma) gaarii nuuf kennite, dhugumatti, nuti warra Si galateeffatan irraa taana" (jechuun). [Ala'araaf: 189], hawwiin tun guuttamuun galataa fi tola Rabbi irraa taate qofa galata isarratti turuu dirqama godhatti.

Islaamni dhimma hortee fi waan isaan walqabatu itti yaade, waan sanitti akeeku keessaa waahee hortee gaarii fi qananii ilmaanii abbummaa Rabbii tan samii fi dachii erga dubbate booda, Rabbiin oltahe ni ja'e: Mootummaan samiileefi dachii kan Rabbiiti. Waan fedhe uuma. Nama fedheef dubara kenna; nama fedheef immoo dhiirota kenna. (49), Yookiin dhiiraafi dubara makaa kenna. Nama fedhe immoo maseena godha. Inni beekaa, danda’aadha. [Ashuuraa: 49, 50]. Rabbiin oltahe hortee gaarii qabaachuu faaya jireenya addunyaa irraa lakkaawe, Rabbiin oltahe ni ja'e: Qabeenyiifi ilmaan faaya jirreenya addunyaati [Alkahfi: 46].

shari'aan ilmaanii fi guddisa isaaniitiif bikka guddaa kennite, isaan utubaa hegereeti, tolina isaaniitiin gabbartiin Rabbii oltahee dachii keessatti itti fufti, isii guddisuun akka Rabbi jaalatutti akka mirkanaa'uuf, Rabbiin oltahe ni ja'e: Yaa warra amantan! Lubbuulee teessaniifi maatiiwwan keessan ibidda qabsiisaan isii namootaafi dhagaalee ta'e, irraa eegaa. [Attahriim: 6], Aliyyi ni ja'e Rabbi irraa haa jaalatu: akkana jachuun isaan barsiisaa adabsiisaa. Nabiin s.a.w ni ja'e: "namni dubara lama hanga gahanitti soore, guyyaa qiyaamaa fi anaa fi isaatu dhufa" quba isaa walitti qabe. (Muslim 2631).

mirgoota ilmaan abbootarraa qaban

١
mirgoota qabeenyaa
٢
mirgoota yaadaa

mirgoota qabeenyaa

mirgoonni kun if keessaa qaba: iddoo jireenyaa fi nyaataa fi dhugaatii fi uffannaa dhiheessuu, eegumsa fayyaa, ilmaan nafaquu akka shari'aan ajajjetti, mirgoonni kun abbaa irratti dirqama taati dandeettiin bakka jirtutti.

mirgoota yaadaa

mirgoota yaadaa ilmaanii tan abboota irratti dirqama taatu keessaa gurguddaan; guddisa gaarii hundee diin gaarii irratti dhaabbattu isaan guddisuu, qur'aanaa fi hadiisa fi seenaa Nabii s.a.w barsiifaman, barsiisa islaamaa irratti guddifaman, waan itti ajajaman hojjachuun tan irraa dhoorgaman dhiisuun, amala gaarii isa keessa jiru qabachuun, kun hundi gaaddisa Rabbi guddisuu fi jaalaachuu, Nabii s.a.w diin isaatii fi shari'aa isaa jaalachuu jalatti.

ilmaaniif rifachuu keessatti guddisa isaaniitii fi gahumsa isaanii irratti dhiibbaa guddaatu jira, guddisa daangaa dabree amala isaanii irratti dhiibbaa godhu tahuu dhabuu wajjiin, ilmaaniif rifachuu fi mararfachuu dhabuun, jabeenyaa fi ulfaatinaan isaan wajjiin jiraachuun, gogina abbootii irraa arguun, lubbuu isaanii miidhutti geessuu dandaha, qaanqee bilchinaa sammuu isaanii keessatti dhaamsa, jallinaa fi fincilaan isaan daga, jallinaa badiinis.

mirgoota yaadaa keessaa; qilleensa tasgabbii fi ziqii fi jaalalaa maatii keessatti mijjeessuu, lolli abbootii fi obboleeyyan gurguddaa irra hin heddummaatin, sunis amala daa'immanii irratti dhiibbaa godhee shaakalamuu fi guuttamutti akka isaan hin geessineefi.

mirgoota yaadaa keessaa: abbootiin shariika gaarii ilmaan isaaniitiif arguuf kajeeluu, warra amala badaa fi aadaa jibbamtuu wajjiin walitti makamuu hayyamuu dhabuu; sunis amala isaanii waan balleessuuf, leydaan amala badaa warra biraa irraa akka gama isaanii hin dabarreef.

gorsuu fi qajeelchuu fi kallattii garsiisuu

haadhaa fi abbaan haala ilmaan isaanii toohachuu qaban, amalaa fi dalagaa isaanii hordofuu, gorsuu fi qajeelchuu fi kallattii garsiisuun yeroo haajaan dirqamsiiste hunda seenuun, garuu san hunda keessatti jiddu galeessa tahuun dirqama, qajeelchuu fi yaada kannaa ooluunis hin barbaachisu, xiqqoo fi guddoo hundarrattis hin barbaachisu; sunis ilmi gorsa dhaggeeffachuu fi itti dalaguu akka hifatu gooti; kanaaf haadhaa abbaan gorsaa fi qajeelfamaaf yeroo fi akkaataa sirrii filachuu qaban.

mirgoota ilmaan haadhaa abbarraa qaban

١
mirgi ilmaanii dhaloota isaanii dura jalqabdi; jaartii fi jaarsa gaaarii filachuun.
٢
mirga ilmaanii argamuu fi jiraachuu keessatti.
٣
mirga ilmaanii shanyii keessatti.
٤
mirga ilmaanii hoosisa keessatti.
٥
mirga ilmaanii maqaa gaarii keessatti.
٦
mirga ilmaanii aqiiqaa keessatti.
٧
mirga ilmaanii tola walqixxummaa keessatti.
٨
mirga ilmaaniif kadhachuu.

jaarsaa fi jaartii gaarii filachuu

gurbaan haadha gaarii ni taati ja'ee yaadu filachuu qaba, hintaltis abbaa gaarii ni taha jattee ka yaaddu filachuu qabdi.

mira ilmaanii argamuu fi jiraachuu keessatti

١
shari'aan ilmaan ajjeesuu haraam goote, innis waan warri wallaalaa hiyyummaa fi qaanii sodaaf dalagaa turani.
٢
guutumaan guututti dhala lagachuu shari'aan haraam goote.
٣
ilmoo firraa baasuu fi erga lubbuun itti afuufamtee ulfa gatuu shari'aan haraam goote.

mirga ilmaanii shanyii keessatti

innis mirga ilmaati abbaa isaatti gosa lakkaawwachuun, sababni isaatis wanti miragoota qabeenyaa fi yaadaatiin wal qabatu hundi mirga kanatti hidhaa waan taheefi.

mirga ilmaanii hoosisa uumamaa keessatti

hoosisa kana keessa bu'aalee fayyaa fi lubbuu fi hawaasummaa hedduun akka jirtu beekkumsa ammayyaatiin mirkanaawee jira ; isiitu haajaa ilmootii fi ittisa isiitiif irra caala irras guuta, tolina lubbuu fi sammuu isaatiifis, fuuldura faxinummaa isaatii fi amala isaa, deebii gaarii fi nagaya miirotaa fi mudannoof qabaachuu isaa irratti dhiibbaa waan godhuuf.

mirga ilmaanii maqaa gaarii keessatti

innis mirga lammaffaatii miti, inumaa dirqamoota bu'uraa Nabiin s.a.w sahaabaa isaa -Rabbi irraa haa jaalatuu- irratti kakaase keessaahi, akkuma maqaalee hiikkaa fokkotaa qaban irraa isaan dhoorkuu turetti. maqaalee gaggaariif bololli Nabiin qabu, sadarkaa maqaa sahabaa garii erga isaan islaamawan booda jijjiirutti gahe, namummaa fi amala irratti dhiibbaa inni qabuuf jacha.

mirga ilmaanii aqiiqaa keessatti

innis Rabbiif galata galchuuf jacha waan -niyyaa fi ulaagaa murteeffateen- dhalatarraa qalamu. Ni ja'e s.a.w: "daa'imni hundi aqiiqaa isaatiin qabdii godhamee jira, guyyaa torbaffaa isaa irraa qalamti, haadamee moggaafama" (Abudaawuud 2838), Ni ja'e: "gurbarraa re'ee lama geessuu, hintalarraa re'eedha" (Abudaawuud 2834).

Mirga ilmaanii waliin jireenya walqixaa keessatti

wajjiiin jireenya lubbuu fi qabeenyaa keesatti taati, dhiiraa fi dubartis garaagarummaan jidduu hin jiru. Nu'umaan bin Bashiir irraa Rabbi irraa haa jaalatuu ni ja'e: abbaan kiyya horii isaa irraa garii natti sadaqate, haati tiyya Amraa bintu rawaahaa ni jatte: hanga Ergamaa Rabbii s.a.w rageessitutti hin jaaladhu, abbaan kiyya gama ergamaa Rabbii s.a.w ni deeme sadaqaa tiyya iraatti rageessisuuf, Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'een: "ilmaan kee hundaaf kana gootee?" ni ja'e: lakkii. ni ja'e: "Rabbii sodaadhaa ilmaan keessan jiddutti walqixxeessaa", abbaan kiyya deebi'ee sadaqaa san deebise. (Bukhaarii 2587, Muslim 1623).

Mirga isaaniif kadhachuu fi isaan irratti kadhachuu dhabuu

Ergamaan Rabbii s.a.w ni ja'e: "kadhaa sadi tan qeebalamtu, tan shakkiin keessa hin jirre: kadhaa miidhamaa, kadhaa imalaa, kadhaa abbaan ilmaaf kadhatu" (Ibnu Maajah 3862), Ni ja'e ammas: "Mataa keessan irratti hin kadhatinaa, ilmaan keessan irrattis hin kadhatinaa, qabeenya keessan irrattis hin kadhatinaa, sa'aa deebii Rabbirraa qunnamtanii, isiniif qeebalamuu sodaa" (Muslim 3009).

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi