barnoota itti fufi

Seensa hin galmeessine
amma barnoota mimbar taa itti uf galmeessi, fooyyawuu kee hordofuuf, qabxiilee walitti qabachuuf, dorgommii keessa seenuuf,. eega galmooftee boqannaalee baratterratti waraqaa ragaa ilektiroonii argatta.

kutaan ammaa model

Barnoota Dhaalmaya islaama keessatti

Barnoota kana keessatti garii fakkii seera dhaalmayaa islaama keessattii baranna.

  • Wan seera dhaalmayaa adda taasisu barachuu.
  • Rogaalee dhaalmayaatii fii ulaagaalee isaa barachuu.
  • Dhiiraa fi dhalarraa dhaaltota irratti waliif galame barachuu.

Dhaalchisuun sirna ilma namaa kan addunyaati, kan ummatoonii durii fi ammas qabatan, sababa inni waa qabaachuu fi isatti deemuu keessatti uumama namaa madaaluufi, rakkina adeemsa horii nama du'ee keessatti jiruuf furmaata.

Seerri dhaalmaa islaama keessatti gadi fageenya hedduu if keessatti qabaachuu isiitiin adda taate, haala dhaalchisaatii fi, namoota dhaalan, qooda cufa isaaniitiin kan wal qabatu, sirna guutuu fi dinqisiisaa keessatti. Islaama keessatti wantoota gadi fageenya sirna dhaalchisuu kana adda godhan keessaa, sababoota waldhabbii jidduu foroota dhaalamatti muruudha; dhaaltonni dhaalmayni ajaja Rabbiitiin isaaniif hiramuu wayta beekan, lubbuun isaanii ni tasgabbooyti, qooda isaatis ni jaalatan, akkasumas waan adda isa godhu keessaa mirga dhaaltota hundaa eeguudha, dhimmi ilaalchaa fi tattaaffii nama gariitiif hin lakkifamu, nama fehdaniif kennanii ka fedhan dhoorkatanii, kuniis sababa waldhabbii fi faca'iinsaa akka hin taaneef.

Rogoota dhaalmaa

١
dhaalamaa.
٢
dhaalaa.
٣
dhaalmaya (haftee).

dhaalamaa

inni du'aa yookiin -kan du'atti dhaqqabsiifame- kan waan dhaalamu hambise.

dhaalaa

inni jiraataa eega dhaalamaatii - yookiin jiraattotatti dhaqqabsiifamaa- kan sababa sababoota dhaalmaa irraa taheen dhaalamaa irraa dhaaluu haqa godhate.

dhaalmaa

yookiin hafteen yookiin dhaalmaa yookiin hambaa jachuun; horii yookiin haqa dhaalamurraa waan dhaalamaan hambisu.

seera dhaalmaa

١
duuti dhaalamaa mirkanaawuu, yookiin seeraan warra du'etti dhaqqabsiisuu; akka ka badee wayta qaadiin du'a isaa murteesse, yookiin tilmaamaan; akka ulfa yakka gumaa dirqamsiisuun haadha irraa adda bahe, isiin wabii yakka ulfa irratti raawwatame keessatti dirqamtu.
٢
wayta dhaalamaan du'u dhaalaan jiraachuun mirkanaawuu, yookiin tilmaamaan jiraattotatti isa dhaqqabsiisuu; akka ulfa jireenya dhaabbataan bahee, wayta du'a isaa yeroo jiraachuun isaa irraa mullatuuf.
٣
sababa dhaalinsaa beekuu, firummaan, yookiin nikaahaan, yookiin aantummaan.

tartiiba haftee hiriinsaa

١
du'aa awwaalchaaf qopheessuu.
٢
deynii isaa kafaluu.
٣
dhaamsa isaa gaggeessuu.
٤
haftee isaa dhaaltotaaf qooduu.

wantoota islaama keessatti seera dhaalmaa adda godhan

١
isiin Rabbii oltahe biraa tahuu, kan uumaa isaatii fi waan isaan tolchuu fi isaaniif tolu beeku. Sila Inni uumee (iccitii isaanii) hin beekuu! inni keessa argaafi beekaadha. [Almulki: 14].
٢
mirga haftee isaa akka fedhetti qooduu dhaalamaaf kennuu dhabuu isiiti; sababnis fedhiin isaa isa moohuu dandeessi waan taan taheef, yookiin jaalala ballaa jala bu'uu dandaha, saniin garii warra haqa godhatuu dhoorkuu fi sababaan maletti garii garii irra caalchisus dandaha.
٣
qabeenya qooduu fi harka nama muraasaa qofa keessatti akka daangeffatu godhuu dhabuuf, sunis karaa baayyina hedduu dhaalmaa keessatti hirmaachisiisuutiini.
٤
tokkummaa maatiitii fi wal qabeenya isiitii fi miseensonni isii wal hammachuu tursiisuuf, dhaalmaa hedduu isaaniitiif qooduudhaan, sirna walqixxeessaan.
٥
gama dhaaltonni dhaalmaa jidduu isaanii wal caalchisutti haajamuu eeguu; qoodni hintalaa qooda obboleessa isii irraa walakkaadha, obboleessi isii isaatu mana isaa nafaqa waan taheef maallaqatti haajamaadha, obboleettii isaa ammoo nama biraatu nafaqa.
٦
dhaaltota garii walirra caalchisuu keessatti sadarkaa firummaa eeguu, bu'aan dhaalaa fi dhaalamaa jidduu waan walitti dhaabbattuuf, abbaan akaakoo durfame, haatis akkoo durfamte.
٧
dhaalmaan sirna islaamaa keessatti dirqamaa; dhaalamaan dhaaltota isaa keessaa tokkollee akka isa hin dhaalle dhoorkuu hin dandahu.

dhaaltota dhiira keessaa

dhiira keessaa dhaaltonni dhaaluun isaanii irratti waliif galame kudhani, gabaabumatti isaanis: ilma, ilma ilmaa yoo gad aanes, abbaa, akaakoo yoo ol aanes, obboleessa, ilma obboleessaa, adeera, ilma adeeraa, jaarsa, gabricha bilisoomfame.

dhaaltota dubartoota keessaa

dubartoota keessaa dhaaltonni dhaaluun isaanii irratti waliif galame torba, gabaabumatti isaanis: hintala, hintala ilmaa yoo gad aantes, haadha, akkoo yoo ol aantes, obboleettii, jaartii, gabrittii bilisoomfamte.

Barnoota milkaayinaan xumurtee jirta


Qormaata jalqabi