kutaan ammaa model
Barnoota mirga ilmaanii
barattoonni biraa count: barnoota kana xumuran
Rabbiin qalbii haadhaa abbaa hortee gaarii argachuu fi tan nageenyaa fi fayyaa qabdu hawwuu irratti uume, tun hawwii abbaa keenya Aadamii fi jaartii isaati nageenyi isaanirratti haa jiraatu, Rabbiin oltahe ni ja'e: Inni Isa lubbuu takka irraa isin uumee ishee irraa qindii isii taasisee, akka isheetti booharuuf (mukuu bahuuf). Yeroo inni ishee qunnamu ulfa salphaa ulfoofte, (salphina isaa irraa bakka feete) ittiin deemte, Yeroma isheen ulfaattu Rabbiin Gooftaa isaanii kadhatan "yoo Ati (ilma) gaarii nuuf kennite, dhugumatti, nuti warra Si galateeffatan irraa taana" (jechuun). [Ala'araaf: 189], hawwiin tun guuttamuun galataa fi tola Rabbi irraa taate qofa galata isarratti turuu dirqama godhatti.
Islaamni dhimma hortee fi waan isaan walqabatu itti yaade, waan sanitti akeeku keessaa waahee hortee gaarii fi qananii ilmaanii abbummaa Rabbii tan samii fi dachii erga dubbate booda, Rabbiin oltahe ni ja'e: Mootummaan samiileefi dachii kan Rabbiiti. Waan fedhe uuma. Nama fedheef dubara kenna; nama fedheef immoo dhiirota kenna. (49), Yookiin dhiiraafi dubara makaa kenna. Nama fedhe immoo maseena godha. Inni beekaa, danda’aadha. [Ashuuraa: 49, 50]. Rabbiin oltahe hortee gaarii qabaachuu faaya jireenya addunyaa irraa lakkaawe, Rabbiin oltahe ni ja'e: Qabeenyiifi ilmaan faaya jirreenya addunyaati [Alkahfi: 46].
shari'aan ilmaanii fi guddisa isaaniitiif bikka guddaa kennite, isaan utubaa hegereeti, tolina isaaniitiin gabbartiin Rabbii oltahee dachii keessatti itti fufti, isii guddisuun akka Rabbi jaalatutti akka mirkanaa'uuf, Rabbiin oltahe ni ja'e: Yaa warra amantan! Lubbuulee teessaniifi maatiiwwan keessan ibidda qabsiisaan isii namootaafi dhagaalee ta'e, irraa eegaa. [Attahriim: 6], Aliyyi ni ja'e Rabbi irraa haa jaalatu: akkana jachuun isaan barsiisaa adabsiisaa. Nabiin s.a.w ni ja'e: "namni dubara lama hanga gahanitti soore, guyyaa qiyaamaa fi anaa fi isaatu dhufa" quba isaa walitti qabe. (Muslim 2631).
mirgoota ilmaan abbootarraa qaban
mirgoonni kun if keessaa qaba: iddoo jireenyaa fi nyaataa fi dhugaatii fi uffannaa dhiheessuu, eegumsa fayyaa, ilmaan nafaquu akka shari'aan ajajjetti, mirgoonni kun abbaa irratti dirqama taati dandeettiin bakka jirtutti.
mirgoota yaadaa ilmaanii tan abboota irratti dirqama taatu keessaa gurguddaan; guddisa gaarii hundee diin gaarii irratti dhaabbattu isaan guddisuu, qur'aanaa fi hadiisa fi seenaa Nabii s.a.w barsiifaman, barsiisa islaamaa irratti guddifaman, waan itti ajajaman hojjachuun tan irraa dhoorgaman dhiisuun, amala gaarii isa keessa jiru qabachuun, kun hundi gaaddisa Rabbi guddisuu fi jaalaachuu, Nabii s.a.w diin isaatii fi shari'aa isaa jaalachuu jalatti.
ilmaaniif rifachuu keessatti guddisa isaaniitii fi gahumsa isaanii irratti dhiibbaa guddaatu jira, guddisa daangaa dabree amala isaanii irratti dhiibbaa godhu tahuu dhabuu wajjiin, ilmaaniif rifachuu fi mararfachuu dhabuun, jabeenyaa fi ulfaatinaan isaan wajjiin jiraachuun, gogina abbootii irraa arguun, lubbuu isaanii miidhutti geessuu dandaha, qaanqee bilchinaa sammuu isaanii keessatti dhaamsa, jallinaa fi fincilaan isaan daga, jallinaa badiinis.
mirgoota yaadaa keessaa; qilleensa tasgabbii fi ziqii fi jaalalaa maatii keessatti mijjeessuu, lolli abbootii fi obboleeyyan gurguddaa irra hin heddummaatin, sunis amala daa'immanii irratti dhiibbaa godhee shaakalamuu fi guuttamutti akka isaan hin geessineefi.
mirgoota yaadaa keessaa: abbootiin shariika gaarii ilmaan isaaniitiif arguuf kajeeluu, warra amala badaa fi aadaa jibbamtuu wajjiin walitti makamuu hayyamuu dhabuu; sunis amala isaanii waan balleessuuf, leydaan amala badaa warra biraa irraa akka gama isaanii hin dabarreef.
haadhaa fi abbaan haala ilmaan isaanii toohachuu qaban, amalaa fi dalagaa isaanii hordofuu, gorsuu fi qajeelchuu fi kallattii garsiisuun yeroo haajaan dirqamsiiste hunda seenuun, garuu san hunda keessatti jiddu galeessa tahuun dirqama, qajeelchuu fi yaada kannaa ooluunis hin barbaachisu, xiqqoo fi guddoo hundarrattis hin barbaachisu; sunis ilmi gorsa dhaggeeffachuu fi itti dalaguu akka hifatu gooti; kanaaf haadhaa abbaan gorsaa fi qajeelfamaaf yeroo fi akkaataa sirrii filachuu qaban.